Doktar Zarihun Gabree
Barri kun wantoota garaa garaatiin yoo beekame illee yeroo kam caalaa bara namoonni salphaatti odeeffannoo argatan keessa jirra. Isa kanaaf ammoo teeknooloojiin ga’ee guddaa qaba. Tekinooloojii barichaa keessaa tokko kan ta’e egaa interneetiidha. Innis karaa ittiin yaada barbaanne argachuu dandeenyu, firoota keenyaa wajjin wal arginu, ergaa fagoottis ta’e dhiyootti horii salphaatiin namoota qaqqabsiisnu, daandii ittiin namoota wajjin wal arginuu, haasofnuufi kkf., ilmaan namootaatiif mijeesseera. Namoonni fagoo akka ollaatti waliin jiraataa jiru. Uummanni salphaatti waliin haasa’uu irraa kan ka’e akka walitti dhiyeenya qabaataniifi gama misoomaanis jijjiirama fiduu danda’eera. Sababiin isaa daldala keessatti, interneetiin daandii ittiin oomisha beeksifatan, maree garaa garaa geggeffatan ta’uun shoora guddaa taphataa jiraachuun isaa ifaadha.
Faayidaan interneetii heedduu yoo ta’ellee miidhaa hamaa inni dhaloota irraan geessisaa jiru haaluun hindandaa’amu. Faayidaan interneetii yookaan sabqunnamtii hawaasaa miidhaa isaa haguugee akka nuti faayidaa isaa qofa leellisnu nutaasisuus hinqabu. Seeccaanee isa gaariitti waa’ee ba’uufi isa hamaa ofii keenyas ta’e namoota kan biraa irraa qolachuun murteessaadha. Teknoloojiiwwan bara keenya keessa jiran kana itti fayyadamuus ta’e ittiin of miidhuun harka keenya keessa jira. Beekuu kan qabnu interneetii dhabamsiisuun yookaan itti fayyadamuu dhiisuun gonkuma kan hinyaadamneedha. Egaa miidhaafi faayidaa isaa hubachuun miidhaa isaa irraa fagaatanii faayidaa isaa irratti xiyyeeffachuun murteessaadha.
Sababiin isaa interneetiin biyya lafaa irratti warraaqsa addaa jireenya ilmaan namootaa irratti fideera. Addumaan yerootii gara yerootti gatiin isaa gadi bu’uufi bakka hundumaatti argamuun isaa namoonni bifa salphaa ta’een akka itti fayyadaman ta’eera.
Barattoonnis ta’e dargaggoonni namoota biraa wajjin haasa’uuf, fakkii gaariis ta’e hamaa, fiilmii adda addaa, barreeffama adda addaa kan qorannoofi hojii isaanii keessatti isaan gargaaru hunda karaa imeeyilii ni argatu. Akka qorannoon addeessutti dargaggootni guyyaatti si’a sagal interneetii kan fayyadaman yommuu ta’u torbanitti hanga sa’a 63 interneetii irratti ni dabarsu.
Biyya keenya keessatti ji’atti namni tokko giddu galeessaan hanga qarshii 700 (qarshii dhibba torba) akka interneeta fayyadamuutti baasan qorannoo gabaabaan bara 2013 gaggeeffame nimirkaneessaa.
Darbees interneetiin namoota addaa addaa wajjin wal arguu, bakka kanaan dura salphaatti hingeenye hanga libsuu ijaatti ga’uu akka dandaa’aniif haala mijeesseera. Ergaa dabarfachuuf mana poostaatti marmaaruu nama oolcheera. Xalayaan horii guddaan ergamaa ture karaa imeeyilii horiifi yeroo salphaatiin namoota kumaatamaaf ergan takkaa erguun dandaa’ameera.
Barreeffamaafi qorannoo adda addaa salphaatti hojjechuuf yaadaafi wantoota barbaachisaa ta’an salphaatti akka argannu gochuu irratti interneetiin faayidaan isaa guddaadha.Namoonni daldala qaban, wal ga’ii garaa garaafi oduu haaraa akkasumas beeksisa garaa garaa yeroo gabaabaafi horii salphaan namoota heedduu biraan ga’aa jiru.
