“Namni Irreecha beeku Nagaa lallaba” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: “Namni Irreecha beeku Nagaa lallaba; jaalalaafi tokkummaa, waltumsaafi obbolummaa utuba. Irreessi irreedha. Irreen jabaadha. Irreen tokkummaadha; tokkummaan humna” jedhan Ministirri Muummee Ahiyyi Ahmad ergaa ergaa Irreecha ilaachisuun kaleessa dabarsisaniin.

Biyyi keenya Ayyaana Irreechaa baranaa abdiifi qormaata gidduutti argamuun kabajji jedhanii, bacaqiin gannaa hanga fedhe ulfaatus, dukkanaa’ee hinhafu. Ni bari’a. Asheetni birraa nyaatamu ganna yeroo rakkinaa keessa qotama jechuun ibsan.

Biyya keenya Itoophiyaan gara ifa badhaadhinaatti ceesisuuf yeroo rakkinaa kana keessa hojii tokko qabnu karaa waara’aa ta’een furuu dandeessisu hojjechuutu nurraa eegama jedhanii, yoo tokkumaan hojjenne biyya keenya dukkana keessaa gara ifa waara’aatti, rakkoorraa gara qananiitti ceesisuu akka danda’amu ibasaniiru.

Daandii ijaaruun, meeshaalee quunnamtii ammayyaa kalaquun rakkoo furachaa as gahanii jiru. Meeshalee qonnaa ammayyaa’aa kalaquun hojii qonnaa karaa salphaa ta’een hojjechuu eegalanii jiru. Dhaabbilee fayyaa ijaarachuun, qoricha uumuun weerara dhibee yeroo gannaa dandadamchuu danda’anii jiru jedhan.

Biyyi keenya Itoophiyaan qormaata ishee mudate cehuu kan dandeessu rakkoo numudate irratti hadheeffannee yoo tokkummaan qabsoofne qofa. Jireenya biyya tokkoo keessatti qormaata irraa bilisa ta’uun yoo hindanda’amnellee, qormaata ofirraa hir’isuun ni danda’ama jedhan ministirri muummeen.

Murna yeroo ammaa qormaata biyya keenyatti ta’e akka jiraatu gonkumaa hayyamuu hinqabnu. Murni tokkummaa, waliin jireenyaafi obolummaa ummattoota biyya keenyaa diiguun harka qullaatti nuhambisuuf marxifatee ka’e kana irree gamtoomeen dhabamsiisuu qabna. Murni kun osoo jiruu aduun birraa uumata keenyaaf bahuu akka hindandeenye hubatamuu qaba jechuun ibsan.

Ibsasaanii guutuu fuula…irraa argattu

Riippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You