“Gantummaa shororkeessaa ABUT raawwate yakka waraanaatiin isa gaafachiisa” -Abukaatoo Wandimmuu Ibsaa

Finfinnee: Gochi shororkeessaa Adda Bilisabaasaa Ummata Tigraay (ABUT) lammiilee Itoophiyaarratti raawwate yakka waraanaatiin kan isa gaafachiisu ta’uu gorsaan seeraafi abukaatoo Wandimmuu Ibsaa ibsan.

Abukaatoo Wandimmuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, gareen shororkeessaa ABUT haleellaa Onkoloolessa 24 2013 gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) ajaja kaabaarratti raawwateefi badiin iddoowwan adda addaatti qaqqabsiise gantummaasaa kan saaxileedha jedhan.

Shorokeessichi lammiilee sabummaan qooduun haleellaa sukkanneessaa raawwachaa turuufi amma raawwachuu eeranii, keessumaa magaalota naannoo Amaaraatti argaman meeshaalee waraanaa guguddaadhaan haleeluun lubbuu namoota qulqulluu balleessuufi qe’eesaaniirraa buqqisuun gocha waraanaa yakkaan isa gaafachiisu raawwachuu beeksisaniiru.

Qonnaan bulaan omishasaa waqtii eeggatee akka hinomishanne danqaa itti ta’uun deeggarsa akka eeggatu gochuurra darbee daa’immaniifi jaarsolii dirqamaan waraanarratti bobbaasuunsaas yakkka cimaa ta’uu abukaatichi eeraniiru.

Sababa gaaga’ama lubbuu namaa, dinagdeefi hawaasummaarratti gareen badii ABUTfi ergamtoonnisaa dhaqqabsiisaniin yakka waraanaa addunyaatiin gaafatamuunsaa kan hinoolledha jedhanii, seerotaafi dambiilee waraanni yeroo gaggeeffamu hojiirra ooluu qaban hunda cabsuusaas addeessaniiru.

Tarkaanfiin yeroo ammaa garee shororkeessaa ABUT irratti fudhatamaa jirus balaa birmadummaa biyyattii qoru waan ta’eef tarkaanfiin lammiileen biyyattii qindoominaan fudhachaa jiran sirrii ta’uu eeraniiru.

Faallaa kanaan, gareen ABUT ummata Tigraay hedduu dogoggorsuun waraanicharratti akka hirmaatan gochuurra darbee abbootii amantiifi daa’imman gocha balaaleffatamu kana keessatti qooda fudahchiisuun sirrii akka hintaane Abukaatoo Wandimmuun ibsaniru.

Adda durummaan gochoota badii ABUT gaggeesseefi geessisaa jiruun naannolee Amaaraafi Affaarirraa namoonni kumaatamatti lakkaawaman qe’eefi qabeennyasaaniirraa buqqisuufi jumlaadhaan ajjeesuun yakka waraanaatiin kan isa gaafachiisuudha jedhan.

Fiqaaduu Dheeressaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You