“Daaraa Masqalaa addarra tuqachuun hiika guddaa qaba” -Obbo Dirribii Damisee

Finfinnee: Sirnoonni darban dabareedhaan qabsoo ilmaan cunqurfamootiin dhabamsiifamanis hojmaanni badaa seenaa, aadaafi duudhaalee namaatti abbaa ta’uuf yaaluu calaqqisaa turuu Pirezdaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa ni dubbatu.

Pirezidaantichi Obbo Dirribii Damisee ibsa Roobii darbe haala kabaja Masqalaafi duudhaaleessaarratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, ayyaanni Masqalaa durii kaasee

ilmaan Kuush biratti bal’inaan kabajamaa turuu dubbatu. Akka ibsasaaniitti Masqaalli Kuushotaaf mootii ayyaanotaafi simannaa bara haaraati jedhan.

Kitaabilee hayyoota biyya Awrooppaatiin barreeffaman wabii godhachuun Masqalli ayyaana ilmaan Kuush ta’uu kan himan pirezidaantichi, Oromoo birattimmoo hiika guddaa qaba jedhaniiru.

Guyyaa ibsaan gubamutti daaraa Masqalaa addarra tuqachuufi xomboora boba’u ooyruu midhaanii keessa tuttumachuun aadaa barootaaf ture ta’uus himaniiru.

Daaraa Masqalaa addarra tuqachuun hamaan adda ilmaan namaa akka hinbaanne, mortuun akka isaan hindandeenye simboon bara haaraa akka irra qubatu taasisa jedhan.

Kanamalees xomboora boba’uun midhaan ooyruurra jiru tuttumachuun midhaan facaafame barakaa akka aqabaatu taasisa jedhu.

Akka ibsasaaniitti, midhaan guca Masqalaatiin ooyruurratti tuttumatame ykn daraan Masqalaa irra bu’e daana’oonillee hin nyaatu jedhamee abadatama.

Daaraan Masqalaa midhaan ooyruurra jirurra yoo bu’e midhaanichi akka eebbifamu daana’oon osoo hin nyaatamiin yeroo dheeraaf akka turu taasisa jedhaniiru.

Masqalli ji’a Fulbanaa keessa kan kabajamuufis yeroo malkaan itti gu’uufi hawaasni guuta lagaan walirraa fagaatee ture fuulaan walitti ba’uuf ta’uus Obbo Dirribiin beeksisaniiru.

Sirnoonni darban hedduunsaanii aadaa saba biraa kankooti jechuun afanfajeessaafi seenaa sobaan dhuunfachuuf yaaluun Itoophiyaa keessatti waan haaraa miti jedhaniiru.

Isa kanaaf warri adii gaafa makmaakan waan orma dandeessu baleessi dadhabddummoo kee godhu jedhu kan jedhan Obbo Dirribiin Itoophiyaa keessatti ayyaanotaafi seenaa hatuun heddummaachuu dubbatu.

Akka aaadaa kabaja mootii ayyaanaa Masqalaatti dur dur Oromoon kennaawwan gara garaa waliif arjooma turuus kaasanii, isaan kunis kanneen akka Amooleefi Bunafaati jedhu.

Ayyaanni Masqalaa ummata Kuush biratti bal’inaan kabajamaa akka ture ragaalee hedduutu jiru kan jedhan Obbo Dirribiin sadarkaa Afrikaatti Oromoo dabalatee saboota akka Hereroo (Afrikaa Kaaba Lixaa, Saba Gikuyyuu, saba Naandiifi ilmaan Kuush mara biratti bal’inaan kabajamaa turuufi har’as itti jiraachuu ibsaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You