Irreecha baranaa nagaan kabajamee milkiin akka xumuramuuf hundumtuu gaheesaa bahachuu qaba” -Gumii Abbootii Gadaa Oromoo

Adaamaa: Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadee baranaa Fulbaana 22fi 23 kabajama. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo Kibxata darbe haala kabaja ayyaanichaarratti Magaalaa Adaamaatti mari’ataniiru.

Walittiqabaan gumichaa Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo maricha booda ibsa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Ayyaanni Irreecha baranaa yeroo biyyattiin rakkoon nageenyaafi dhibeen koviid-19 keessa jirtutti waan kabajamuuf ummanni ayyaanicharratti hirmaatu hundi nageenyasaafi fayyummaasaa eeggachuun kabajuu akka qabu dhaamaniiru.

Ayyaanni Irreechaa waltajjii nagaafi araaraa waan ta’eef hundumtuu duudhaa ayyaanichaa eegee kabajuu akka qabu kan yaadachiisan walittiqabaan gumichaa, Irreechi baranaa nagaan kabajamee milkiin akka xumuramuuf hundumtuu gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu gorsaniiru.

Barreessaa gumichaafi Qindeessaan Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadee Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa akka jedhanitti, Irreechi bara 2013 sababa dhibee kovid-19n namoota murtaa’aniin akka kabajamu ta’eera. Dhibeen kun baranas itti fufee waan jiruuf ummatni Oromoo ayyaanicharratti hirmaatu hundi of eeggannoo barbaachisu akka taasisuuf dhaamsa dabarsaniiru.

Ayyaanni Irreecha baranaa kan milkii, jaalalaafi nagaa akka ta’u kan hawwan Abbaa Gadaa Goobanaan, Waaqayyo baricha bara nagaa, jaalalaa, gammachuu akkasumas misoomniifi dinagdeen biyyattii itti ol ka’u akka nuuf taasisuuf ni kadhanna jedhaniiru.

Abbaa Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa Oromoodhaaf hiika guddaa qaba. Ayyaana mallattoo eenyummaa, aadaafi tokkummaa Oromoo ta’e kun nagaan kabajamee milkiin akka xumuramuuf duudhaafi safuu ayyaanichaa sirriitti eeguu qabna.

Ayyaanni Irreechaa dhimma siyaasaafi amantaa  utuu hintaane ayyaana ummanni Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu uffannaafi faayaa aadaatiin miidhagee, irreessa qabatee malkaa bu’ee itti uumaasaa waliin galateeffatuudha.

Dhibeen Koviid-19 jechaan qofa utuu hintaane qabatamaan jiraachuunsaa beekamaadha kan jedhan Abbaan Gadaa kun, kanaafuu ummanni ayyaanicharratti hirmaatu hundi akkaataa ogeessonni fayyaa jedhanitti maaskii (aguugduu afaaniifi funyaanii) godhachuudhaan, saniitaayizarii harkatti qabachuudhaan, harka walfuudhuu, walhaammachuufi waldhungachuu dhiisuudhaan ayyaanicha akka kabajaniif dhaamsa dabarsaniiru.

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa, Sirni Gadaafi Afaan Oromoo wantoota ummata Oromoo hunda tokko taasisaniidha. Ayyaanni Irreecha Hora Finfinneefi Hora Arsadee ammoo waltajjii ummata Oromoo miliyoonaan lakkaa’amu bakka adda addaatii gaaddisa tokko jalatti walitti kan qabuudha. Ummanni Oromoo ayyaana guddaa mallattoo eenyummaafi tokkummaasaa ta’e kana nagaafi araaraan duudhaafi safuu ayyaanichaa eegee kabajuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Ayyaanni Irreechaa waggoota  kuma12 oliif kabajamaa turuusaa himanii, abbaa ayyaanichaa kan ta’e ummatni Oromoo ayyaana duudhaafi aadaasaa addunyaatti beeksisu kana eeggachuu, tikfachuufi kunuunfachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 8/2014

Recommended For You