Kutaa Qophiitiin
Finfinnee: Miniistirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hiriira balaaleffannaa garee shororkeessaa Shaneefi ABUTfi deggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf (RIB) taasiifame ilaalchisee galata qaban gama toora feesbuukiisaaniitiin dhiheessaniiru.
“Guutummaa biyya keenyaatti Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deggarsasaanii gochaan mul’isuudhaan tattaaffii akka biyyaatti, biyya injifattuu kana eeguuf godhamuuf Itoophiyaanota tokkummadhaan dhaabatan hundaaf galannikoo haagahu. Itoophiyaan tattaaffii ijoolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haa jiraattu’’ jedhaniiru.
Jiraatonni Magaalaa Amboofi naannawaashee gocha shoroorkessaa ABUTfi gitasaa shanee balaallefachuun kaleessa hiriira bahaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa hiriiricharratti argamuun, “Gochaa wayyaanee Aspaaltii Amboo, lagni Hulluuqaafi karchalleen Amboo haa dubbatu. Oromoo injifatteetta injifannookee tifkadhu’’ jedhu.
Jiraattonnii Magaalaa Holataafi naannawashee, Bulchiinsa Magaalaa Asallaa, Godina Arsii, Magaala Galaaniis Shaneefi ABUT balaaleffachuun aantummaafi deggarsa gootichi RIBf qaban hiriira bahuun ibsataniiru.
Hirmaattoonni hiriirichaas dhadannoowwan “Shaneefi ABUT diina Ummata Oromoofi Itoophiyaati, injifannoo wareegamaan arganne wareegamaaan tikfanna, RIB keenya waliin jirra” kan jedhu qabatanii hiriira ba’aaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, jiraattoonni magaaloota Dukam, Walisoofi Godinni Shawaa Kibba Lixaattis hiriira ba’aaniiru. Hiriiricharrattis kutaaleen hawaasaa daa’immanii hanga manguddootatti, darbees hojjattoonni mootummaa sadarkaa garagaraarraa jiran irratti hirmaataniiru.
Hawaasni dhaadannoowwan gootummaa RIB leellisan darbees jechoota mormii gareewwan shororkeessitootaa Shaneefi Wayyaanee balaleeffatan qabachuun argamanis “yeroon ammaa kan callaafi girdiin itti adda bahuudha. Kanaanis gareewwan birmadummaa biyyaa sarban balalleeffachuu bira darbuun hojiilee qabatamaan RIB cinaa lukkuu amma lubbuutti bira dhaabbachuu eegalle, nageenya naannoo keenya eeggachaa cimsinee itti fufna” jedhaniiru.
Jiraattoonni Aanaalee Mootummaa Naannoo Sidaamaafi Magaalaa Hawaasaa istaadiyamii Hawaasaatti hiriira bahaniin garee shororkeessitootaa Juuntaafi Shanee balaaleeffataniiru.
Hirmaattonni hiriira balaaleeffannaa kunniin gocha diinummaa Juuntaafi Shaneen raawwachaa jiran cimsanii kan balaaleffatan ta’uu dhaadannoowwan adda addaa, geerarsaafi sirboota dhageessisaniin himaniiru.
“Qaamoleen keessaafi alaan dhiibbaa biyya keenyarratti raawwatan hunda dura dhaabanna, humna qabnu maraan RIB cina jirra, birmadummaa biyya keenyaaf lubbuu keenya ni kennina” dhaadannowwan jedhan dhageesisaniiru.
Jaarsoliin biyyaa, ‘Gudumaaleen’ sirna qeexalaa gaggeessaniin ergaa dabarsaniin “mootummaan jijjiiramaa waliin diina nu diiguf deemu dura ni dhaabbanna” jedhan.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 15/2013