Akka dhahaa yeroo biyya keenyaatti seensa ji’a Waxabajjiirraa eegalee hanga jalqaba ji’a Fulbaanaatti tibba gannaati. Ji’oonnisadeen kunniin yeroo roobni itti danatuufi hojiiwwan misoomaa babal’aan ittiraawwatamaniidha.
Yeroon kun qonnaan bulaa keenya biratti yeroo hojii murteessaadha. Wayittii midhaan soorata biyya kanaatiif oolu akkasumas sharafa alaa argamsiisu ittifacaafamu, dhaabbatuufi biqiluudha.
Baatiiwwan kanneen keessa lageen biyyattii yeroo guutanii irra dhangala’aniidha. Yeroo biyya bira taranii biyyoota ollaa bishaan obaasaniifi badhaasaniidha.
Lagni Waabee bishaan Sikkoo-Mandoo keessaa walitti xuruursee kiiloo meetra kumaan yaa’ee Somaaleedhaaf kenna. Lagni Gibee bishaan Shawaa, Jimmaafi Wallagga bahaa walitti kuusee laga Oomootiif dabarsee Lagni Oomoommoo dabareedhaadhaan hara Turkaanaatti, Keeniyaa dhaqqabsiisa. Akkasumas Lagni Takazee Bishaa Xoobiyyaa kaabaa jiru qocee gara Sudaan geessa. Lagni Abbayyaa Guddichi bishaan biyyattii biyyoo gabbataadhaan makee Sudaaniifi Ijibtiif karra duraan gahe ‘hoodhaa’ jedhaan.
Silaayuu lageen keenya arjoomtotaa, maal rakkoo qabu? Lagni amanamaan yoo jiraate Awaash isa biyya misoomsuudha. Innillee Shawaa keessaa biyyoo gabbataa ammaaree Affaariif geessa. Gaarummaansaa Affaaris keenyuma ta’uusaati.
Bishaaniifi biyyoo lageen keenya biyyaa ollaatiin sooran kanneen hanga tokko irraa hambifachuufi itti fayyadamuuf yaaliiwwan tokko tokko jiru. Tarkaanfiin bishaan Laga Gibeefi Oomootti misoomaaf fayyadamuuf yaalame waan gaariidha. Laga Takazeerratti hidhi humna haayidroo maddisiisu ijaaramee misoomaaf akka oolu ta’eera. Laga Abbayyaa isa guddicha misoomaaf oolchuuf yaaliin jalqabame mul’ata biyyattii gara fuulduraa kan agarsiisuudha.
Xiyyeeffannoon barreeffama koo maxxansa kanaas misooma laga Abbayyaa kan hidha guddicha wajjin walitti hidhatuudha.
Torbee kana keessa oduun akka misiraachoo tokko dhagahameera. Hidhi guddichi yeroo lammaffaaf bishaaniin guutamuun himammeera. Marsaan jalqabaa kan guutame bara tare yeroo akkanati. Yeroo sana bishaan meetir-kuubii biliyoona 4.9 qabateera.
Barana xumura ji’a Waxabajjiirraa eegalee bishaan guutuu akka jalqabu mootummaan ifa taasisuunsaa ni yaadatama. Rakkoo biyyattiin keessa jirtu, dhiibbaa biyyooti adda addaa taasisaa jiraniifi duula gufachiisaa Ijibtiifi Sudaan ofaa turan wajjin walqabatee namni shakkii keessa ture salphaa miti. Gaafa karoorichi milkaa’uun itti himame gammachuu guddaatu itti dhagahame.
Mootummaan, akkuma dubbate, hidha kana bishaan guutuu jalqabuusaa gurra Ijibti dabalatee hawaasa addunyaatiin gaheera. Akkuma jedhames hidhi kun marsaaa lammaffaaf Adoolessa 12/2021 guutamuu Ministirri Bishaanii, Jallisiifi Anniisaa Doktar Injiinar Silashii Baqqalaa Ibsaniiru. Waan bareeda; oduu misiraachoodha. Namni ilaalchota siyaasaa gara garaa qabullee, kanneen daandii ijaarsa biyyaa adda addaa hordofanillee hidha kanarratti yaadaan waliigalu.
Bishaan qocuu Hidha Haaromsaa wajjin walqaatee duubatti deebi’ee dhugaafi yaadota tokko tokkon waliin haa ilaallu.
Bitootessa 24/2004. Dhakaan bu’uuraa Ijaarsa Hidha Haaromsaa ministira muummee yeroo sanaa Obbo Mallas Zeenaawwiitiin kaa’ame. Eddii ijaarsi jalqabamee waggoonni sagal xumuramanii kurnaffaa keessa jira.
Yeroo sana waggoota shan hincaalle keessatti xumurama jedhamullee hanga har’aatti xumuramee tajaajila kennuu hinjalqabane. Osoo pirojektichi hinxumuramin Doktar Abiyyi Ahmad amma aangoorra jiran dabalatee ministiroonni muummeen sadii biyyattii hoggananiiru.
Obbo Mallas Zeenaawwii dhakaa bu’uuraa kaa’anillee ijaarsa hidhichaa wajjin yeroo dheeraa hinturre. Dhakaa bu’uuraa kaa’anii ji’a afur booda du’aan boqotan. Seenaa dhakaa bu’uuraa kaa’uu sana fudhataniiru.
