Finfinnee: Ayyaanni Masqalaa Oromoo biratti hiika guddaa waan qabuuf mootii ayyaanotaa jedhamee waamama. Ayyaanni Masqalaa maaliif mootii ayyaanaa jedhame gaaffii jedhuuf Abbootiin Gadaafi hayyoonni deebii qabu.
Hayyuu Gadaa Tuulamaafi Gorsaa Abbootii Gadaa Naggasaa Nagawoo Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, Ayyaanni Masqalaa tibba birraa kan kabajamu hangafa ayyaana Oromooti. Tibba ayyaanni kun itti kabajamu midhaan ni asheeta, biqilaan ni daraara, lagni ganna guutee ceesisuu dhowwate hir’atee firri walarguu jalqaba. Ayyaanni fira biyya keessaafi biyya alaa walitti fidee torbansaa ammoo ayyaana Irreechaas waliin akka kabajan kan taasisu mootii ayyaanaati jedhu.
Ayyaanichi tibba itti namoonni beelaafi rakkina keessaa ba’anitti, akkaumas midhaan asheetee nama dhiisnaan simbirroonniyyuu nyaatanii quufanitti waan kabajamuuf yeroo quufaa,fi gammachuuti kan jedhan hayyuun kun, tibba kana boftiifi allaattiiwwan akka cululleefi joobiraa ganna ijaanii hin argine kan itti arguu jalqabaniidha jedhu.
Abbaa Gadaa Maccaa Abbaa Gadaa Warqinaa Tarreessaa akka jedhanitti, Ayyaanni Masqalaa Oromoo biratti ayyaana guddaa ykn mootii ayyaanaa jedhamee beekama. Ayyaanni kun tibba midhaan faca’e itti daraaruufi asheetutti waan kabajamuuf yeroo itti namniifi beelladoonni nyaatanii itti quufaniifi gabbataniidha. Kanarraa ka’uun Oromoon yoo mammaaku “Masqalliifi galgalli waakkii hinqabu” jedha. Kana jechuun inni hinqabnellee isa qaburraa yeroo itti waa argachuu danda’uudha.
Ayyaanni Masqalaa aadaa Oromoo ibsuufi beeksisuu keessattillee gahee olasnaa qaba kan jedhan Abbaa Gadaa Warqinaan, ayyaanicharratti nyaatawwan aadaa ni qophaa’u, sirboonni aadaas ni sirbamu, dargaggoonniifi shamarranis ayyaanicharratti wal ilaallatu ykn kaadhimatu. Ayyaanichi ibsituu aadaafi duudhaa Oromooti jedhu.
Ayyaanni Masqalaa yeroo quufaafi gammachuu akkasumas barattoonni gara mana barumsaatti dacha’an ykn deebi’an kan kabajamu ummata Oromoo biratti ayyaana guddaa ta’uu himanii, namni gaafa masqalaa hinquufne waggaa guutuu beela’a waan jedhamuuf guyyaa sanan nama dhiifnaan beelladoonnillee nyaatanii akka quufan ni taasifama. Kun ayyaanni masqalaa yeroo quufaafi gammachuu ta’uu agarsiisa jedhu. Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka himanitti, Oromoon Ayyaana Masqalaa bifa addaatiin ilaala. Ayyaannichi yeroo ammaa gara amantaatti maxxanfamee ilaalamus Oromoon akka aadaatti ilaala. Ayyaanni kun dukkanni gannaa darbee birraan yeroo bari’u kabajama. Ayyaanni Masqalaa Irreecha dura kan kabajamu ayyaana guddaadha jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014