Mootummaa haaraarraa maaltu eegama?

Filannoo waliigalaa marsaa 6fa baatii Waxabajjii darbe geggeeffamerratti hundaa’uun mootummaa haaraan Fulbaana 24 bara 2014 akka hundaa’u tibbana ibsameera.

Gaazexaa Bariisaas kanuma sababeeffachuun mootummaa haaraa kanarraa maal eegdu, maalirrattis xiyyeeffachuu qaba jettu jennee ogeessa seeraa Obbo Wandimmuu Ibsaa, nama siyaasaa buleessa Jaal Galaasaa Dilboofi Paartii ‘Izeemaarraa’ Obbo Abbaa Akaaluu dubbisneerraa yaadnisaanii walduraa duubaan dhiyaata.

 Obbo Wandimmuu Ibsaa

Mootummaan kun waan gaarii jalqabeera. Yaadota gaggaariis burqisiiseera. Haalli amma Itoophiyaan itti jirtu, filannoon 6fa adeemifames mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 hundeeffamuuf haala gaarii mijeesseera.

Miseensonni paarlaamaas akka duraanii Finfinneedhuma keessa taa’anii torbanitti guyyoota lama (Kibxataafi Kamisa) qofa taasifamuun hingeggeeffamu.  Amma akka ibsamaa jirutti ji’a tokko keessatti turban guutuu (Wixataa hanga Sanbataatti) walga’aa turban sadii hafan ummata waliin dabarsuuf saganteeffachuun kun gaariidha.

Paarlaamaan bakka bu’aa ummataati. Bakka bu’aa jechuun kan ummata keessa jiraataa yaadasaa funaanee ciminas ta’e rakkoo jiru addaan baasee mootummaaf dhiyeessuun akka irratti mari’atamu kan taasisuudha. Haala kanaan haalli hojmaataa gaariin karoorfameera.

Kanarraa ka’uun mootummaan haaluma jalqabe kanaan caalaatti cimee bakka bu’oonni ummataas ta’e kan naannolee aanaalee irraa filatamanitti dhiyaachuun ummata keessa deemanii rakkoo jiru funaananii, waantota ummataafi mootummaa walitti buusan, qaamolee maqaa adda addaatiin socho’uun nageenya booressan amansiisuufis ta’e ummata keessa jiraataa yaada akka calaqqisiisan gachuun waanuma gaariidha.

Paarlaamaa ykn mootummaan amma hundeeffamuuf jedhu kun namoota paartiilee gara garaa keessaa babahan, yaadota adda addaafi muuxannoo cimaa qaban kanneen akka Jaal Galaasaa Dilboo, Doktar Diimaa Nagoo (hundeessitootaafi hayyudureewwan duraanii ABO) Doktar Birhaanuu Leenjisoofaa dabalatee sadarkaa barnootaa olaanaa qaban kan argaman waan ta’eef paarlaamaa haaraan akka isa durii waan qaamni tokko jedheen qofa kan raawwatu otoo hintaane paartiilee karaa nagaatiin qabsaa’an haaluma eegalameen ofitti qabee hirmaachisuudhaan mootummaan ykn paarlaamaa gaarii akka ta’u nan abdadha.

Akkan iddoowwan adda addaatti argamee ummatarraa hubadhetti Paartiin Badhaadhinaa keessa ammallee namoonni ABUT/TPLF gargaaran ni jiru. Kanneen irrakeessa afaanumaan waan isa wajjin waan jiran fakkeessuun yaadaan ABUTf deggarsa taasisan ni jiru. ABUTs ta’e qaamni bosona jiru waan aangoo qabatan ittifakkaatee namoonni deggaran waan jiraniif paartichi keessoosaa sakatta’ee qulqulleeffachuu qaba.

Barri 2014 biyya keenyaaf tasgabbiin bu’ee misoomni jalqabame ittifufu ta’uu qaba. Hundarra garee TPLF jedhamu kana mootummaan haaluma jalqabeen otoo addaan hinkutiin Maqalee mitii gammoojjii Tambeen keessaa dhabamsiisuu qaba. Hanga TPLF gonkumaa baddutti ykn hiddishii buqqa’utti Oromiyaas ta’e Itoophiyaan nagaa argachuu hindanda’an.

