Finfinnee: Hawaasni keenya aadaafi safuu gaggaarii barsiifataan qabutti fayyadamuun bara haaraa 2014 simatetti nageenyasaa eeggatee fayyadamuu akka qabu abbaa Gadaa Tuulamaafi barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaafi jaarsi biyyaa saba Gaamoo Damaa Kumaa ibsan.
Abbaan gadaa Goobana Hoolaafi jaarsi biyyaa Damaa Kumaa dheengadda gaazexaa Bariisaaf ibsa kennaniin, ummata Oromoofi Itoophiyaanota maraan baga bacaqii gannaafi rooba dandamattanii booqaa birraan geessan jechuun hawwii qaban dhaamaniiru.
Hawaasni keenya aadaafi safuu akkasumas waliin jireenya dansaa ta’e akka qabu kan yaadachiisan abbootiin kun, akkaatuma safuufi barsiifata gaggaarii kanaan dura horateetti fayyadamuun bara haaraa tokko jedhee eegale kanatti nageenyasaa eeggatee akka ittifayyadamu gorsan.
Duur Oromoon Dhahaa (bara lakkaawwii) mataasaa qabaachaa akka ture kan eeran Abbaa Gadaa Goobanaan, bara haaraasaas ji’oota Muddeefi Amajjii gidduutti kan warra Awurooppaanotaa wajjin yeroo walfakkaattaatti kabajataa akka tures yaadachiisanii adeemsa keessa hawaasni Oromoo bara haaraa kana gara waqtii birraatti jijjiiruu ibsaniiru.
Jaarsi biyyaa saba Gaamoo Damaa Kumaa gamasaaniitiin ummanni Itoophiyaa seenaa boonsaa baroota hedduu keessatti horate qabaachuu himanii, injifannoowwaniifi seenaawwan isa boonsan hedduu kana dhaloonni ammaa fudhachuun biyyattii rakkoolee keessaa baasuu qaba jedhan.
Hoojiilee guguuddoo akka biyyaatti eegalaman bakkaan gahuufi xumuruuf carraaqqii godhamu keessatti hawaasni gaheesaa bahachuu akka qabus maanguddichi dubbataniiru.
Hojiileen eegalaman guguddoon kan xumuraman yoo nageenyi amansiisaa jiraate waan ta’eef hawaasni nageenya naannawasaa tiksuun manii yaadame bira akka gahamuuf shoorasaa bahachuu qaba jedhaniiru.
Nageenya amansiisaa dhugoomsuuf immoo duudhaafi safuu kanaan dura abbootii keenyarraa dhaalle deeffanne bara haaraa kanatti ittifayyadamuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Bara 2014tti waldhabdeen tokkollee akka hinuumamneefi nageenyi hawaasa keessatti waaraan akka dhugoomuuf, abbootii gadaa, abbootii amantiifi jaarsooliin biyyaa waliin ta’uun hojjetachuu akka qabaniis kaasaniiru.
Bara haaraa kanatti kan ilmoo dhabe dhala akka argatu, kan qabeenyasaa dhabe addunnaa (qabeenya) akka horatu, kan fayyaa dhabee fayyaalessa akka ta’uufi kan nageenya dhabes nageenyasaa akka deeffatu yoo barbaadame; hawaasni marti waliin ta’uun tumsuu akka qabu abbaan jaarsi biyyaafi Abbaa Gadaa Gooabanaan dhaamaniiru.
Dargaggoon humna ho’aa of harkaa qabuufi biyyattii boru abbootiisaarraa fudhatu miira tasgabbii horachuun, nageenyaaf bakka guddaa kennee gahee irraa eegamu bahachuu qabaanis dhaamsasaaniiti.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014