Olmipikii: Qe’ee nageenyaa

Tashoomaa Qadiidaatiin

Taphooti olimpiikii tapha waggaa afur afuriin naanna’ee deebi’uudha. Haala kanaan bara jalqabaa itti tolfamee eegalee kan baranaa kun si’a 32fadha. Taphni kun jalqabamee baroota sadiif irra ce’ameera. Inni jalqabaa bara Waraana Addunyaa 1fadha, bara 1916. Inni 2fafi 3fan bara Waraana Addunyaa Lammataat- bara 1940fi 1944.

Waraana qofa miti olimpikii kan jeequ. Dhukkubni weeraraan ka’us dhiibbaa qaba. Akka sagantaatti olimpikni Tookiyoo-2020, Jaappaanitti, dhiyeenya taasisame kan adeemsisfamuu qabu bara tare, bara 2020tti ture-waggaa tokko dura.

Vaayirasiin kororanaa dhalatee addunyaa waan raaseef qaxxaamure. Waggaa tokko booda Adoolessa 23-/2021 hanga Hagayya 8/2021 (ALG) adeemsisame. Taphichi goolabameera. Nagayaan golobamuusaa addunyaan itti gammadeera, miidhaginasaarratti Koviid-19 dhiibbaa guddaa taasisullee. Qe’een nagayaattis nagaadhaan adda galeera. Waan gaariidha.

Qe’ee nagayaa kana keessatti bakka bu’oonni keenya, kan biyya Xoobbiyaa, akkamitti turan, akkamitti hirmaatan? akkamitti galan? Maaliin galan? Yaada gabaabaan irratti kaasa? Bal’inasaa beektota ispoortiifan dhiisa. Dursa waa tokko tokko isin haa yaadachiisu; seenaa olimpikii.

Tapha olimpikii isa nagaa kaayyeffateefi miidhagaa kana biyya Giriikitu addunyaaf gumaache. Qaroominni biyyi Giriik addunyaaf kennite olimpikii qofa miti. Faalaasama hedduu, saayinsiifi herrega, ji’oometirii, astiroonoomii, dizaayina gamoo (architecture), soqaa (sculpture) saayinsii fayyaa (medicine)fi qoricha adda addaa maqaa dhahuun ni danda’ama.

Beektonni akka Arsistootil, Pilaatoo, Sooqiraaxas, Hoomeer, Peeriklas, Paayitaagoras, Arkiimeedsi kan biyya Giriikitti dhalatanii beekumsasaanii addunyaaf kennaniidha. Kanneen rakkoo addunyaa furaniidha.

Taphni olimpikii kan Giriik maandheffate akkuma beekumsaafi falaasama kaanii bara baraan fooyy’aa dhufee haala ammaa ilaalaa jirru miidhagaa kanarra gaheera. “Galatoomaa!” jedhe Haacaaluun. Giriik addunyaaf dhaabbata taatee akka addunyaan dhaabbatu qoodashii baate. Kanaaf anis warra tapha miidhagaa kana addunyaaf kenneen galatoomaan jedha.

Taphni olimpikii kun biyya Giriikiif aadaadha. Seenaa umrii waggaa kuma sadii olii akka qabu ragaaleen ni ibsu. Olompikni ammayyaa garuu umrii jaarraa tokkoofi kurmaana tokkoo qaba. Akka ragaaleen ibsanitti, taphi olimpikii ammayyaa jaarraa 19fa keessa jalqabe. Inni duraa bara 1896 (ALG) Ateensi, magaalaa guddittii Giriikitti adeemsisame. Bara sana biyyooti hirmaatan 12 qofa turan. Baay’inni ispoortessitootaa ammoo 280. Taatee ispoortii (events) 43tu adeemsisame.

Mee barana duubatti deebi’aa ilaalaa. Yeroo sana ardiin Afriikaa akkam akka jirtu xiinxalaa. Biyyoota meeqatu ture? Daangaa akkamii qabu? Awurooppaa, Isiyaafi kanneen biraas. Xoobbiyaan ammaa tun yeroo sana humnaan ijaaramaa turte.

Akkuman sila kaase olimpikni baranaa kun addunyaa isa 32fadha. Kana keessaa Xoobbiyaan Olimpikii 17 irratti hirmaatteetti. Biyyi teenya Olimpikarratti yeroo jalqabaatiif kan hirmaatte bara 1956 (ALG)tti Meelboorn, Awustraaliyaarratti. Atileetiksiifi Biskiliitiidhaan dorgomte. Atileetonni akka Maammoo Waldee, Nugusee Roobaa, Baashaayee Fallaqaa atileetiksiin yoo dorgoman, kan akka Garramawu Damboobaafi Masfin Tasfaayee biskililiitiin gulufuudhaan dorgoman. Yeroo jalqabaa kanatti medaaliyaan argamuu baatullee hirmaannaan sun mataasaatiin injifannoofi beekamtii biyya kanaaf gumaacha guddaa qaba.

Asirratti dhugaa tokko haa ilaallu. Olimpikii isa jalqabaarraa eegalee Oromoon biyya kana bakka bu’aa turuusaati. Bara 1960 (ALA) irraa eegalee ammoo bara baraan olimpikarratti atileetiksiidhaan mootii ta’aa dhufaniiru.

Xoobiyaan Olimpikii Room kan bara1960 adeemsisamerratti medaaliyaa warqii kan jalqabaa ilma Abbaa Gadaa Shaambal Abbabaa Biqilaatiin argatte. Luka duwwaa (kophee malee) fiigee injifate addunyaa ajaa’ibsiise.

Medaaliyaan Shaambal Abbabaan argate Xoobbiyaaf qofa osoo hintaane Afrikaafillee kan jalqabaa ta’uu hinoolu. Kutannoo guddaa. Kan seenaan hindaganne, kana dhalootaaf barumsa ta’u. Kutannoon jiraannaan injifachuun akka danda’amu Abbabaa Biqilaa ispoortesitootaaf barumsa kennee darbeera. Oromoon, “Yaa Abbabaa Biqilaa oduun gootaa bargama jira” jedhee sirbee. Gochaa ispoortessaa kanaarraa waan hedduutu baratama.

Itti fufa

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You