Sammuu soba hinsimanne qabaachuu

 Umuriin oduu sobaa gabaabaa miti. Kan ittiin miidhamanis muraasa miti. Kan ittiin walfixanis xiqqoo miti. Dhaloota walficcisiiseera; shakkii dhaloota gidduutti naqeera; duguuggaa sanyiif sababa ta’eera; bakka milkaa’efitti ammoo geggeessitoota hedduu aangoorraa buuseera.

Egaa oduun sobaa tamsa’uu kan eegale dhabbatni maxxansaa eegaluu wajjin umurii walfakkaataa akka qabu gama kanaan namootni qorannoo geggeessan ni addeessu. Addumaan garuu bara keenya keessa sababa miidiyaaleen hawasummaa heddummataniifi hordoftootnis baay’ataniif yeroo kam caalaa odeeffannoon dharaa babal’achuunsaa beekamaadha.

Baroota darban keessa barreeffamni garaa garaa kan akka gaazexaa, joornaalotaafi kkf kan hawaasaaf dhiyaataa turan dhaabbileefi namoota beekamoon yoo ta’u bara keessa jirru kana garuu haalli kun geeddarameera.

Miidiyaaleen hawasummaa bakka dhaalee jira. Eenyuun akka tamsa’u, odeeffannoon isaanii eessa akka ta’e, namni oduu qindeessee dabarsu eenyuufi nama attamii akka ta’e qoratanii bira ga’uun nama danqa. Inni kun sobaaf karaa baneera.

Soba adda baafachuufis nama danqeera. Sobni dhugaa fakkaatee, wallaalummaan beekumsa fakkaatee sadarkaa itti dhaloota liqimsu irra ga’eera. Baay’een gowwomaniiru. Beekaa fakkaachuun dhaloota gowwomsaniiru. Yaadasaanii, fedhasaanii dhugaa fakkeessanii miidiyaa argatanirratti tamsaasuun dhaloota miidhaniiru. Inni kun gadi fageenyaan qoruu, adda baafachuu gaafata. Kanaachi sobni dhugaa fakkaatee ittifufuu danda’a.

Egaa biyya lafaa oduun sobaa hatattamaan keessa tamsa’u keessa dhalootni jiraatu waan dhaga’e akka sirriitti amanuun gaaffii tokko malee kan simatu utuu hinta’in gadi fageenyaan qoree, secca’ee kan adda baafatu ta’uutu irraa eegama. Keessumattuu barri amma keessa jirru bara soba dhugaa irraa adda baasuun nama danquudha.

Guyyaatii gara guyyaatti wantootni nuti miidiyaalee hawaasummaa gara garaarraa dhageenyu, televiziyootni adda addaa, kanneen barreeffamaniifi tamsa’an utuu dhugummaasaanii hinilaalin simachuun dhaloota gatii guddaa baasisa. Keessuma odeeffannoowwa gara garaa kallattiilee addaa addaatiin yeroo nuqunnaman utuu hinsimatin dura dhugummaasaanii adda baafachuun barbaachisaadha.

Kanaaf oduu sirrii dhararraa adda baafachuuf wantoota ilaaluu mallu keessaa muraasa yoo fudhanne oduun sobaa yeroo hedduu loojikiidhaan akka nuti adda hinbaafanneef miira keenyatti kan dubbatu, oduu haaraa waa’ee geggeessitootaa, siyaasaa yookaan namoota nu wajjin walii hingallee dhiyeessuun akka nuti yeroo fudhannee gadi fageenyaan itti yaadnee adda hinbaafannetti miira keenya dadammaqsuun odeeffannoo dogoggoraa ta’uu akka dagannu nutaasisa.

Sababiinsaas waa’ee namoota dhiyaatan kanaa ilaalchi nuti qabnuuf gaarii ta’uu dhiisuu danda’a. Haala kanatti fayyadamuun akka nuti yeroo fudhannee itti yaadnee dhugaa sobarraa adda hinbaafanne nutaasisa jechuudha.

Kanaaf amala odeeffannoo sobaa keessaa tokko miira namaa qofarratti kan hojjetu, itti yaadamee akka soba ta’uusaa adda hinbaafanne carraa sammuutti fayyadamuu kan nama dhorku hammina barbaadameef kan dhaloota kakaasu gocha hamaadha. Oduun sobaa yeroo hedduu wantoota baay’ee walfalmisiisu irratti yaada ejjennoo kan qabatuudha.

