Balaa lolaa mudachuu malu ittisuuf qophii barbaachisaan taasifame

Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Lolaafi sigiga lafaa rooba gannaa baranaatiin walqabatee Oromiyaa mudacuu malu ittisuuuf qophii barbaachisaan taasifamuu Komiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa beeksise.

Komishinarri ittaanaan komishinichaa Obbo Garramawu Oliiqaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, komishinichi naanichatti balaa lolaafi sigiga lafaa rooba gannaatiin walqabee mudachuu malu ittisuuf odeeffannoo of eeggannoo balaa duraa hawaasa qaqqabsiisu, yeroo balaan qaqqabutti miidhaa xiqqeessuufi balaa booda deebisanii dandamachiisuurratti xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira.

Akka ibsasaaniitti, odeeffannoo of eeggannoo Ejensii Meetiworolojii Biyyaalessaafi abbaa taayitaa misooma yaa’aafi lageeniirraa darbu bu’uura godhachuun Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaarraa darbu bu’uura godhachuun caasaalee dhimma kanaaf diriiranitti gargaaramuun odeeffannoon of eeggaannoo hawaasa qaqqabeera.

 Hojiiwwan bo’oo lolaa qulqulleessuu, muuxannoo bara darbeerraa ka’uun hawaasni naannawa yaa’a laga Awaash jiraatu hamma roobni gannaa darbutti bakka balaan dambalii lolaa qaqqabuu malu hundarraa fagaatanii akka qubatan taasifameera. Miidiyaalee garagaraarratti fayyadamuudhaan hubannoo hawaasaa cimsuuf hojjetameera jedhan.

Harargee Bahaafi Lixaa, Baalee, Gujii Lixaa, naannawa yaa’a laga Awaash Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Bahaa, Arsii waliiglaan godinaaleen torba balaa lolaa rooba gannaatiin gaaga’amuu malu jedhamanii adda baafamuu eeraniiru.

Kana malees godinaalee Shawaa Bahaa, Wallagga Lixaafi Bahaa, Arsii Lixaafi Jimma sigiga lafaa mudachuu akka danda’u adda baafamuu ibsaniiru.

Ganna baranaatti namoonni kumni dhibba tokko ta’u balaa lolaafi sigiga lafaatiin walqabatee dhufuuf saaxilamuu akka danda’an kan raagame yoo ta’u, miidhaa balichaan dhufu hir’isuufis hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Wabii midhaan nyaataa namoota balaa lolaafi isaan qalqabateen miidhamanii ji’oota lamaa mirkaneessuufis bajanni qabamuu Obbo Garramu ibsaniiru.

Dabalataanis komiishinichi fandii lammiif lammii balaa lolaafi sigiga lafaan gaaga’ama humnaa olii hawaasa malu furuufi yeroo balaatti lammiif qaqqabuuf wajjin hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Hanga Roobii darbe oduun kun qindaa’etti balaa lolaas ta’e sigiga lafaatiin Oromiyaa mudate akka hinjirre dubbatanii, hawaasni balaan lolaafi sigiga lafaa ofiisaafi qabeenyasaa baraaruuf bo’oo lolaa baasuun, akkasumas bakka dambaliin galaanaa itti mudaturraa fagaachuun, yoo balaan qaqqabe dafee walii birmachuu akka qabu gorsaniiru.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 1 /2013

Recommended For You