Paartiileen Oromiyaa tokko tokko nama qaanessu. Paartiileen Amaaraa, Ummtoota Kibbaa, Affaar, Somaaleefi kkf kan naannoo bulchus ta’e morkataan sagalee tokkoon duula amma TPLF irratti geggeeffamaa jirurratti hirmaataa jiru. Gama Oromiyaatiin garuu Paartii Badhaadhinaa malee warri kaan morkattoonni faallaa waraanaa kana deemanii kanneen TPLF ifatti deggaran ni jiru. Afaaniin paartii karaa nagaatiin qabsaa’u ofiin jechaa shororkeessitoota deggaran kunniinirratti tarkaanfii seera qabeessa fudhachuun barbaachisaadha.

Sababiinsaas biyyi tun biyya Itoophiyaanota hundaati. Maqaa karaa nagaatiin qabsoofnaatiin biyya keessa, waajjira mootummaa keessa taa’anii, konkolaataa mootummaa kennameefitti fayyadamaa, eegumsi gaariin taasifameefii (waan beekamaniif maqaa dhahuun hinbarbaachisu) biyyoota Awurooppaa keessa deemanii maqaa mootummaa kanaa, maqaa ummata Oromoo faallessaa jiranirratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba.

Fakkeenyaaf, ummanni Oromoo guutummaatti akka waan ministira muummee wajjin hinjirreefi paartiisaanii qofa deggaruutti olola hintaane adeemsisaa jiru. Gochoota akkanaa mootummaan karaa qabsiisuu qaba.

Dimokraasii jechuun waan daangaa hinqabne jechuu miti. Qaamni tokko mirga isa kaanii tuquu hinqabu. Qaamni tokko maqaa gaggeessaa biyyaa dhahee biyya alaa keessa deemee waan hinjirre tarreessee maqaa akka balleessuuf eeyyamamuu hinqabu.

Gochoota akkanaa mootummaan callisee dhaggeeffachuufi ilaaluu hinqabu. Adeemsi akkanaa mootummaa hundaa’uufis ta’e biyyattiif rakkoo cimaa ta’uu waan danda’uuf xiyyeeffannaan ilaalamee tarkaanfiin barbaachisu fudhatamuu qaba.

Paartiin tokko seera biyyaa kabajee akka socho’uuf hordafamuu qaba. Yoo callisanii itti dhiisan haalichi gara abbaa irrummaatti deema. Mootummaan taateewwan gaafa paartiilee morkattoonni alaa galanii qabee jiruurraa barachuun tarkaanfii sirreessaa fudhachaa deemuu qaba.

Paartiilee hunda wajjin of eeggannoodhaan karaa nagaa qofa akka qabsaa’an taasisuu qaba. Warra karaa nagaatiin qabsaa’uu barbaadaniif gargaarsa barbaachisu gochaa warreen ammoo billaa lamaan nyaatan jechuunis kanneen warra bosonaafi byya Faranjii keessa naanna’uun maqaa biyyattii bisheessan to’achuu qaba. Warri akkuma keenyatti  qofa yaadaa, qaaqaa, hojjedhaa jedhanis ni jiru; keessumaa gama Oromiyaatiin.

Kun adeemsa sirnoota Dargiifi Mallasiilee balleesseedha. Yaadota adda addaa qabaachuun madda rakkoo ta’uu hinqabu. Yaadicha garuu karaa nagaatiin qofa akka gurguratan taasifamuu qaba.

Gama biraatiin waranni amma adeemsifamaa jiru otoo yeroo dheeraa hinfudhatiin dafee goolabamuu qaba. Kanaafis mootummaan tooftaalee jiran hundatti fayyadamee biyyattiitti olaantummaa seeraa mirkaneessuu qaba. Mootummaan federaalaa deggarsa ummata miliyoona 100 tokkoo qabu garee bicuu wajjin waraana dheeraa geggeessuu hinqabu.

