Rakkoo bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa furuuf qindoominaan hojjechuun murteessaadha

Adaamaa: Leenjiin Biiroon Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Oromiyaafi Akkaadaamii Hoggansaa Oromiyaa waliin ta’uun qopheessaniifi dhimmoota bulchiinsaafi ittifayyadama lafaafi kenniinsa tajaajila sektara lafaarratti Hagayya 20 eegalee hoggantootaafi hojjettoota sektara lafa sadarkaa naannoo, godinaa, aanaafi magaalaatti jiran kuma tokkoofi 500 ta’aniif magaalaa Adaamaatti kennamaa ture har’a xumurama.

Leenjitoota keessaa tokko kan ta’an Ittigaafatamaa Ittaanaa Waajjira Lafaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Obbo Kaasaayee Gammachuu ibsa kaleessa Gaaxexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, godinni addaa kun Finfinnee marsee kan jiru ta’uun walqabatee rakkoon ijaarsa seeraan alaa, weerara lafaafi qubannaan seeraan alaa bal’inaan mul’ata. Bulchaansaafi kenniinsa lafaan walqabatees rakkoon hoggantoota sektara lafaa biratti kan mul’atu ta’uu eeraniiru.

Adeemsa seeraan alummaa bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti mul’atu sirreessuuf tattaaffii cimaan taasifamaa turus guutummaatti dhaabuun kan hindanda’amne ta’uu eeranii, rakkoolee bulchiinsaafi ittifayyadama lafaatiin walqabatanii jiran furuuf bulchiinsi godinichaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjetaa kan jiru ta’uu himaniiru.

Rakkoolee bulchiinsaafi ittifayyadama lafa godinichaan walqabatanii jiran furuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamaniiru kan jedhan Obbo Kaasaayeen, hoggantoonni waajjira lafa godinichaarra hojjetaniifi bulchiinsaafi ittifayyadama lafaafi kenniinsa tajaajilaan walqabatee rakkoo uumanirrattis tarkaanfii seeraa fudhachuun kan jalqabame ta’uu eeraniiru.

Leenjiin ittifayyadamaafi bulchiinsa lafaatiin walqabatee hoggantoota sektara lafaarra hojjetaniif kenname rakkoolee damichaa furuu kan danda’amu ta’uus himanii, hojichi xiyyeeffannaa guddaa waan barbaaduuf ummataafi sektaroota dhimma lafaan walqabatan waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhu.

Rakkoo daangaa bulchiinsaa godinichaafi Finfinnee gidduu jiru furuufis hojiin jalqabame cimee kan ittifufu ta’uu himanii, waanti guddaan godina addaas ta’e Finfinneen kan Oromiyaa waan ta’eef bulchiinsonni lamaan qindoominaan waliin hojjechuudhaan rakkoo ijaarsa seeraan alaa, weerara lafaafi daangaatiin walqabatanii jiran furuu akka qaban dubbataniiru.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Oromiyyaa Obbo Taarraqany Bulultaa akka jedhanitti, rakkoo bulchiisaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuuf dandeettii raawwachistummaa hoggansaafi ogeeyyii caasaalee sadarkaa naannoo hanga gadii jiranii cimsuun dhimma murteessaadha. Leenjichi hanqina hubannoo seeraa lafaan walqabatee hoggantootaafi ogeessota sektara lafaarra hojjetan biratti mul’atu furuufi bara 2014tti rakkoolee bulchiinsaafi ittifayyadama lafaan walqabatan hir’isuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.

Gaabasni sobaa murtii sobaatiif ykn karoora sobaatiif ka’umsa ta’a kan jedhan Obbo Taarraqany, kanaafuu hoggantoonniifi ogeeyyonni sektara lafaa bara 2014tti waan karoorfataniifi raawwatan haqaafi dhugaarratti hundaa’uun gabaasuu akka qaban yaadachiisuudhaan kallattiiwwan hojii bara dhufuu kaa’aniiru.

Bulchiinsa lafaa ammayyaa’aa taasisuun tajaajila si’ataafi qulqulluu kennuun, ijaarsa seeraan alaa to’achuufi weerara lafaa dhabuun, yakka bulchiinsa lafaatiin walqabatu qulqulleessuufi hojii iftoominaa qabu raawwachuun kallattiiwwan hojii ijoo bara 2014 raawwatama ta’uu himaniiru.

Leenjicharratti raawwiin hojii bara bajataa darbeefi karoorri hojii bara 2014 irratti kan mari’atame yoo ta’u, hanqinaaleefi ciminoonni raawwii hojii bara bajataa 2013 keessatti mul’atanis adda ba’uun himameera.

Leenjiin guyyoota 10 hoggantootaafi ogeessota sektara lafaarra hojjetaniif kennamaa ture har’a bakka Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, bulchintoonni godinaaleefi aanaalee akkasumas kantiibonni magaalota Oromiyaa argamanitti kan xumuramu ta’a.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You