Finfinnee: Tumsi Itoophiyaanoti duula biyya baraaruu gocha jiran murna shororkeessaa ABUT barbadeessuuf malee ummata Tigraay kan hinilaallanne ta’uu dhalattoonni Tigraay hubachaa jiraachuu Doktar Biqilaa Hurrisaa beeksisan.
Waajjira Ministira Muummeettiqindeessaa giddugala dagaagina sirna dimokraasii Doktar Biqilaa Hurrisaa duula biyya bittinnaa’uu jalaa baraaruuf shororkeessaa ABUT irratti fudhatamaa jiru ilaalchisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, duulichi duula shororkeessaa dhabamsiisuurratti xiyyeeffate ta’uun dhalattoota Tigraayiin hubatamaa jira.
Akka ibsasaaniitti, ummanni Tigraay Itoophiyaa har’aa ijaaruu keessatti ummata gumaacha qabuudha. Ummati obbolootasaa kaan wajjin xiinsammuu, dinagdeefi hawaasummaan walitti hidhamee jiruudha.
Murni shororkeessaa ABUT garuu ummata Tigraayitti akka meeshaa fayyadamuun Itoophiyaa bittiinneessuuf wixxirfachaa jira jedhanii, waggoota 27n darban aangoo siyaasaa harkasaa tureen dahachuun yakkaa dhala namaa, dinagdeefi hambaaleerraa miidhaa cimaa qaqqabsiisuu ibsan.
Yeroo dhihoo as dhalattoonni Tigraay Finfinneefi naannolee adda addaa keessa jiraatan duula biyya baraaruu shororkeessaa ABUT irratti Raayyaa Ittisa Biyyaatiin (RIB) fudhatamaa jiru hubachaa jiraachuusaanii waltajjiilee garagaraarratti agarsiisaa akka jiranis Doktar Biqilaan himaniiru.
RIBf dhiiga arjoomuun aantummasaanii mul’isaa jiran gama hundumaan ittifufsiisuu akka qabanis eeranii, warra shororkeessaaf meeshaa ta’anii odeeffannoo dabarsuun tokkummaa biyyaa diiguuf socho’an saaxiluu qabu jedhaniiru.
Tokkummaa Itoophiyaa sabdaneessummaa keessatti garaagarummaa afaanii, sabummaa, aadaafi amantii carratti fayyadamuun walkabajaa wajjummaan jiraachuu cimsuurratti xiyyeeffatee duulichi geggeeffamaa kan jiru ta’uus beeksisaniiru. Dhalattoonni Tigraayi akkuma durii obbolootasaanii kaan wajjin akka qaama tokkootti jiraachuu qabus jedha.
Gocha shororkeessaa ABUT Itoophiyaanota amantii, sabummaa, afaansaanii addaan qooduun waa’ee sabasaanii qofa yaadanii akka walgaarreffataniif raawwachaa tures hunduu balaaleffachuu akka qabus dhaamaniru.
Gammachuu Kadiriin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013