Matadureewwan yaadotaa gara garaa namaa hawatan kaasuun akka namootni hedduun dubbisan yookaan yaada itti kennan, addumaan miidiyaalee hawasummaarratti wantoota maxxanfaman yoo ta’e immoo baay’ina namoota ilaalaniin sababa galii argataniif baay’eensaanii mata dureewwan namoota harkisan malee dhugummaasaarratti kan xiyyeeffan akka hintaane agarra. Galiifi namoota harkisuuf yaalii godhan irraa kan ka’e oduu dhara ta’e kan tamsaasan danuudha. Isaan kana dhalootni adda baafachuu hindandeenye taanaan dhaloota irratti miidhaa guddaa qaba.

Namoota hedduuf nyaata ta’u. Sababiinsaa namootni oduu dharaa facaasan galiifi hordoftoota danuu argachuuf yaalii godhu malee dhugummaa oduu facaasaniif dhimma hinqaban. Yeroo dhiyoo as oduuwwan garaa garaa tamsaa’an namootni hordofan isa kana arguu hinoolle jedheen yaada.

Sababiinsaas namoota fayyaa ajjeesanii namoota du’an ammoo akka waan jiraniitti kan dhiyeessan jiraachuusaanii qofa utuu hinta’in guyyoota muraasa booda oduu isaan dhiyeessan dhara ta’uun yoo mirkanaa’ellee utuu hinsaalfatin dhara tamsaasuutti kan fufan danuudha.

Wanti daran nama ajaa’ibsiisu garuu dharri kun akka itti hinfufneef namootni isa kana irratti yaada kennan homtuu dhibuunsaa kan nama ajaa’ibsiisuudha. Inni kun akka gadi fageenyaan itti yaadnus nutaasisa. Dhalootni keenya hangam akka dhara mormuuf fedhii hinqabne agarsiisa.

Inni kun irraa jalaan dhaloota keessatti akka barsiifata ta’aa hindeemneef ittiyaaduufi dharaan mormuun murteessaadha. Yeroo hedduu oduun siyaasaa wajjin walqabatan dhaggeeffattoota hedduu sababa horachuu barbaadaniif dhugummaa oduusaaniirratti xiyyeeffannoo guddaa hintaasisan. Inni kun dhaloota rakkoo hedduuf kan saaxilu qofa utuu hinta’in yeroo amma keessa jirru kana dhaloota mancaaseera jechuun nidandaa’ama.

Wanta hundarra garuu oduu tokko keessumaa gama siyaasaa wajjin kan walqabatan utuu hinamanin dura adda baafachuun murteessaadha. Utuu odeeffannoo tokko adda hinbaafatin simachuu jechuun utuu jecha weedduu tokkoo hindhaga’in sagalee dibbee dhaga’anii harka rukutuu eegaluudha.

Mee ji’oota muraasa darban keessa miidiyaalee gara garaa irratti oduuwwan darbaa turan haa ilaallu. Meeqansaaniitu oduu sirrii tamsaase? YouTuboota daaw’attan keessaa hanga ammaatti maxxanfaman booda deebitanii yoo ilaaltan yookaan dhaggeeffattan meeqansaaniitu sirriidha?

Televiziyoonii biyya keessaas ta’e alaa tamsaa’an meeqatu dhugaa tamsaasa? Meeqansaaniitu dhugaarratti hundaa’ee tamsaasaa jira? Mareewwan miidiyaalee garaa garaa irratti geggeeffaman meeqatu dhugaadhaa? Meeqansaaniitu oduu yookaan yaada isaan tuffachiisu dabarsa?

Miidiyaaleen hawaasaa akka addunyaa kanaatti bu’aa yeroof jecha kan dhaloota soban hangam baay’ataa jiru? Oduu facaasaniif ittigaafatamummaan kan ittihindhagaa’amne hangam danuudhaa? Isaan kanneen salphaatti utuu sakattaanee daran kan nama yeellaasisan akka ta’e agarra.

Baay’een dhara tamsaasaniitti hin yeella’an. Inni kun ammoo hundumarra kan nama gaddisiisuudha. Dhaloota guyyaatii gara guyyaatti kan sobaa oolan, isa kana akka waan namootni irratti hinbariniitti kan fudhatan danuudha.

Isaan dhara irraa deebi’uu hindandaa’an yoo ta’ellee namootni miidiyaalee akkasii hordofan gadi fageenyaan ilaaluun sirrii isa ta’e fudhachuun dogoggorarraa fagaachuun barbaachisaadha. Sababiinsaa yeroo hedduu namootni mallaqa argachuurratti xiyyeeffatan wantoota namootni dhaggeeffachuu fedhan irratti xiyyeeffachuun dhugaa xiqqoo ishee keessa darbachuun dharaan dhaloota garaa bokoksu.

