Rakkoon qaamolee atileetiksii jidduu jiru furmaata hatattamaa fedha

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Magaalaa guddoo Jaappaan, Istaadiyooma Tookiyootti guyyoota 16f adeemsifamaa kan ture taphni Olompikii Tookiyoo 32fan qabbanaawaa ta’us xumurameera. Tookiyoonis keessummootashee akkuma baga nagaan dhuftan jette simatte nagaan galaa jettee gaggeessiteetti.

Olompikicharratti biyyoonni 205 akaakuuwwan ispoortii 33n, dorgommiiwwan 339 atileetonni kuma 11fi656 hirmaataniiru. Kanaanis walumaagalatti meedaaliyaawwan kuma 1fi80 badhaasaaf kenamaniiru. Kanneen keessaa warqiin 340, meetin 334fi nahaasni 402.

Biyyoota kanneen keessaa 93 qofti gabatee meedaaliyaa keessa yoo galan, 112 ammoo harka duwwaa gara biyyasaaniitti dacha’aniiru. Ameerikaan meedaaliyaa warqii 39, meetii 41fi nahaasa 33n walumaagalatti meedaaliyaawwan 113 fudhachuudhaan olaantumaadhaan galteetti.

Chaayinaan warqii 38, meetii 32, nahaasa 18 dimshaashumatti meedaaliyaa 88n, qopheessituun olompikichaa, Jaappaan warqii 27, meetii 14, nahaasa 17 akka waliigalaatti meedaaliyaawwan 58 badaafamuun sadarkaa lammaffaafi sadaffaa argataniiru.

Biyyoota Afrikaa olompikicharratti hirmaatan keessaa gabatee meedaaliyaa keessa kan galan 13 qofa. Keeniyaan meedaaliyaa warqifi meetii afur, afur, nahaasa lamaan walumaagalatti meedaaliyaawwan 10 argachuudhaan tokkoffaa, addunyaarraa ammoo 19fa; Ugaandaan warqii lama, meetiifi nahaasa tokko tokkoon dimshaashumatti meedaaliyaawwan afurin lammaffaa Addunyaarraa 37fa, Afrikaan Kibbaa sadaffaa addunyaarra 52fa, Misir afraffaa addunyaarraa 54fa, Itoophiyaan ammoo meedaaliyaa warqiifi meetii takka takkaafi nahaasa lamaan meedaaliyaawwan afurin 5fa, addunyaarraa ammoo 56fa argachu dandetteetti.

Olompikiin ammayyaa kun ALA bara 1896 Girik, Ateensitti kan jalqabame yoo ta’u, Itoophiyaan kan hirmaate borumtaa Waraana lammaffaa addunyaa Olompikii 16fa Awustiraaliyaa, Meelbornitti qophaa’erratti.

Olompikii 17fa ALA bara 1960 Xaaliyaan, Roomitti gaggeeffamerratti hirmaattee Irreessaa Abbabaa Biqilaatiin maaraatoniidhaan tokkoffaa ba’uun Itoophiyaafi Afrikaadhaaf meedaaliyaa warqii jalqabaa argamsiiseera.

Olompikii 18fa ALA bara 1964 waggoota 57n har’aa Tookiyoon yeroo jalqabaatiif keessummeessiterratti olompikii 18fa irratti hirmaachuudhaan Abbabaan yeroo lammaffaaf meedaaliyaa warqii maaraatoniidhaan Itoophiyaafis, Afrikaafis, ofiisaatiifis argamsiiseera.

Irreessaa Maammoo Waldees olompikii 19fa bara 1968 Meekisiikoo Siitiitti gageeffamerratti maaraatoniidhaan meedaaliyaa warqii, fiigicha meetira kuma 10n lammaaffaa bahuun meetii argachuudhaan meedaaliyaawwan lama argateera.

Miruts Yifxar, Mahaammad Kadirifi Isheetuu Turaa dirree olompikii Mooskootti inifannoo guddaa galmeessisaniiru.