Akkasumas interneetiin barattootaaf, dargaggootaafis ta’e namoota garaa garaatiif kuusaa odeeffannooti. Odeeffannoo barbaadan bifa salphaa ta’een argachuufi dandeettii isaanii bakka itti gabbifatanidha. Kanaaf interneetiin daandii ittiin barattoonni yookaan fayyadamtoonni dandeettii isaanii ittiin fooyyeffatan, barnoota irraa argataniidha jechuun nidandaa’ama.
Darbees namoonni utuu hinnuffin akka baratan gochuu keessatti interneetiin faayidaa guddaa qaba. Sababiin isaa interneetatti fayyadamuun fakkiifi sochii garaa garaa argisiisaa barsiisuun akka namoonni gammadaa baratan godha. Inni kun immoo akka isaan waan baratan hinhirraanfanne gochuu keessatti bu’aa guddaa qaba.
Bifa salphaa ta’een akka barachuu danda’aniifi odeeffannoo barnootaa akka namoonni argachuu dandaa’an gochuu keessatti shora guddaa taphateera. Ofii isaaniitiinis akka baratan, qorannoo barbaachisaa gochuu akka dandaa’aniif carraa baneera. Kitaaba garaa garaa warra hinarganneefis bifa ittiin odeeffannoo gaarii argachuu danda’an ta’ee jira.
Karoora addaa addaa hojjechuuf caasaa barbaachisu utuu yeroo hinballeessin akka hojjetaniif ilmaan namaa gargaareera.
Waa’ee mootummaafi haala addaa addaa irratti odeeffannoo barbaachisaa, oduu yeroo, kitaaabota maxxaanfamaniin alatti burqaa irraa barachuun dandaa’amudha.
Interneetiin madda galii ta’uudhaan namoonni akka hojii dhabiinsa keessaa ba’aniif gargaareera. Warri interneetiifi mar-sariitii hojjechuu danda’an akka isaan horii argataniif nifayyada. Daldala addaa addaatiif salphaatti horii utuu hin balleessin waan fedhan akka hojjetaniif, baankiifi hojii daldalaa keessatti bu’aan isaa daran guddaadha.
Egaa marga qofa irratti xiyyeeffachuun bowwaa dagachuun sirrii miti. Faayidaa akka qabu miidhaa isaas hubachuun irra of eeggachuun murteessaadha. Akka malee interneetatti yoo fayyadamne, ofii keenyas ta’e namoota biroo miidhaa guddaaf saaxila baasuun keenya hinoolu. Miidhaa beekumsa irratti bu’ureeffate dhaloota miidhuu danda’u gadi fageenyaan ilaaluun miidhaa isaa irraa of eeggachuun barbaachisaadha. Yeroo hedduu miidhaan beekumsa irratti bu’ureeffatan adda baafachuun salphaa miti. Sababiin isaa waan kan biraa jala miliqee yookaan wal fakkaatee jiraata waan ta’eef. Bofti marga keessaa kan nama miidhuu dandeessu akka hinargamnetti marga fakkaachuutiin. Injiraan mataa illee kan nama nyaattu rifeensa mataa fakkaachuutiin.
Wantoonni namoota miidhuu danda’an interneeta irra faca’uun, gaarii jala miliquun miidhaa guddaa nigeessisu. Yoo hamaa gaarii irraa adda baafachuun fayyadamuu dadhabne, carraa gaarii qabnu hojii irra oolchuu dadhabuun miidhaa teknooloojiwwan addaa addaatiif ni saxilamna. Sababiin isaa interneetiin ergaa garaa garaa namoota adda addaatiin, amantii, siyaasa, dinagdeefi jireenya adda addaa keessa jiraniin nimaxxanfama. Inni kun ammoo namoota biliyoonaan lakkaa’aman ga’a.
Namoota kana keessaa kaan faayidaafi miidhaa interneetaa kan beekaniifi faayidaa isaa irratti xiyyeeffachuun miidhaa isaa irraa kan of qoqqobbatan yommuu ta’an warri kaan immoo isa kana utuu gargar hinbaafatin wantoonni interneeta irra jiran marti sirrii itti fakkaatee bishaan booruu dhudha’uun kan miidhaman danuudha.
