Adaamaa: Akaakuun vaayirasii koviid-19 sadaffaa ‘Deeltaa’ jedhamu Itoophiyaatti argamuu Ministeerri Fayyaa torban kana iftoomseera.
Vaayirasichi dambaliiwwan garagaraa keessa darbuun sadarkaa kanarra kan qaqqabe yoo ta’u, dambalii sadaffaa kunis saffisaan kan tamsa’u ta’uusaatiin kanneen ‘Alfaafi Beettaa’ jedhamanirra daran sodaachisaadha.
Kanarraa ka’uun Ministeerri Fayyaa qajeelfama ittisaasaa fooyyessuun dhiheenya hojiirra kan oolche yoo ta’u, naannoleenis haala qabatamaa naannoosaaniitiin hojiitti hiikuuf sochiirra jiru.
Akka Oromiyaattis Kibxata darbe waltajjiin dadammaqiinsaa hoggantootaafi ittigaafatamtoota seektara fayyaa hirmaachise Adaamaatti adeemsifameera.
Waltajjicharratti haasawa kan taasisan Hogganaa Ittaanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa (BEFO) Obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti, erga weerarri Koviid-19 addunyaarratti mul’ate as namoonni miliyoona 220 ol qabamuufi miliyoonni 4.5 ol ammoo du’aniiru. Seenaa hanga yoonaa jiruun weerara dhibeetiin namoonni hanganaa yommuu du’an kun kan jalqabaati.
Vaayirasicha hammaataa taasisaa kan jirummoo yeroodhaa gara yerootti amalasaa jijjiirrachuufi saffisi tatamsa’inasaa dabalaa dhufuu ta’uu kaasanii, akka Itoophiyaattis haalli ji’a Hagayyaarraa eegalee dabalaa itti jiru yaaddessaa ta’uu ibsu.
Kanaafuu haala amma jiruun sochii hawaasummaa gituun kan hindanda’amne ta’uu kaasanii, maloonni ittisaasaas kamuurra hojiirra ooluu akka qaban dubbatu. Keessumaa tibbi kun tibba ayyaanonni itti baay’atan waan ta’eef hawaasni maaskii kaa’achuufi yeroo yerootti harka dhiqachuu akka hindaganne himu. Dhaabbileen wal’aansaa kanaan dura wiirtuu wal’aansaa Koviid-19 qaban cufuun tajaajila idileetti deebi’anis yoo xiqqaate sireewwan 10 qopheeffachuun haala dhukkubsattoota itti tajaajilanirratti gamanumaa qophii taasisuu akka qaban dubbatu.
Hojii ittisaafi to’annoo cinaattis talaallii fudhachuun hanga miidhamaa qaqqabu hir’isuu akka barbaachisu ibsanii, hawaasnis burjaajii keessaa ba’uun talaallii akka fudhatu hubachiisu.
Ittigaafatamaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Obbo Adaanaa Kabbadaa yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, wayita weerarri vaayirasichaa biyya seene hubannoo hawaasaa uumuurratti hojii bal’aa hojjatameen hanga sodaatame miidhaa osoo hingeesisiin hafuu kaasanii, wayita ammaa garuu dagannaafi xiyyeeffannaan jiru laafaa waan jiruuf akka haaraatti irratti karoorfatanii hojjechuu akka barbaachisu dubbatu.
Magaalonni godinichaa Finfinneetti dhihoofi naanna’anii kan argaman ta’uusaaniitiin hawaasni carraa walkeessa deemuu bal’aa akka qabu eeranii, kanaafis Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjin hojii walta’iinsaan hojjetaa turan cimsanii akka ittifufan himu.
Obbo Gammachuu Adinawo ammoo Waajjira Eegumsa Fayyaa Godina Jimmaatti Raawwataa Hoggansa Balaa Tasaati. Isaanis yaada nuu kennaniin, erga Koviid-19 biyyattiitti mul’ate eegalee hojiileen ittisaafi to’annoo garagaraa hojjetamaa turuufi keessumaa gara jalqabaa cimaa turuu kaasanii, gidduutti garuu tatamsa’innisaa waan gadi bu’ee tureef qabbanaa’aa deemuu ibsu.
Haalli ji’a Hagayyaarraa eegalee jiru garuu daran yaaddessaa ta’uusaatiin ammas waan xiyyeeffannaa olaanaa barbaadu ta’uu kaasanii, dadammaqiinsa uumamerraa ka’uun akka godinasaaniitti irra deebiin taaski foorsii duraan ture cimsuun hubannoo hawaasaa jabeessuun ittisaafi to’annoorratti ammas ciminana kan hojjetamu ta’uu dubbatu.
Hawaasnis nuffii malee maloot ittisaa hojiirra oolchuufi talaallii fudhachuun aarsaa hinmalle kanfaluurraa akka of eegu dhaamu.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014