Vaayirasiin Koronaa gara addunyaa keenyaatti erga dhufee gaaga’amni lubbuufi dinagdeerratti qaqqabaa tureefi jiru daran ulfaataadha. Dhibeen kun farra lubbuu dhala namaa, dinagdee, hawaasummaafi hudhaa guddina biyya keenyaafi addunyaa ta’ee itti fufuura.
Tatamsa’ina vaayirasichaa dhaabsisuuf sochii ogeessonniifi qorattoonni fayyaa addunyaa taasisaa turaniin talaalliin kennamuu kan eegale yoo ta’u, isaa as jijjiiramoonniifi sochiin hawaas-dinagdee lammiileefi biyyootaa fooyya’iinsa agarsiiseera.
Amma garuu dagannaa akka biyyaatti qaqqabaa jiruun tatamsa’innisaa dabalaa jiraachuu Daariktarri Dhimmoota Kominikeeshinii Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Doktar Taganee Raggaasaa beeksisaniiru.
Doktar Taganee Raggaasaa leenjii tatamsa’ina vaayirasichaa ilaalchisuun torban darbe Adaamaatti gaazexeessitootaaf kennamerratti argamuun haasa’aa taasisaniin akka jedhanitti, lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii daran dabalaa jira. Dagannaa hawaasaa babal’achaa dhufuu tatamsa’ina vaayirasichaaf sababa ta’uufi lakkoofsi namoota maaskii keewwataniis xiqqaachaa jiraachuu himaniiru.
Tatamsa’ina vaayirasichaa hir’isuuf kutaalee hawaasaa saaxilamoodha jedhamaniif talaalliin akka kennamu taasifamus akkaataa karoorfameen hinmilkoofne kan jedhan daariktarichi, kanaafis sababa kan ta’e rakkoo ilalchaa talaallichaan walqabatee afarfamaa ture waan ta’eef kanarratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.
Talaallichi jalqaba wayita Itoophiyaa keessatti kennamuu jalqabu ogeessonni fayyaas ta’e miidiyaaleen akkasumas dhaabbileen adda durummaan vaayirasichaaf saaxilamoo ta’an talaallicha fudhachuurratti harkifannaan jiraachuu himanii, kun immoo tatamsa’inni vaayirasichaa akka waan taasissuuf ummatni dagannaa keessaa ba’ee of eeggannaa tamsa’ina vaayirasicha ittisuuf gargaaru hunda taasisuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Tibbanas lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaa jiranii dabalaa jira jedhamee himamuu siyaasa wajjin walitti hidhuuf yaaliin tokko tokko taasifamaa jiraachuu kan himan Doktar Taganeen, keessumaa ayyaanni Masqalaafi Irreechaa as dhiyaachuun walqabatee daataan tatamsa’ina vaayirasichaa dabaleera inni jedhamu ayyaanicha gufachiisuuf kan akeekeedha yaanni jedhu haqarraa kan fagaate ta’uu ibsaniiru.
Dhimmi fayyaafi siyaasni walitti hidhamuu hinqabu kan jedhan daariktarichi, hawaasa ilaalcha akkasii keessaa baasuuf miidiyaaleen dhimma kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Miidiyaaleen tatamsa’inni vaayirasichaa dabalaa jiraachuu haalaniifi akka waan mootummaan ayyaana Masqalaafi Irreechaa hambisuuf yaadeetti odeeffannoo sobaa tamsaasan kan jiran ta’uus eeraniiru.
Miidiyaaleen tatamsa’inni vaayirasichaa dabalaa jiraachuu haalan daldala siyaasaa gudunfachuuf jecha yoo malee dhimma fayyaa hawaasaafi siyaasa waanti walitti hidhu hinjiru. Yeroo ammaa vaayirasiin koronaa irra deebiin tatamsa’aa jira. Sababuma kanaan Ameerikaan labsii uggura marsaa sadaffaa taasisuuf sochiirra jiraachuushees eeraniiru.
Itoophiyaa keessattis qajeelfamoonni ittisa vaayirasichaa xiyyeeffannoo argachuu akka qabu kan hubachiisan Doktar Taganeen, kunis baay’inni namoota dhibichaan qabamaa jiranii yeroo gara yerootti dabalaa waan jiruuf ta’uu himaniiru.
Talaallii vaayirasichaa akka biyyaatti kennuuf karoorfame dhibbantaa 20 keessaa kan raawwatame dhibbantaa lama qofa ta’uus himanii, talaallicha fudhachuurratti rakkoon ilaalchaa ni mul’ata. Rakkoo kana furuufis namoonni fakkeenya ta’uu danda’an tokko tokko talaalicha fudhachuuf fedhii kan hinqabne waan jiraniif miidiyaaleen hojii hubannoo uumuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Talaalliin kennamaa jiru kan Chaayinaa, kan Ameerikaa, kan Raashiyaa jedhanii sadarkeessuunis ilaalcha cabuu qabu ta’uu himanii, talaalliiwwan marti Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin beekamtii waan argataniif carraa argametti fayyadamanii talaallicha fudhachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Hawaasnis olola sobaa talaallichaan walqabatee ka’uufi yaalii namoonni muraasni tatamsa’ina vaayirasichaa siyaasaan walitti hidhuuf taasisan dhaga’uu akka hinqabne hubachiisaniiru.
Ogeeyyonni miidiyaa maricharratti hirmaatan tokko tokkos yaada kaasaniin akka jedhanitti, miirri dagannaa gama mootummaatiin calaqqisaa jiraachuun hawaasnis ta’e miidiyaan dhimma kanarratti akka callisu taasiseera. Ittifayyadamni maaskiis guutummaa dagatamaa dhufeera. Qondaaltonni mootummaas waltajjii argaman mararratti maaskii maleefi qajeelfama ittisa vaayirasichaaf sirriitti hojiirra oolchuu dhabuun dagannaan akka babal’atu taasiseera.
Miidhaa koviid-19 biyyoota Awurooppaarraan gahe Itoophiyaa akka hingaagaaneef talaallicha waliingahuun, rakkoo ilaalchaafi siyaasaan walitti hidhuuf yaalamaa jiru maqsuuf hojiin hubannoo uumuu miidiyaaleefi ogeeyyota miidiyaatiin hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013