Kanaafis qophiin hanga ammaatti taasise gahaa waan ta’eef dafee dafee TPLF dhabamsiisuu qaba. Yoo kun ta’e malee nageenyis ta’e misoomni biyya kanaa mirkanaa’uu hindanda’u. Akkuma beekamu Wayyaaneen Amaararraa herrega buufanna jettee ummata fixaa jirti. Jarri ni sobdi diinni Wayyaanee guddichi Oromoodha. Yoo Oromoo cabsan Itoophiyaa cabsu. Kanaaf Mootummaan kun warra seeraan ala isa diiguuf deemu seeraqabsiisuu qaba. Kana ammoo seerri kamuu ni eeyyamaaf. Hunda caalaa olaantummaa seeraa mirkaneessuu qaba. Warri bosona jiru yoo danda’e loltuu maatummaatiin lola malee namoota qulqulluu ajjeesuufi qabeenya barbadeessuu hinqabu. Kana gochuun salphina.

Kanas mootummaan ganda gandatti ummata qindeesseefi ijaaree nageenya naannawaasaa akka eeggatu gochuu qaba. Bara 2014tti Itoophiyaan daangaadhaa hanga daangaatti olaantummaan seeraan kan ittimirkanaa’e ta’uu qabdi. Kanneen dabalatee mootummaa kanarraa waan guddaatu eegama jedheen yaada. 

Jaal Galaasaa Dilboo

Ummanni mootummaa haaraa Fulbaanaa 24 hundeeffamuurraa waan hedduutu eega. Mootummaan haaraa hundeeffamu rakkoo nageenya uumameenis walqabate raafamni dinagdee biyyattii muudachaa jiru, lammiilee hunda miidhaa jiru keessumaa kutaa hawaasaa sadarkaa jireenya gadaanaarratti argamutti qormaata ta’ee waan jiruuf yoo xiqqaate ummanni waan nyaate buluuf akka hinyaaddofne  mootummaan cimee hojjechuu qaba.

Paarlaamaa haaraan akka isa durii waan qaamni tokko jedheen qofa kan raawwatu otoo hintaane paartiilee karaa nagaatiin qabsaa’an haaluma eegalameen ofitti qabee hirmaachisuudhaan mootummaan ykn paarlaamaa gaariin akka ijaaramuu abdii.

Barreessaa Izeemaa, Obbo Abbabaa Akaaluu

Mootummaan haaraa hundaa’u caasaasaa sadarkaa gadaanaa jalqabee hanga olaanaatti qorachuun sirreeffama fudhachuu akka qaba.

Haala qabatamaa amma jiruun namoonniifi gareewwan tokko tokko seeraan ol ta’aa jiru. Biyya tokko keessatti olaantummaan seeraa yoo hinkabajamne biyya bulchuun waan hindanda’amneef xiyyeeffannoo olaanaa kennamuufii qaba.

Waraanaa biyyaattiitti deemaa jiruun walqabatee, qorqalbiin ummataa walshakkiifi jibbinsaan waanguutameef, qorqalbii ummataa yaaluun, miirri jaalalaa, waldanda’uufi walgargaaruu akka dagaaguuf hojiileen hedduun hojjetamuu qabu.

Miira waljaalalaafi walgargaarsaa dagaagsuuf ammoo ummata dhaggeefachuun barbaachisaadha. Mallaammaltummaan ammas biyyattiitti hidda gadifageeffatee waan jiruuf xiyyeeffannoo olaanaa barbaada.

Ijaarsa biyyaa keessattii yaadonni gareewwan garagaraarra maddan daran barbaachisoo waan ta’aniifis ammas akkuma kanaan duraa mootummaan paartiilee morkattootaa wajjin ta’uufi dhimmoota biyyaa guguddoo keessatti hirmaachisuun waliin hojjeechuuu barbaachisaadha.

Gareewwan adda addaa biyya keessaafi alaa fedhiisaanii guuttachuuf biyyattiin akka nagaa hintaaneef akka socho’aa jiran waan mul’atuuf mootummaan lammiilee nagaa biyyattii barbaadan faana mari’atee rakkoon jiru yeroo gabaabaa keessatti akka furamuuf cimee hojjechuutu irraa eegama.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013

Recommended For You