“Gareen shororkeessaa ABUT obsa sodaa se’ee aangootti deebi’uuf shiraa jira” – Jaal Galaasaa Dilboo

Finfinnee: Gareen shororkeessaa ABUT obsa ummata Itoophiyaa akka sodaatti ilaaluun dabawwan gargaraa raawwachaa jira jedhan Huyyu Dureen duraanii ABO Jaal Galaasaa Dilboo.

Jaal Galaasaan daba shororkeessichi biyyarratti raawwataa tureefi jiru ilaalchisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, garichi daba siyaasaafi dinagdee waggoota 27f raawwateef adabbii madaalaa argachuu mala ture jedhan.

Akka ibsasaaniitti, shororkeessichi gargaartotasaa alaa isa deggeran waliin ta’uun muutummaan jijjiiramaa akka ummata biratti fudhatama hinarganneef lubbuu namaa haala suukanneessaan baasaa, qabeenya barbadeessuufi biyyattii jeequuf wixxirfachaa jira.

Rakkoo oggaa aangoorra jiru uume waan amma uumame fakkeessee dhiyeessuun biyya diiguuf shira xaxaa jiraachuus eeranii, waraanni inni biyyattii gara kaabaatti banes kanuma agarsiisa jedhan.

Kana hordofee naannoo Amaaraa, Affaariifi Tigraay keessa nageenyaaf tasagabbiin akka hinjiraanne taasiaa jira. Aangoo siyaassaatti fayyadamun saamicha dinagdee biyyairratti geggeesseen humna horatetti fayyadamuun biyya hunkuraa jiraachuus Jaal Galaasaan himaniiru.

“Daangaa mootummaa naannoo Amaaraa ce’uu to’annoosaa jala galchuu daandii ittiin quunnamtii biyya alaa waliin qabaatu uummachuuf yaalaa jira. Gama daangaa Affaaritti ce’uun daandii Itoophiyaanfi Jibuutii walquunnamsiisu cufee dinagdee biyyaa dadhabsiisuuf daba raawwataa jira” jedhan.

Gareen shororkeessaa gocha badii raawwatee darbeef amma raawwachaa jiru hundeerraa dhabamsiisuuf dhuma baatii Fulbaanaatti mootummaan haaraa hundeeffammu waahunda dura rakkoo nageenyafi tasagabbii irratti xiyyeeffachuu qaba jedhaniiru.

Humnoonni alaa fedhiisaanii galmaan ga’achuuf gidduu seenan nagaafi tasgabbii dhowwuun biyyoota diigaman dhiyoofi fagoorraa muuxannoo fudhachuun qaamolee dhimmi biyyaa ilaallatu hundi waa’ee nageenyaa dubbachuu qaofa utuu hintaane nageenyaafi tasagbbii biyyaaf dursa kennuun hojjechuu qabu jedhaniiru.

Dhaabbileen siyaasaa morkattoota ta’a daandiin nageenyaafi tasgabbii fiduu danda’u daandii keenya qofa jechuu dhiisanii haalota qabatamoo biyyattiin keessa jirtu bu’uura godhachuun daandii nageenyaaf tasagabbii fiduurratti dhufuu qabu jedhu.

Gammachuu Kadiriin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You