Akaakuuwwan albuudaa 49 keessaa kan hanga ammaatti faayidaaf oole 20 ta’uun himame

Finfinnee: Qabeenya albuudaa Itoophiyaan qabdu akaakuwwan 49 keessaa 20 qofti faayidaaf oolaa jiraachuu Ministeerri Albuudaafi Boba’aa ibse.

Dameen albuudaa waggoota dheeraaf osoo xiyyeeffannoo mootummaa hinargatin turuun sababoota rakkoo kanaaf eeraman keessaa isa guddaa ta’uu Ministir De’eetaan Ministeeraa Albuudaafi Boba’aa Aadde Simanyi Wubee dheengadda Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.

Waggoota sadeen jijjiiramaatii garuu seektaroota mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa argatan shanan keessaa dameen albuudaa isa tokko ta’uu kan himan Aadde Simmanyi, kanaanis bu’aan bara bajataa xumurametti damicharraa argame agarsiiftuu ta’uu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; dameen albuudaa erga xiyyeeffannoo argatee as jijjiirama olaanaa keessa galeera. Kanaanis bara darbe alergii albuudotaarraa galii doolaarri miiliyoona 682 argameera.

Kunis bu’aa waggoota darban argamaa turan hunda keessaa akka isa olaanaatti ka’uu danda’uudha.

Bara haaraa kanattis bu’aa caalu damicharraa argachuuf hojii qindaa’aan hojjatamaa jiraachuu eeranii, xumura waggaatti galii doolaara biiliyoona tokko argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Galii sharafa alaa dabaluu qofa osoo hintaane, ittifayyadamummaa hawaasa naannawa albuudaa jiraatuu caalatti kan mirkaneessu seerri haaraa qophaa’aa jiraachuus Aadde Simmanyi dubbataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014

Recommended For You