Shororkeessaan ABUT weerera naannolee Amaaraafi Affaaritti raawwateen lammiilee nagaafi qabeenyawwan qonnaan bultootaarratti gochoota badii adda addaa raawwachaa tureera.
Akka fakkeenyattis hidhattoonni shororkeessichaa Aanaa Gaayinti Bataskaana Madaanaalamii Dabra Salaam jedhamurratti meeshaa waraanaa guddaa dhukaasee hordoftoota amantichaa 30 ajjeesuu Bulchaan Bataskaanichaa Luba Musee Hiruyi himaniiru.
Akka Lubich Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti himanitti, hidhattoonni shororkeessichi “Biyya keessan diignee Tigraayi guddittii ijaarra, mootummaa Ertiraas balleessina” jechuun jiraattota Magaalaa Nifaas Mawucaa doorsisaa tureera.
Jirattonni akka jedhanittis gareen shororkeessaa kun dirqamaan ummata walitti qabuufi hoggansa haaraa uumuufis hojjechaa ture.
Gareen kun ummata saamuu cinaatti qaama nagaa akka ta’e akka dhugaa bahaniif sodaachisuun kaameeraan waraabaa akka ture dubbataniiru.
Haala kana dhiyeenyatti hordofaa kan turan Obbo Boggalaa Mucee shororkeessaan ABUT erga magaalasaanii galee namoota dhoksaan dorsisee waa’ee nageenyummaasaa akka dubbatan gochuun kaameeraadhaan waraabaa akka turan ibsaniiru.
Obbo Geetaachoo Dannaqaa jiraataa magaalichaa yoo ta’an, “Biyya keessan diigne Tigiraayi gudditti ijaarra, sana boodas mootummaa Eertiraa balleessina” jechuun dhaadachaa ummatatti himaa turan jedhu.
“Isin hintuqnu, kan barbaannu ministira muummeefi hoggantootasaati” jechuun jiraattotaan waliigaluuf yaalaa turan jedhu.
“Manneen jireenyaa keenyatti dhukaasuun dirqamaan akka gadi baanuufi namoota tokko tokko akka dubbatan dirqisiisuun akka dubbatan taasisaa waraabaa turani” jechuun kan dubbatan ammoo Aadde Naannayyee Maasireedha.
Gareen shororkeessaa ABUT ajjeechaafi reebicha lammiilee nagaarratti raawwachaa ture cinaattis manneen qonnaan bultootaa seenee saamichaa tureera.
Kanan alattis midhaan deeggarsaa lammiilee miidhamaniif qophaa’e mankuusaawwan Dhaabbata Deeggarsa Ameerikaa (USAID) akka saame Itoophiyaatti daarektarri miishiinii dhaabbatichaa Shoon Joonsi himaniiru.
Deeggaramtootarraa deeggarsa humnaan saamaa akka jiru ni hubanna kan jedhan daarektarichi, wanti itti amanne dubbannu garuu miseensonni garee shororkeessaa ABUT iddoo lo’anii galan hundatti mankuusaawwan deeggarsaa keenyaa saamaniiru, kunis haqa nuti beeknuudha jechuun EBCtti himaniiru.
Hidhattoonni ABUT naannoo Amaaraa bakkawwan seenan hundatti mankuusawwan deeggarsaa saamaniiru, konkolaattotas keenyas fudhataniiru, mandara garagaraatti qabeenya barbadeessaniiru, gochaan kunis nufis ta’ee deeggaramtootaf yaachisaadha jedhaniiru.
Wayinisheet Kaasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014