“Rakkoo hoggansaa yoo ta’een alatti, dargaggeessi hojii uummachuuf liqaa fudhate, badee hin hafu” -Obbo Maatiwoos Sabbooqaa

Finfinnee:Rakkoo hojidhabdummaa akka biyyaatti hudhaa dargaggootaa ta’aa jiru furuuf mootummaan humna guutuun hojjechaa kan jiru yoo ta’u tajaajila liqaa mijeessee miira hirkattummaa dhabamsiisuuf baajanni guddaan ramadamaa tureera,ammas itti jira.

Oromiyaanis rakkinicha furuuf tajaajila liqaa carraa hojii dargaggootaaf uumuuf gargaaru hojiirra kan oolchite yoo ta’u iddoo gara garaatti maallaqichi haalaan tajaajilarra akka hin oollee fi fudhatamee akka badame dubbatamaa jira.

Akka fakkeenyaatti liqaa rakkoo hoji dhabdummaa furuuf akka magaalaa Burraayyuutti kenname keessaa kan deebihe muraasa yoo ta’u dargaggoonni hedduu fudhatanii baduu himama.

Dhimmi kun rakkoo hooggansaa fi kutannoo siyaasaa yoo ta’een alatti dargaggeessi maallaqa liqeeffatee badu akka hinjirredha Hoogganaan Ittaanaa Biiroo Misooma Interpiraayizii fi Indastirii Oromiyaa kan beeksisan.

Hoogganaa Ittaanaa Biirichaa kan ta’an Obbo Maatiwoos Sabbooqaa ibsa gaazexaa Bariisaaf addatti dhimma kanarratti laataniin liqaan kenname carraa hojii akka itti uummataniif malee fudhatanii akka badaniif miti.

Taateen gama kanaan dhagahamaa jiru sirrii akka hintaane kan ibsan Ittaanichi rakkinichi laaffachuu kutannoo siyaasaa fi hooggansaan kan walqabatudha jedhu.

Dargaggoonni hedduu carraa liqaa kana argatan ofii eeggattummaa jalaa bahuurra darbanii dargaggoota biroof carraa hojii uumaniiru. Gama kanaanis bu’aa galmeessisanin kan badhaafaman jiru kan jedhan Obbo Maatiwoos faallaa kanaa fudhatanii miliqaniiru kan jedhamanis jiraachuu kaasu.

Dargaggoonni liqaa kana fudhatanii miliqan jedhaman kunneen biyyaa akka hinbaane himuun hooggansi hordoffii cimaa taasisuu dhabuun rakkinichi akka hammaatu gochuu dubbataniiru

Dhimma kana wajjin walqabatee bara 2012 keessa dargaggoonni liqaa fudhatanii badan komiin jedhu ka’uu himuun ragaasaanii hunda walitti qabuun suurasaanii maxxansuu eegallaan hunduu bakka jirurraa dhufee maallaqicha deebisaa turuu dubbatu.

Tarkaanfii kutannoo siyaasaa fi hooggansaa gama kanaan fudhatameen dargaggoota miliqan jedhaman hedduu irra gahamuu kan ibsan obbo Maatiwoos qarshiin mliyoona 247ol akka deebihe himaniiru.

Baruma kana keessa akka bulchiinsa magaalaa Sabbataatti qarshiin hindeebihu jedhame abdiin itti kutamee ture hordoffii cimaa taasisneen miliyoonni 6 ol akka deebihu taasifamuu ibsaniiru.

Maallaqni deebihe kun muraasa ta’uu eeranii isa hafe deebisiisuuf hooggantoonnii fi qaamonni dhimmisaa isaan ilaallatu kutannoon hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Maallaqni hojidhabdummaa furuuf liqeeffamu kun yeroorraa yerootti dhaloota dabareen ijaaruuf kan karoorfame ta’uu kaasanii dargaggoonni fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf liqaa argatan hojiirra oolchuun yeroo barbaadamettimmoo deebisuun dirqamadha jedhaniiru.

Bara baajata 2013 keessa dargaggoota miliyyona 1.2f carraa hojii uumuuf karoorfamee miliyoona 1 fi kuma 500f uumuu akka dandahan ibsaniiru.

Dargaggoonni yeroorraa yerootti dhaabbilee barnoota olaanaa fi kolleejjiirraa eebbifamanii bahan dabalaa jiraachuu himuun karoorasaani bara 2014 hiixataa ta’een furuuf sochiirra akka jiranis dubbatu.

Bara baajataa 2014 kanattis dargaggoota miliyoona 1.5f carraa hojii dhaabbataa fi yeroon uumuuf karoorsuu kan himan Obbo Maatiwoos tajaajila liqaa hojii uummachuuf oolu qarshii biliyoona 3.5 ramaduu ibsanii jiru.

Liqaan kennamus ulaagaasaa kan eeggatedha jedhanii adeemsa sakaallaa faayinaansii wajjin walqabatee ka’u gamanumaa maqsuufis qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin mariin taasifamuu ibsaniiru.

Dargaggoota liqeeffatanii badan kana hordofanii deebisiisuuf hooggansi sadarkaa sadarkaan jiru qindoominaan fi aantummaan hojjechuu akka qabu yoo dhaaman warreen kana booda tajaajilicha argachuuf jiranis seeraan hojiirra oolchuun fayyadamummaasaanii mirkaneessuu qabu jedhaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 24/2013

Recommended For You