Harma Hoosisuu: Guddinaafi jabina daa’immaniif dhagaa bu’uuraa kaa’u

Saamraawiit Girmaatiin

Bishooftuu: “Sirna Gadaa keessatti haati tokko gaafa ulfoofturraa kaasee kununsi taasifamaaf. Keessumaa isheen ulfoofte sun harka qalleeyyii yoo taate ummatatu itt kaba. Gaafa deessuus isheefi daa’imnshee akka hinmiidhamneef kununsi taasifamaaf.

Akkasumas harmishee aannan akka ba’uuf qalanii nyaachisu. Qorri akka hinarganneef waan ishee ho’isu kennuuf. Haatis daa’imnishee harma quufee akka hodhuuf waanuma humnashee dursitee qopheeffatti” jedhu Abbaan Gadaa Tuulamaa.

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa kana kan jedhan torban harma hoosisu akka Oromiyaatti Roobii darbe kabajamuu eegalerratti yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniini. Akkasaan jedhanitti, Oromoon haati tokko daa’imashee harma akka hoosistu kan jajjabeessu durumaanii. Kan ofii mitii, ormayyuu harma hoosisee guddifata.

Amma garuu warri barateefi dinagdeedhaan guddatan waadaa haadhummaa diiganii ijoolleesaanii harma hoosisuu dhiisaa jiraachuu kaasanii, harma hoosisuun garuu fayyaa daa’immaniif qofa osoo hintaane daa’imni haadha waliin hariiroo akka cimsatu, jaalalaafi afaan akka beekuuf illee kan fayyadu ta’uu yommuu haatii harma hoosistu ilaalanii hubachuun akka danda’amu dubbatu.

Kanaaf haadholiin daa’ima isaanii gaafa garaatti baatan irraa kaasee kununsuun, yeroo da’an ammoo haalaan harma hoosisuun daa’ima fayyaa qabeessaafi jabaa biyyaaf gumaachuu akka qaban dhaamu.

Aadde Haliimaa Adam jiraattuu magaalaa Bishooftuu yoo ta’an haadha daa’ima ji’a afuriiti. Isaanis akka nuuf ibsanitti, daa’imasaanii hanga yoonaa waan dabalataa tokkoyyuu osoo hinkenniiniif harma qofaa kennaafii kan jiran yoo ta’u, hanga ji’a ja’aa guutuuttis akkasumaan akka itti fufan himu.

Erga daa’imnisaanii ji’a ja’aa guuteemmoo nyaata dabalataa humnisaanii danda’e manumatti qopheessuun kennaafii harma hoosisuu hanga waggaa lamaatti akka itti fufan eeranii, kansa hubannoo buufata fayyaa itti da’an irraa argataniin hojiirra oolchaa jiraachuu himu.

Daa’imman ji’a ja’aa osoo hinguutiin bishaan illee ta’u dhuguu akka hinqabneefi harmi haadhaa waan hundaan guutuu waan ta’eef yeroo yeroodhaan hoosisuun akka irra jiraatu taasisu. Haatis waan humnishee eeyyameef nyaachuun daa’imashee hoosisuuf yaaluu malee, “nan furdadha, miidhaginakootu bada” jettee yeroo malee harma hoosisuu dhiisuu akka hinqabne ibsiti.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa gamasaaniin, daa’imni haalaan harma haadha hodhe fayya qabeessaafi jabaa ta’uun maatiifi biyyasaa fayyada jedhu.

Haati tokko deessee sa’a tokko keessatti daa’imashe eharma hoosisuu akka qabdu eeranii, silgi (aannan jalqabaa) daa’immaniif akka talaaliitti kan fayyadu ta’uu kaasu. Akkasumas, nyaata dabalataas ta’u bishaan malee ji’oota ja’aaf hoosisuu akka qabduuf nyaata dabalataa kennuufi kan qabdu ji’a ja’a booda ta’uu akka qabu kaasu. Kunis osoo harma kennuufii hindhaabiin hanga waggaa lamaatti itti fufuu akka qabu dubbatu.

Kununsi daa’imaa kan eegalu gaafuma garaatti haferraa kaasee akka ta’e kan kaasan ittaanaan kun, kununsi hanga waggaa lamaatti taasifamuus yeroo murteessaa sammuun daa’immanii itti ijaaramu waan ta’eef dhaloota fayya qabeessaafi bu’a qabeessa horachuuf fayyada jedhu.

Kununsi guyyoota 1000, jechuunis gaafa garaatti uumamanii hanga waggaa lamaatti taasifamu kun qancarummaa rakkoo biyyattii ta’e hiri’suuf, saaxilamummaa dhiibee daa’immanii hir’isuuf akkasumas, dhibee da’umsaan booda haadhoolitti dhufu hambisuun baasii mootummaan wal’aansaaf baasu ni hiri’sa; du’a haadholiifi daa’immanis akkasumas akka hir’isu addeessu.

Torban harma hoosisuu akka addunyaatti yeroo 30faf, akka biyyaatti ammo yeroo 13faf mata duree “Harma hoosisuu cimsuun itti gaafatamummaa waloof” jedhuun kabajamaa jira.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You