Finfinnee: Ajjeechaa shororkeessaa Shaneen lammiilee Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuutti lammiileerratti tibbana raawwate hidhata amantiifi sabummaa kan hinqabne ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise. Taatee gara jabinaa kana hordofee humnooti bifa amantiifi sabummaa qabsiisuuf yaalan sirrachuu akka qaban ibsame.
Ittigaafatamaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa gocha Shaneen Kiiramuutti raawwate ilaalchisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, shororkeessichi Kiiramuutti lammiilee nagaarratti gocha gara jabinaa raawwateera.
Humnooti fiinxaaleyyiin tokko tokko gocha kana bifa amantiifi sabummaa qabsiisuun ajandaa biraa uumuuf yaalii godhan gocha sirrii akka hintaanes hubachiisaniiru. Tasgabbiifi nagaa deebisuuf mootummaan humnoota gocha gara jabinaa kana raawwatanirratti olaantummaa seeraa kabchiisuuf hojechaa jira jechuun dubbataniiru.
Akka ibsa Obbo Geetaachootti, Shororkeessaa Shaneen dhala namaatiif gochi gara jabinaa aanaa Kiiramuutti raawwate amantiifi sabummaarratti kan xiyyeeffate miti. Gocha gara jabinaa kanaan hamma odeeffannoon kun qindaa’etti lammiileen kuma 40 ta’an qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru. Lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisuuf mootummaan caasaalee nageenyaa naannichaa wajjin hojjechaa jira.
Shaneefi juntaan murna dhala namaatiif garaa laafina hinqabne ta’uusaanii gochi Kiiramuutti raawwatame agarsiiftuudha jedhanii, balichaan Oromoo, Amaaraafi sabootaati otoo hinjenne saboonni naannawicha jiraataa turan miidhaaf saaxilamuu eeraniiru. Fiinxaaleyyiin lubbuu namaa balleessuun ajandaa siyaasaasaanii ittiin milkeeffachuu barbaadan tokko tokko gochasaaniirraa akka of qusatanis Obbo Geetaachoon hubachiisaniiru.
Gama biraatiin shororkeessaa Shaneen ummata Oromoo ganee juntaa waliin dhaabbachuusaatiin otoo hiriirri balaaleffannaasaa Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Algee, Daarimuufi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Shaambuutti geggeffaamaa jiruu Kiiramuutti gochi gara jabummaa Shaneen raawwate humna diigaa ta’uusaatiif agarsiistuudha jedhan. Murnichi garee uumee walfixaa jiraachuus beeksisaniiru.
Hawaasni diinasaa akka ofirraa ittisuuf leenjiin moggaasa “Gaachana Sirnaa” jedhamuun kutaalee hawaasaa adda addaatiif kennamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Geetaachoon, kunis hawaasni caasaa nageenayaasaa wajjin ta’ee akka hojjeetuuf kan gumaachu ta’uu eeraniiru.
Gammachuu Kadir
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013