Addumaan dargaggoota interneeta fayyadaman keessaa dhibbeentaan 80 ol interneeta irratti yeroo dheeraa sababa dabarsaniif araada interneetaaf ni saaxilamu. Qaama hawaasa kan biraa irra dargaggoonni interneeta dhimma addaa addaatiif itti nifayyadamu.
Tokko tokko odeeffannoo barumsa isaanii wajjin wal qabate irraa argachuuf kan itti fayyadaman yommuu ta’u kaan immoo namoota wajjin wal qunnamuufi haasa’uuf muraasnis bashannanaaf (tapha addaa addaaf), fiilmii, sirbaafi faarfannaa irraa ilaaluuf itti nifayyadamu. Kanaaf xiin-sammuu isaanii, amala isaanii, fayyaa isaaniifi kkf., irratti miidhaa guddaa akka inni geessisu dagachuu barbaachisaa miti.
Namoonni of hineeggatan taanan kan isaan akka xiqqootti ilaalan jireenya isaanii irraan miidhaa hamaa geessisuu danda’a. Jireenya dhuunfaa irra taree akka biyyaatti miidhaan isaa salphaa miti. Dhara babal’isuu keessatti ga’een isaa guddaadha. Soba dhugaa fakkeessuun namootni odeeffannoo sobaan akka miidhaman gochaa jira.
Kana qofa utuu hinta’iin interneetiin akkuma dhugaatii, timboofi kkf., namoota araadaaf nisaaxila. Namoota hiriyoota irraa adda baasee qophaa galeeyyii godha. Firaafi hiriyaa irraa adda baasuun namoota wal hinbeekneefi walitti dhufeenya hinqabnee wajjin akka yeroo dabarsan gochuu irratti shoora guddaa taphata. Akkasumas yeroo sochii qaamaa itti hojjetan dhabsiisuun akka yeroo isaanii heedduun mana keessatti dhumu taasisa. Namoota oduu dharaan dadammaqsuun akka isaan wal-miidhan gochuu keessatti shora guddaa qaba.
Egaa qorannoo dargaggoota irratti ta’een kan mirkaneeffame akkuma wantoonni adda addaa araada namatti ta’an interneetiinis araada ta’uu nidanda’a. Dargaggoonni qorannoo kana irratti hirmaatan interneetiin jireenya isaanii keessatti iddoo guddaa akka qabu; interneeta waan hundumaa irra akka caalchifatan; interneeta fayyadamuuf jecha waan kan biraa kamiin iyyuu akka dhiisuu danda’an; interneetatti fayyadamuu dhiisuu akka hindandeenye yoo dhiisuu yaalan ammoo amala isaanii irratti jijjiirama addaa akka fidu; haalli isaanii hundi akka yeroo interneeta fayyadamanii akka itti hintolle; gaddi, aariifi kkf., akka itti dhagaa’amu ibsan.
Kana irraa wanti hubatamu interneetiin araada namatti ta’uu akka danda’uudha. Araada interneeta irra yeroo dheeraa turuun namatti dhufu kana dhaabuun isaa salphaa akka hintaane argina. Namoonni tokko tokkos sa’a tokkoof interneeta fayyadamuuf jedhanii utuu hinbeekin hanga sa’a 14 (kudha afurii) kan fayyadaman jiru. Isaan kun interneeta hanga barbaadamuu olitti sababa fayyadamaniif yaadni isaanii marri komputara sanaa wajjin walitti hidhamuun wantoota heedduu nihirraanfatu. Inni kun miidhaa interneetiin dhaloota kana irraan ga’aa jiruu keessaa muraasa.
Walumaa galatti interneetiin yoo sirriitti itti fayyadamne faayidaa danuu kan qabu yoo ta’e illee eeggannoo dhabuu irraa kan ka’e akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti gatii guddaa nama kanfalchiisuu danda’a.
“Saafelootni yoo xiqqate guyyaatti sa’a 9 ol interneeta irratti nidabarsu. Mucooliin ganna 8-12 ta’an guyyaatti miidiyaalee garaa garaa irratti sa’a ja’aa ol dabarsu. Inni kun akka mucooliinis ta’e dargaggootni ogummaa angafootaa irraa hin hirmaanneef shora guddaa taphataa jira”
BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013