Hundaa’uun mootummaa haaraa biyya kan tasgabbeessu ta’uun ibsame

 Finfinnee: Mootummaa haaraan filannoon aangoo qabatee Fulbaana 24 bara 2014 hundeeffamuuf jedhu rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessa jiran furuun tasgabbii siyaasaa kan fidu ta’uu Hayyuun Siyaasaafi Barsiisaan Yunvarsiitii Finfinnee Doktar Taaddasaa Jaalataa ibsan.

Waggoonni sadeen darban waggoota jijjiiramaa waan turaniif raafamni siyaasaafi rakkooleen gara garaa biyyattiitti mul’achaa turuun amala jijjiiramaa ta’uu Gaazexaa Bariisaatti kan himan Doktar Taaddasaan, hundaa’uu mootummaa haaraan booda garuu haalotni kunniin kan dhaabbatan ta’uu dubbatu.

Akka ibsa Doktar Taaddasaatti; bara 2010 irraa eegaleet sirna haaratu biyya kanatti ijaaramaa jira. ijaarsi sirna haaraa kun immoo tarsiimoofi imaammata haaraan utubamuutu isarra jiraata waan ta’eef mootummaan haaraa tarsiimoofi immaammata haaraan hundaa’uun dirqama ta’a.

Sirni ijaaramu kun immoo isa addaa osoo hintaane isuma gaafa duula na filadhaarratti “gaafa filamnu sirna akkanaa diriirsina” jedhanii waadaa galan sana ta’uu qaba.

Paartiin kanaan dura waggoota dheeraadhaaf biyya bulchaa ture qorannoo irratti hundaa’ee kan diigame waan ta’eef inni amma filannoo moo’ee mootummaa hundeessu waan fooyya’aa qabatee akka dhufutu abdatama.

Mootummaa haaraa hundeeffamu keessatti paartiilee morkattootaatiif aangoo hiruuf waadaan galames waan jajjabeeffamu ta’uu kan eeran Doktar Taaddasaan, waadaan kun kabajamee hojirra oollaan biyyoota Afrikaatiifis fakkeenyummaa kan qabaatu ta’uu ibsu.

Keessoo mootummaa sirritti qulqulleessuun, namoota kanaan dura ummata miidhaa turan of keessaa harcaasuufi aangoo kanaan dura netwoorkiin waliif kennamaa ture gara dandeettii qofatti geeddaruun hojii guddaa mootummaa haaraa irraa eeggamu ta’uus eeraniiru.

 Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You