Finfinnee: Barri 2013 taateewwan milkaa’oofi hudhaalee adda addaa keessummeessee darbus akka lammii tokkotti bara haaraa 2014 abdii haaraan simachuu weellisaa Tsagaayee Dandanaa (Sayyoo) ibse.
Weellisichi dhaamsa hawwii gaarii karaa Gaazexaa Bariisaa dabarfateen akka himetti, barri darbe bara filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan ittigaggeeffameefi guutiinsi bishaanii hidha laga Abbayyaa akka milkiitti galmaa’eedha.
Keessumaa filannoon gaggeeffame bilisummaasaatiin filannoowwaan biyyattiin seenaashee keessatti gaggeessite wajjin walbira qabamee wayita ilaalamu kan dorgomaa hinqabneefi filannoo Oromoon Oromoo akkasumas saboonni kuun Oromoo ittiin filataniidha jechuun ibseera.
Bara darbe gaaga’ama guddaa nagaa biyyattii mudateen lammiileen biyyattii hedduun lubbuu dhabuufi qe’eesaaniirraa buqqa’uun kan nama gaddisiisu ta’uufi iddoowwan waraanni hinmudatiinitti shira dinagdeerratti hojjetameen qaala’inni jireenyaa uumamuun taatee biraa ta’uu eereera.
Barri 2013 akka biyyaatti gufuulee guguddoon mudatan kallattiinis ta’u alkallattiin lammiilee rakkoof saaxilanis, hojiilee jajjaboon lammiileetti abdii horan bu’uurrisaanii jabaa waan ta’eef barri 2014 bara abdiin guutame ta’uufi bara nagaan biyyattii itti mirkanaa’u, lammiilee gidduutti jaalalli, waldanda’uufi walgargaaruun hundee ittijabeefatu akka ta’u hawweera.
Weellisaa Dammaraa Laggasaa gamasaatiin, bara darbe akka biyyaatti rakkooleen walxaxoon nagaa biyyaa, duudhaa ummataa baroota hedduuf ture balleesuufi sochiiwwan birmadummaa biyyaa sarban gama adda addaatiin taasifamus, bu’uurri abbootiin Itoophiyaa qorqalbii dargaggoo keessatti dagaagsan cimaa waan ta’eef waantonni badoon yaadaman hundi osoo hinta’in bara haaraa simachuun kan daran nama gammachiisu ta’uus himeera.
Akkuma ta’etti barri moofaan darbeera kan jedhu artistiin kun, jireenyi ammoo ittifufa waan ta’eef jireenya nagaafi misoomaan guutame geggeessuuf nageenyi biyyaa murteessaadha. Namni kamuu hojjettee kan milkaa’uu, jiraachuu kan danda’u biyyi nagaa yoo taate waan ta’eef bara haaraa kanatti yaada, ilaalchafi ejjeenno moofaa haaraan bakka buusuun ogummaa qabnu maraan waan biyyaafi lammiif malu hojjechuu qabna jedheera.
Barri haaraa bara nagaa, misoomaafi badhaadhinaa akka ta’us hawwee, ummanni biyyattii nageenyasaa eegaa, misooma jajjabeessaa, jiruusaa wayita gaggeessutti vaayirasii koronaarraa of ittisuuf dagannaa malee maloota of eeggannoo hundatti fayyadamuu akka qabu dhaameera.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014