Naannawa ofii kunuunsaa madda galii uummachuu

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Obbo Habtaamuu Bajigaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Luumeetti  jiraataa Ganda Malmaleeti. Isaanis lafa eegumsa naannawaatiif dallaffemarratti qonnaan bultootuma akkasaanii waliin gurmaa’uun kunuunsaa, hojii madda galiif isaan fayyadu biraa hojjetaa jira.

Dhiheenya kana wayita dhimma hojiitiif garasitti imalletti yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, caasaan gandaa lafa heektaara 30 ta’u kan isaaniif kenne yoo ta’u, isarratti bara 2011 namoota 41 ta’anii gurmaa’anii hojjetaa jiru.

Laficharratti baranaa eegalee biqiltuuwwan akaakuuwwan addaddaa dhiqama biyyee ittisuu danda’an dhaabuu cinaatti marga horiif ta’u dhaabuun haamanii gurgurachuuf qophiitti jiru.

Fuuldurattis gaagura hidhuun damma omishuu akkasumas, marga citaa ijaarsa manaaf ta’u dhaabanii haamanii gurgurachuuf hojjechaa jiraachuu kaasanii, hundaa ol garuu qilleensi naannawichaa jijjiiramee lafti dur gogaa ture misoomuun faayidaa olaanaa ta’uu eeru. Qilleensi naannawaa gaariifi magariisa ta’uun uumamni dandamatee omisha biraa omishuufis kan fayyadu waan ta’eef abdii guddaa irraa qabaachuu dubbatu.

Akka qonnaan bulaan kun jedhanitti, lafti naannawasaanii duraan bosonaan kan uwwifame ture. Turtii keessa garuu mukni irraa ciramee gogolaa’e, hallayyaas ta’e. Kanarraa kan ka’e naannawichatti qonna qotuun rakkisaa, horiifi namnis keessatti kufaa miidhamaa turuu yaadatu.

Jiraattonni naannawichaa biroon cirracha baasuufi suphee dha’uurratti waldaadhaan gurmaa’anii hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Habtaamuun, hojiin eegumsa naannawaa garuu kan dursa kennamuufi hunduu irratti hirmaachuu qabu ta’uu ibsu.

Jiraataa gandichaa biroon Dargaggoo Isheetuu Wadaajoo akka jedhutti, hawaasni naannawichaa waldaalee garagaraatiin gurmaa’uun hojii eegumsa naannawaa hojjechuu cinaatti madda galii taasifachuuf socho’aa jiru. Dargaggoonni 335s biqiltuu qopheessuun magariisummaa naannawichaa dhugoomsuuf hojjetaa jiru.

Keessumaa dargaggoonni kunneen miira “Lafa bosonaa duraan ture numatu mancaase, numatu kunuunsuu qaba” jedhuun ijaaramanii hojjechaa jiraachuu eeree, kanuma biratti wantoota madda galii ta’aniifis karoorfatee hojjechaa jiraachuu dubbata.

Naannawichi miidhamaa waan ta’eef ammatti omisha midhaanii ykn kuduraafi muduraa facaasuuf rakkatus marga horiif ta’u akkasumas citaa ijaarsa manaaf ta’u dhaabee haamee gurguruu, damma omishuufi kkf hojjechuu eegaluu dubbata. Kana malees, fuulduratti biqiltuu qopheessuun gurgurtaafillee yaada qabaachuusaanii kaasee, hawaasni hojii kununsa uumamaa hojjechuun qilleensa qulqulluu argachaa galii uummachuuf hojjechuu akka qabu dhaama.

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 8/2013

Recommended For You