“Booranni akkuma dhalootaa misoomaanis angafaa jira” -Obbo Guyyoo Galgaloo

 Finfinnee: Godina Booranaatti pirojektonni misoomaa adda addaa eebbifamani tajaajila kennaa jiraachuu bulchaan godinichaa ibsan.

Bulchichi Obbo Guyyoo Galgaloo ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee as Yunivarsitii Booranaa dabalatee hojiileen misoomaa jiruufi jireenya horsiisee bulaa jijjiiran hedduun hatattamaan xumuramanii faayidaa hawaasaatiif oolaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti dhimmi nageenyaa sadarkaa amansiisaarra gahuun hoggansi waan karoorse hojiin akka mul’isuuf carraa banuus eeranii, misoomni guddaan misooma sammuu waan ta’eef ilmaan horsiisee bulaa hedduun carraa barumsaa akka argatan maddiitti, baratanii qabxii olaanaa akka galmeessisaniif beekamtiin kennamuu ibsaniiru.

Hojii sosochii hawaasaa hojjetameen aanaalee garagaraatti miira waldorgommiitiin ummanni qarshii buufatee manneen barnootaa ijaarrachuu Obbo Guyyoon eeranii, Manni Barnoota Ifa Boruu Aanaa Mi’oo, ganda Meelbanaafi Aanaa Yaa’a Bal’oo, Magaalaa Haroo Bakkeetti yeroo kaa’ameef dursee xumuramuu himaniiru.

Daandiiwwann Solooloo – Mi’oo – Keeniyaafi Taltallee-Waayyuu naannoo Kibbaa wajjin walqunnamsiisan xumuramanii tajaajila kennaa jiraachuus beeksisaniiru.

Rakkoo hammaataa Booranaa inni biraa bishaan waan ta’eef pirojektonni hedduun ni barbaachisu jedhanii, karoorawwan ijaarsa bishaanii qabaman keessaa harki caalu hojjetamanii xumuramuus bulchichi eeraniiru.

Pirojektota fayyaa hojjetaman keessaa hanqina bulchiinsa gaarii ta’uun hawaasni yeroowwan garagaraa komii irratti dhiyeessaa kan ture Hospitaalli Meeggaa xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’eera jedhanii, Hospitaala Yaa’a Bal’oo keessatti ijaarsi dabalataa guutummaan xumuramuufi kan Areeroo dhibbantaa 90rra jiraachuu ibsaniiru.

Godinni Booranaa hojiilee gama fayyaafi inshuraansii fayyaatiin barana raawwateen akka Oromiyaatti moodeela ta’ee xumuruus yaadachiisaniiru.

Oduudhuma walqabateen Yunivarsiitii Booranaa yeroo jalqabaatiif Hagayyaa 27 bara 2013 barattoota simatee barsiisuuf qophii xumuruu kan beeksise yoo ta’u, yunivarsiichatti wantootni simannaas barbaachisan hundi guutamuunis yunivarsitichi himameera.

Pirezidaantiin yunivarsiitichaa Doktar Bokkuu Xachee bara barnootaa 2014, barattoota 600 simatee barsiisuuf qophii xumuruus eeree, bu’uraaleen misoomaa adeemsa hojii baruufi barsiisuu milkeessan hundi guutamuus beeksisaniiru.

Rakkoo bishaanii naannichatti mul’atu furuufis boollii bishaanii qotamee xumuramuu, yeroof roottoon abbaa liitira kuma kudhanii tajaajila kenna jiraachuun ibsameera.

Hawaasni yunivarsiitichaas barattoota simachuuf qophii jabaa tolchaa jira jedhanii, jiraattotni Magaala Yaabal’ootis gaafa barattootni dhufan fuula dansaan simachuuf qophii tahuu himaniiru.

 Sinqinash Alamuutiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You