• “Fayidaa ummataafi biyyaa dursuu qabdu” – Doktar Baay’isaa Lataa
Jimma: Maqaa masoo ‘We are in the community’ ykn Afaan Oromootiin ‘nuti hawaasa keessa jirra’ hiikaa jedhu qabuun beekama.
Dhugumammoo akkuma maqaasaa hawaasa gidduu taa’ee rakkoo hawaasaa dhiheenyatti qorachuudhaan furmaata qorannicharratti hundaa’e kennaa waggoota heddu lakkoofsiseera.
Yunvarsiiitiiwwan dhaloota duraa keessaa isa tokko kan ta’eefi hojii deeggarsa hawaasa naannawaatiin qofa osoo hintaane qulqullina baruu barsiisuutiinis dursee kan maqaansaa dhahamu. Mallattoo Shanan Gibeefi kabaja Abbaa Jifaar Yunvarsitii Jimmaa.
Dhiheenyattis yunvarsiitiiwwan qorannoo biyyattii keessaa gahumsa olaanaa agarsiiseen sadarkaa 1fa kan bahe Yunvarsiitiin Jimmaa, pirezidaantiinsaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa immoo hoggansa cimaa ta’uudhaan sadarkaa 1fa bahuun gammachuu hawaasa yunvarsiitichaa dachaa taasisaniiru.
Osoo miira gammachuu kana keessa hinbaane torbee har’aa immoo barattoota ogummaawwan akka fayyaa waliigaalaa, hakima beeyladaa, narsiingii, wal’aansa
ilkaanii, seerafi saayinsii kompiyuraatiin barsiisaa ture waliigalaan barattoota 696 eebbisiiseera.
Gama hedduun yunvarsiitiiwwan biyyattii dursuu kan itti beeku Yunvarsiitiin Jimmaa guyyichas yeroo jalqabaatiif barattoota biyya olla, Somaalii Laandi, Magaalaa Hargeessatti barsiisaa ture eebbisiiseera.
“Yeroon itti eebbifamtan kan biyyattiin kallattiilee gara garaatiin dhiibbaa keessa jirtuudha” kan jedhan Pirezidaantiin Yunvarsiitichaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa, ogummaafi barnoota argattaniin bakkawwan biyyi isin barbaaddu hundatti hirmaachuu akka qabanis dhaamaniiru.
Beekamtiin yunvarsitichi yeroo gara garaatti argachaa jiru keessatti shoorri barattootaafi hawaasa yunvarsitichaa olaanaa ta’uufi kun immoo imalasaa milkaa’aa gara fuula duraafis murteessaa ta’uu himaniiru.
“Yunvarsiitiin Jimmaa fakkeenya yunvarsiituuwwan ciccimoo Itoophiyaati” kan jedhan immoo Mistir De’eetaan Saayinsiifi Barnoota Olaanaa Doktar Muluu Naggaa, iccitii milkaa’ina yunversiitichaa keessaa inni tokko pirezidaantii yunvarsiitichaa waan ta’eef kabajni addaa kan isaaniif malu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin fakkeenyummaa yunvarsiitii kanaan hojjatamu cimee akka ittifufuufi gara yunversiitiiwwan biroottis akka ce’uuf ministeerrisaanii deeggarsa barbaachisu hundaan akka cinaa dhaabbatu waadaa galaniiru.
Oduudhuma walfakkaatuun fedhiifi faayidaa dhuunfaa keessan osoo hintaane kan ummataafi biyya keessaniif dursuu qabdu jedhan ammoo pirezidaantii eeggataa Yunivarsitii Amboo Doktar Baay’isaa Lataati. dubbatan. Piezidaantichi kana kan dubbatan torban har’aa wayita Yunivarsitiin Amboo barattootasaa eebbisiisetti.
Barattoota eebbifamamaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniis, guyyichi eebbifamtootaaf yeroo boqqonnaa haaraa itti jalqaban waan ta’eef kutannoofi amanamummaan biyyasaniif hojjechuu akka qaban gorsaniiru.
“Beekumsi furtuu ittiin rakkoon hedduu mo’amu ta’us barachuufi eebbifamuun kan hiika qabaatu yoo ittiin biyyaafi hawaasa ofii tajaajilan waan ta’eef faayidaa yeroof jettanii waan faayidaa biyyaafi hawaasa keessan miidhu kamuurraa of qusachuu qabdu” jedhaniiru.
Walittiqabaa ittaanaan boordii yunivarsitichaafi bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaas gamasaaniin, eebbifamtoonni rakkoo rakkoo kamiifuu furmaata akka taatan abdiin qaba jedhan.
Yunivarsitichi barattoota kuma afuriifi 497 kan eebbisiise yoo ta’u, digrii jalqabaatiin kuma sadiifi 983 digrii lammaffaan immoo 486 akkasumas digrii sadaffaa damee fayyaatiin 27 eebbisiiseera. Eebbifamtoota waliigalaa keessaa kumni tokkoofi 995 shamarran yoo ta’an, lammiileen Sudaan Kibbaa 11 carraa iskolaarshiippiin baratanis guyyichuma eebbifamaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiifi Fiqaaduu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014