Eggaa injifannoon dhiiraan baratame kun ALA bara 1992s olompikii Ispeen, Baarseelonaatti yeroo 25faf adeemsifamerratti Mootitiin Olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa addaddaa, Komaandar Daraartuu Tulluu fiigicha meetira kuma 10n meedaaliyaa warqii argamsiisuusheetti dubartoonni Itoophiyaafi Afrikaa damee kanaan addababa’ii olompikiirratti gootota ta’uu mirkaneessite. Warqiin Daraartuun argate tun Itoophiyaaf, isheefi Afrikaaf tan duraa ta’uun galmofteetti.

Kana booddee atileetonni Itoophiyaafi Afrikaa dirreewwan olompikii, shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyaa addunyaarratti osoo atileetota biyyoota biroo of jidduu hingalchin korniyaawwan lamanaiinuu tartiibaan injifannoo ittifufaniiru.

Keessumaa atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa kanneen biyyoota biroo ofduuba buusuun falmiin isaan meedaaliyaa warqiif taasisan olaanaa ture. Haaluma kanaan daaw’ataan ispoortii atileetiksii bakka atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa hinjiretti dorgommiin hinmiidhagu kan jedhanif.

Ta’us biyyattiin dirreewwan atileetiksii addunyaarratti maqaa olaanaa isheefi Afrikaaf galmeesisaa turte yeroo dhihoo as gadi bu’aa dhufeera. Kaleessa wayita dargaggoonnishee dirreewwan ijjifannoo kanneen dhiphisaa turan biyyoonni taa’anii ishee jajaa turan ammaan tana faallaa isheen teessee ilaalu jalqabdera.Rakin kun kan uummameef akkaataa gurmaa’ina ispoortii atileetiksii Keenyaatti.

Akkuma beekamu kanaan dura kilaboonni atileetiksii, Raayyaa Ittisaafi poolisii, kanneen dhaabbilee mootummaa, akkasumas sadarkaa naannootti baayi’inaan horatamaa turan. Waggaa guutuus shaampiyoonaawwan atileetiksii isaanuma jidduutti waan gaggeeffamuuf atileetonni ciccimoonis baay’inaan achirraa burqaa turan.

Keessumaa burqaa atileetotaa kan ta’an kilaboonni naannolee Oromiyaa, Amaaraa, ummatoota Kibaafi Tigraayi diigamaniiru.

Irra caalaa ammoo qaamoleen ispoortii kana ogganan koreen Olopikii, Fdereeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, kilaboonniifi dhaabbileen ispoortii haala ispoorticha guddisuun danda’amuun hojjetaa waan hinjirreef damichi garmalee miidhamaa jira.

Kanaafis ragaan bu’aa gadaanaa olompikii Tookiyoo baranaarratti argameedha. Dhimma kanarratti Koreen Olompikiifi Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa waggaa guutuu falmii keessa waan turaniif maqaa gaariin biyyi keenya dirree olompikiirratti qabdu akka adi bu’u ta’eera.

Olompikiirratti meedaaliyaawwan hammaarrachuun kan beekamtu gareen Itoophiyaa, kan baranaatiin meedaaliyaa afur qofan deebi’eera.

Kanaan dura atileetotaa ji’a sadiifi isaa gadiin qophaa’aa kan ture gareen olompikii biyyaalessaa kan atileetota 38 of keessatti hammatu ji’oota saddeetiif hoteela galee qophaa’us qabxiin galmeessisee deebi’a qaanessaadha.

Mootummaan Itoophiyaa qophii olompikichaatiif qarshii miiliyoona 156 ramaduun dirqamasaa bahatus garichi, ummata kaleessa abaaboo hammate isa simachaa ture mufachiiseera.

Mootummaan rakkoo qaamolee atileetiksii jidduu jiruuf furmaata hatattamaa kennee olompikii ittaanuuf garanumaa akka qaphaa’amuu gochuu qaba.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You