Isa kana dhalootni keenya gadi fageenyaan itti yaaduun daran barbaachisaadha. Dharri yeroof dhugaa yoo fakkaate illee bulee oolee adda ba’uun isaa hinoolu. Oromoon yeroo mammaaku “Sobniifi ulfi bulee oolee mul’ataa deema” jedha mitiiree? Dharri yeroof malee mul’achuunsaa hinoolu. Kanaaf dhaloota dhara tuffatee dhugaa secca’ee baasu horachuun daran murteessaadha. Dhaloota miira qofatti quufu utuu hinta’in kanneen sammuun gadi fageessan xiinxalan biyyaafis ta’e hawaasaaf daran nibarbaachisu.

Karaa biraas yeroo tokko tokko oduu yookaan barreeffama mataa dureen itti kennamu bifa raajeffannaan kan dhiyeessaniifi hanga barbaachisuu olitti dhara itti ida’uun dhiyeessu. Kana keessattis gadi fageenyaan xiinxaluun dhugaa keessaa funaannachuun soba irraa fagaachuun gaariidha.

Hawaasni waliigalatti utuu hinqoratin, dhugummaa oduu tokko utuu adda hinbaafatin simachuun, dabarsaniis nama kan biraatti himuun dhara babal’isuudha. Si’a tokko tokko oduu simbirtuu (Breaking News) jechuun kan dhiyeeessan jiru.

Oduu simbirtuuyyuu haa ta’u malee akka guutuutti fudhachuun barbaachisaa miti. Sababiinsaas odeeffannoon dhiyaate guutuu miti. Yeroo guutummaasaa dhageenye madaallee fudhachuun gaariidha. Waan hundarra oduun sobaa yoomiyyuu qorannoo sirrii jala kan miliqu yoo fakkaatellee sirriitti secca’anii dhugaa fudhachuun soba ofirraa qolachuun murteessaadha.

Odeeffannoowwan jiran akka dubbii Waaqaatti simachuu irra gadi fageenyaan qorachuun barbaachisaadha. Inni kun dhibuun dhaloota miidheera. Baay’ee balaa hedduuf saaxileera. Sobdootni hedduun akka burqaniifis daandii baneera. Oduun sobaa sadarkaa har’a irra jiruun akka itti hinfufneef oduu dhageenyu dhugummaasaa mirkaneeffachuuf yaaluun barbaachisaadha.

Karaa kan biraa maxxansawwan garaa garaanillee taanaan rakkooleen hedduun akka jiru beekuun gaariidha. Fakkeenyaaf oduun maxxansiwwan tokko tokko dabarsan sirrii ta’uu daandiiwwan ittiin adda baafannu keessaa muraasa yoo ilaalle manni maxxansaa gaazexaa kanaa hangam kanaan dura akka amanamaa ta’e adda baafachuun, burqaan odeeffannaasaa eessa akka ta’e, gama siyaasaatiin ilaalchi isaan qaban maal akka fakkaatu, namni barreesse sun kaayyoon maal akka ta’e, barreeffamnisaa kanaan duraa maal akka fakkaatuufi maal irratti akka xiyyeeffachaa ture, barreeffamootni wabii godhate ilaalchisaanii maal akka ta’e beekuun murteessaadha.

Karaa biraas barreeffamni nuti dubbisnu tokko maqaa nama barreessee sirriitti hinkeenye yoo ta’e gadi fageessinee qorachuun baay’ee barbaachisaadha. Sababiinsaa barreessaan sun sababa of dhokseef qaba waan ta’eef akka dhugaatti fudhachuun baay’ee barbaachisaa hinfakkaatu.

Yoo garuu waan gaarii yookaan dhugaa nutti fakkaate barreeffama mataduree kanarratti namoota biraatiin barreeffaman wajjin walcina qabuun (triangulation) dhugummaasaa sakatta’uun gaariidha.

Barreeffamni tokko sababa burqaansaa amanamaadha jennee yaadnuuf sirrii ta’uu dhiisuu danda’a. Fakkeenyaaf televiziyootni biyyoota alaa waan seera qabeessa ta’aniif yeroo hunda waan sirriifi dhugaa qofa tamsaasu jechuun hindanda’amu. Odeeffannoon jiru eessaayyuu haadhufu utuu gadi fageessanii hinqoratin simachuun barbaachisaa miti. Miidhaa hamaas niqabaata.

Bariissaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You