Rakkoo nageenyaaa kabaja Ayyaana Irreecha cilee dibaa jiru maqsuun dirqama hundaati

Finfinnee: Akkuma kabajni ayyaana irreechaa guddachaafi bal’achuu jiru sodaan nageenyaa wagga waggaan dabalaa jiru ayyaanicha sadarkaa dhabamsiisuurra waan ga’uuf of eeggannoon taasifamuu akka qabu ibsame.

Tibbana wayita mariin Gumii Balal marsaa 12fan mataduree “Maalummaa Irreechaa, Adeemsa Irreeffannaa Kaleessaafi Boruu,” jedhuun qopheessummaa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatiin qophaa’e adeemsifametti kabajni irreechaa duraan dhorkaa turuurraan kan ka’e namootni muraasni dhoksaatti kabajaa turan yeroo ammaa guddachaa dhufuun giddugaleessaan hirmaattota miiliyoona shan irratti hirmaatanis rakkoon nageenyaa yaaddessaa ta’eera.

Hoogganaan Biiroo Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa ayyaana bal’aa ummata Kuush kan waggoota hedduuf bifa aadaa, duudaafi safuu ummatichaa eegeen nageenyaan ayyaaneffatamaa as ga’e ayyaanaa nagaa, tokkummaafi jaalalaati.

Ayyaanichi ayyanaa guddaa addunyaa ta’uusaatiin mallattoo Oromoo ta’uurra darbee kan sabaafi sablammootaa akkasumas ummata idila addunyaa ta’uun dinagdee keessatti shoora guddaa taphachaa jirudha jedhanii, yeroo ammaa garuu keessumaa waggoota sadan darbanii as dirree walmorkiifi walfalmii siyaasaa ta’uun yaaddoo uumaa jiraachuu dubbatu.

Biirichatti qorataan aadaafi seenaa Obbo Sintaayyoo Tolaa gamasaaniin akka jedhanitti, ayyaanni guddaan ummata bal’aan sadarkaa addunyaatti akka Irreechaa kabajamu xiqqaadha. Ayyaanni tokkummaafi jaalalaan waaqa booruu gannaa dabarsee nagaan booqaa birraatti baasee galateeffachuu kun biyya keenyatti akka boodatti hafaatti ilaalamus biyyoota qarooman keessattuu “Guyyaa galataa/thanks giving day” jedhamuun waggaa waggaan kabajamaa jira. Irreechi ayyaana Waaqa horii, hormaataa, omishaafi omishtummaa kennu ittigalateeffataniidha, warri adiis akka ayyaana Irreechaa guddaa ta’uu baatus kanuma taasisaa jiran.

Ayyaanni Irreechaa amantiifi siyaasarraa bilisa kan jedhan Obbo Sintaayyoon, bakka Irreechaatti kan calaqqisu Oromummaa, duudhaa nageenyaa Oromoo ganamaa, jaalalaan orma hammachuu, tokkummaan ofii cimsachuu ta’uu hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee, jedhu hayyichi,, ayyaanni waan Oromoofi Oromummaa waltajjii addunyaatti olkaasuurra darbee nageenyaafi jaalalaan ummattoota biyyattii haalaan hawataa jiru kun yeroo dhiyoo akkuma guddinniifi mul’innisaa dabalaa jiru keessattuu Finfinneetti ummattoota biroo biratti yaaddoo ta’aa dhufeera. Kunis rakkoo nageenyaa bara 2009 badii lubbuu hedduuf sababa ta’een walqabatee hanga ammaatti sodaan jira. Bara sanaa as lakkoofsi daaw’attoota biyya alaallee hir’ateera.

Irreecha duudhaafi falaasama jireenyaa gadi fagoo qabu kanarraa seenaa gurraachaa haquun gara nagaafi jaalala ganamaatti deebisuun dirqama Oromoo hundaati kan jedhan Obbo Sintaayyoon, xiyyeeffatamuu baannaan orma tumsuun rakkoo nageenyaaf sirna kabaja Irreechaa golatti galchuun waan hinoolle ta’uu akeekkachiisaniiru.

Jaalalaafi nagaa ayyaanni Irreechaarraa argamuun dirqamanii dhorkaafi dhoksaa keessa ta’uun Bishooftuu Hora Har Sadiitti wayita namootni muraasni irreeffachaa turan ajandaan siyaasaafi amantii akka hinjirree kan ibsan Abbaa Gadaa duraanii Tuulamaa Naggasaa Naga’oo yoo ta’an, irreechi kabaja, jaalala, araaraafi nageenya waan ta’eef duudhaasaa ganamaatti deebisuun gahee hundaa ta’uu hubachiisaniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014

Recommended For You