“Herregni Wayyaanee mootummaafi ABO walitti duulchisuun ofii aangootti deebi’uudha” -Jaal Leencoo Lataa

Finfinnee: Tibba kana humni shororkeessitoonni ABUTfi Shaneen waliin hojjechuuf waliigateerra qaqqabuusaanii ibsamaa tureera. ABUT kaleessa ijaan argaa ABO jibbuun ummata Oromoo dararaa turte har’a herrega “Diinni diinakootii michuukooti” jedhuun Shanee dugda na qabiif waammatteetti. Kanammoo qabsaa’onni buleeyyiin, hayyoonniifi ummanni Oromoo bal’aan balaaleffateera.

Dhimma kana ilaalchisuun qabsaa’aa buleessiifi hundeessaan Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Leencoo Lataa yaada kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, ABUT bara aangoorra turtetti ABO sababa godhatee ummata Oromoo rakkisaa, dararaa, hidhaa, fixaa baate. Ammas tarii yoo aangootti deebite sana ni dhiifti jedhanii yaaduun gowwummaa guddaadha.

“Namni aangoo qabatee dhandhamee arge aangoo  sana deebifatu malee rafee hinbulu. Kanaaf fedhiinsaa bakka qabsoon Oromoo irraa isaan ariitetti deebi’uudha. Isaan aangoon madda humnaa qofa osoo hintaane, madda qabeenyaatis taasifataniiru. Qabeenya kana maleemmoo jiraachuu hindanda’an. Kanaaf akeekiisaanii aangootti deebi’anii qabeenyasaanii deebifachuufi caalaatti horachuu barbaadu” jedhu.

Jaal Leencoon, “kan aangoorraa isaan buqqise qarreefi qeerroo Oromoodha. Meeshaa tokkollee akka hinqabanne agarsiisuuf harka mataarra qabate harkasaa duwwaa hiriireetu aangoorraa isaan fonqolche. Yoo deebi’anii aangootti dhufan namni akkasaanaan hiriiree aangoorraa isaan buqqise tokkollee hinhafu. Keessattuu akeekiisaanii Oromoo dhabasiisuu ta’a. Kanaaf Oromoon ofeeggachuufi of qopheessuu qaba. Ammarratti wanti “diinni diinakootii firakooti” jedhu hinhojjetu” jechuun ibsu.

Qaamoleen waamicha shororkeessaa TPLF fudhachuun walii birmachuuf sochii eegalanis aarii siyaasaa qabaniin malee yaadanii hojjechaa hinjiran kan jeran qabsa’aa buleeyyiin kun, Oromoon Oromoof qabsaa’uun mirga; garuu meeshaa humna barbadeessaa Wayyaanee akka hintaane ofeeggachuun akka irra jiru hubachiisu.

“Wayyaaneefi Shaneen waltaane jedhanii labsuunsaanii baay’ee ajaa’iba natti uume. Wayyaaneen maqaa ABOtiin miseensaafi deggaraa qofa osoo hintaane Oromoo mataa olqabatee deemuu hedduu dhabamsiisten. Ani akkan hubadhutti, ABOnis diinasaaniiti, mootummaan aangoora jirus diinasaaniiti. Diina kana lamaan walittii buusanii walrukuchiisanii isaan bakkasaaniitti deebi’uuf herreggatan.

Herregi kun isaaniif herrega qajeelaadha; nuti garuu kana keessa seenuun gowwummaadha, dogoggora seenaatis.” Kanaafuu Oromoon bakka jiru dammaqee, walgaadii’uu, waldoggagrsuufi walitti duuluun hafee gurmuu keenya tokko taasifannee, haala as adeemuuf of qopheessuu qabna” jechuun dhaamu.

 Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You