Dhakaa bu’uuraa kaa’uun yaadamaafi karoora pirojektii wajjin waan walqabatuuf seenaa guddaa yeroo hunda yaadatamuudha. Jalqabanis osoo hinxumurin duuti addunyaa kanarraa isaan fudhatte. Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany waggaa shaniifi ji’a saddeetiif (Hagayya 2004 hanga xumura Bitootessaa bara 2010tti) ministira muumme biyyattii hogganan.
Pirojeektii guddaa kanas adda durummaan hogganaa turan jechuudha; miiltoowwansaanii wajjin. Isaanis osoo hinxumurin dambaliin mormii qeerroofi qarreetiin aangoo gadilakkisan. Doktar Abiyyi dabareedhaan ittidabran. Waggoota sadeen darbaniifi dhimma kana hogganaa kan jiran isaanuma. Pirojeektii jalqabanii dafanii xumuruurratti muuxxannoo gaarii waan qabaniif hanga tokko si’eessaa jiru.
Hoggantoonni sadanuu ijaarsa hidhichaa tumsuudhaan, hogganuudhaan akkasumas falmii Ijibtii fuuldura dhaabachuudhaan gaheesaanii taphataniiru. Tokko jalqabsiisee kuun itti fufsiisaniiru. Kan Ijaarsa kana xumuree rivaanii kutuudhaan eebbisiisu eenyu akka ta’u kan beeku nama otoo hintaane Waaqa. Garuu sabaafi sablammoonni Xoobbiyaa ijaarsichi dafee xumuramee rakkoosaanii qofa osoo hin aane kana hawaasa biyyoota Afrikaa biroofillee akka dhaqqabu fedhii qabu.
Ijaarsi kun kan gaggeeffamaa jiru handhuura biyyattiirraa bakka fagootti. Naannoo Beenishangul Gumuz bakka Gubaa jedhamee waamamutti argama.
Maqaa Oromooti. Daangaa Sudaanirraa toora kiiloo meetira 40 qofa fagaata. Pirojektiin bakka kanatti jalqabame kun Xoobbiyyaa qofa osoo hintaane biyyoota ollaatiifis ifa ta’a jedhmee yaadama. Pirojektii biyyoota ollaa fagoofi dhihootiif faayidaa qabuudha. Mallattoo waliin misoomuuti; yaadamnisaa.
Adoolessa 12/ 2012: Waggaa darbe guyyaan kun guyyaa namoonni hedduun gammachuudhaan machaa’aniidha. Guyyaa kana yeroo jalqabaatiif Hidhi Guddichi Laga Abbayyaa bishaan qocachuunsaa akka biyyaatti iftoomeedha.
Hojiin iccitiidhaan raawwatame kun namoonni biyya keessaa qofa osoo hinta’in lammiilee biyyoota biroollee kan ajaa’ibsiise ture. Miirri gammachuun kun akka biyyaatti uume gaarii ture. Hidhi kun jalqabamee akka xumuramu abdii guddaa kenne.
Ijaarsi kun kana booda haala kamiinuu duubatti akka hindeebine firaafis alagaafis dhaamsa dabarse. Keessattuu, dhaamsi Ijibtiif dabarse guddaadha. Hojii ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf humna akka hinqabne itti hime. Falli jiru waliigalanii ittifayyadamuu qofa akka ta’es hubachiise.
Adoolessa 12/2013: Akkuman sila kaase bishaan guutuun hidha guddichaa kan marsaa lammataa akka jaqabame ummanni quba qaba. Yoom akka guutamu garuu namni beeku hinture. torbee kana oggaa Ministirri Bishaanii Jallisiifi Anniisaa ibsu gammachuu dachaatu dhaga’ame. Gaaffiin ummataa ittaanee maaltu dhufa? Kan jedhuudha; gaaffii ittifayyadamaa.
Amma hidhichi marsaa lammaffaaf bishaaniin guuttameera. Marsaa sadaffaa, afraffaa jedhee ittifufa. Abdiin ministirichi kenne waan guddaadha. Bishaan hanga ammaa guutame tarbaayinoota dhaabachaa jiran lama sochoosee kan humna ibsaa maddisiisuu danda’uudha.
Kanaaf humni ibsaa maddisiisuu ji’oota muraasa ji’a sadii hincaalle keessatti jalqabuu akka danda’u ibsuunsaa ummatatti abdii guddaa horeera. Ministirichi ummata biratti amanamaafi kabajamaa waan ta’aniif jechasaanii hojiirra akka oolchan abdii qabana.
Kanaan booda hidhichi galii maddisiisuu waan jalqabuuf ofiin of ijaara. Garuu yeroo lammaffaaf bishaan hagam akka guutame hinibsamne. Jecha guutee irraan dhangala’e kan jedhuudha kan eerame. Kun namoota tokko tokko biratti gaaffii kaasaa jira. Kanaaf ummataaf ifa ta’uu qaba.
Kana jechuun deeggarsa hinbarbaachisu jechuu miti. Wanti jalqabame kun xumuramuu qaba. Abbumti fedhe biyya kana haa bulchuu, hidha kana xumuruun dirqama lammiin kun wajjummaan qabuudha. Yaada, beekumsaafi leecalloo walootiin jalqabame. Qaamni ‘kiyya qofa’ jedhu hinjiru. Kanaaf akkuma buusii waloon jalqabame buusii walootiin xumuramuu qaba. Hawaasni waan qabuun pirojekticha deeggaruu qaba.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013