Bariin ganamaa dukkana boodaan dhufa. Namni dukkana dandamatee darbuu hindandeenye, ifa ittaanee dhufu hinargu. Tarii har’a dukkanni keenya wantoota numarsan ta’uu danda’u.
Isaan kun nudhiphisuus nidanda’u ta’a.
Darbees namootni biyya lafaa kanarratti milkaa’oo ta’an namoota dhiphina hinargine jechuu miti. Shakkii hinqaban jechuu miti. Yaaddoo hinqaban jechuus miti. Haa ta’u malee isaan kunniin hundi akka mataasaanii irratti godoo ijaarrataniif hinheeyyamneef.
Harkas hinlaanne. Murtoon isaanii lafa har’a jiran irra taa’anii kan murteessan utuu hinta’in bor lafa ga’uuf jedhan kan bu’uureffate namoota mul’ataati. Mul’ata qaban ijatti geeddaruuf namoota tattaafataniidha. Namoota injifatoodha. Namoota dadhabina jiran keessaa ba’uuf tattaafatan namoota seexaa qabaniidha. Namoota mul’ata qabaniidha. Inni kun har’as nu barbaachisa.
Tarii baay’een keenya wantootni har’a nama dhiphisan maalii? jennee gaafachuu dandeenya. Wantoota har’a dhaloota dhiphisan keessaa muraasni haala fayyaa, egeree ofii shakkuu yookaan sodaachuu, hiyyummaa, hojidhabdummaa, adeemsa siyaasaafi kkf ta’uu danda’u.
Isaan kanneen keessaa yoo maqaa dhoofnellee tarii kan namootni itti dhiphitan danuudha. Yeroowwan tokko tokko ammoo hojii nuti itti jirru kan nudhiphisan ta’uu danda’u. Haalotni nuti keessa jirru nudhiphisuu danda’u.
Haa ta’u malee waan hojjechaa jirrutti of dhiphisna taanaan gammadaa hojjechuu hindandeenyu. Waan hojjechaa jirrutti immoo hingammadnu taanaan lafa itti adeemaa jirrutti hingammadnu.
Gammachuun murtoo nuti har’a fudhannurratti hunda’a. Addumaan namootni sadarkaalee adda addaa bakka ittigaafatamummaa irra jiran yeroo jijjiiramaaf hojjetan baay’ina hojii irraa kan ka’e dhiphachuu danda’u.
Baay’inni hojii miiraafi qaama hojjettootaa heeddumminaan nimiidha. Inni kun immoo firii hojii keenya irratti, fayyaa keenya irrattis ta’e fedhi nuti hojiif qabnu irratti miidhaa guddaa niqabaata.
Darbees dhiphinni hojii irraa jalaan hojjechuun nurra ture sirriitti akka hinhojjenne gochuun dhumarratti akka nuffinu nutaasisa. Qorannoon dhiphina hojiirratti nama mudatu wajjin walqabaterratti ta’een dhiphinni dhukkuba onneef akka nama saaxilu ibsa.
Akkasumas dhiironni dubartoota caalaa dhiphina bakka hojiitti isaan mudatuuf akka saaxilaman ni adeessa. Isa kanaaf of to’achuufi haala ta’u hundaaf harka kennuu dhiisuu, haala nu dhiphisuuf harka utuu hinkennin ogummaafi beekumsaan injifachuu, haalota dhiphina garmaleef nu saaxilan dandamachuun akkasumas ofirraa qolachuu, hojii keessatti walgargaaruun hojjechuu, bulchiinsiifi hojjettoonni waliin mari’achuufi kkf furmaata ta’uu nidanda’a.
Wanti guddaan guchuu qabnu yoo jiraate wantootni nudhiphisan yeroo numudatan jireenya keenya gara abdii kutachuutti akka hingeessine cimsinee of eeggachuun murteessaadha. Namni abdii kutataan miirri isaa waan miidhamuuf dandeettii qabu arguu hindanda’u.
Akka qorannoowwan gara garaa addeessanitti abdii kutannaan namoota gara of ajjeessuutti kanneen geessan keessaa sadarkaa olaanaa qaba. Abdii ammoo lubbuu nutti horuun akka ilaalcha of miidhuuf qabnu akka injifannu kan nutaasisuudha.
Dhalli namaa jireenyaaf akka fedha ta’umsa qabaatu, hojiif kaka’umsa akka qabaatu kan taasisuudha. Wanti guddaan gaafachuu mallu yoo jiraate erga abdii kutannaan jireenya keenya nimiidha ta’ee abdiin akka hinjiaanne maaltu nutaasisaa? Diinni namoota hedduu bara keessa jirru kanaa abdii kutannaadha.
Namootni hedduun akka isaan egereesaanii mancaasan taasiseera. Umurii dargaggummaa keessa namootni jiran akka isaan jeeqamoo ta’an kanneen taasisan keessaa tokko. Abdii kutannaan akka namootni addumaan dargaggootni waan hojjetan irratti xiyyeeffannaa hinqabanne taasisa.
Kan baratan yoo ta’e barnoota isaaniitti akka qabxii gadaanaa galmeessisan taasisa. Waa’ee ofii isaaniif ilaalcha gadi aanaa akka qabaatan taasisa. Jireenyasaanii keessatti goolamoo akka ta’an gochuun miidhaa keessa isaan buusa. Haa ta’u malee haalotni keenya yeroo sirrii nutti hinfakkaanne isaan duukaa bu’uun sirrii miti. Haalli nuti ilaallu yookaan numudatan yeroo daandii gadi dhiisan duuka daandii irraa maquun sirrii miti.
Haa ta’u malee haalli hundumtuu yeroo faallaa keenya fakkaatu sodaa irraa of eeggachuun barbaachisaadha. Haalli keessa hindarbamne hinjiru. Dhiibbaan hinhinjifatamne hinjiru. Xiyyaarriyyuu dhiibbaa qilleensaa damdammatee bakka yaade ga’a.
Haalli nuti keessa jirru akka nu to’atuuf heeyyamuun miidhaa hamaa qaba. Namoota abdii kutannaan hindandeenye hedduun yoo jiraatanillee, ani waa’ee intala qaroo hinqabnee olompikiirratti walitti aansuun fiigicha meetira 1500 akkasumas 5000 mo’atte Maarlaa Ruuniyaan jedhamtuu baay’een keenya tarii nibeekna ta’a. Intalli tun dhibeerraa kan ka’e waggaa 9fa isheetti qaroon ishee jaame.
Daa’imummaa isheetti qaroon ishee haa badu iyyuu malee abdii hinkutanne. Rakkoon kunis ishee hin dhaabne. Bara 1987 Yuniivarsiitii Saan Diyeegoo jedhamutti yeroo barumsaaf deemtu akaakuu ispoortii addaa addaa irratti hirmaannaa eegalte. Bara 1992 olompikiirratti injifattee warqii badhafamte. Bara 1999 dorgommii Paan Ameerikaarratti ammas dabaltee Warqee fudhatte.
Ittifufuun bara 2001 fiigicha meetira 5000 mo’atte. Dhumarratti leenjisaashee maqaansaa Maat Lonergan jedhamutti heerumte. Yeroo waa’eeshii yeroo dubbattu akkas jetti “Ammayyuu sarara isa dhumaarra hingeenye” jette.
Haalli nuti keessa jirru hundi kan abdii hinqabne yoo nutti fakkaatullee sodaarraa of eeggachuun barbaachisaadha. Wanta rakkisaa nu mudatu keessaan carraa gaarii akka nu marsee jiru nama arguu danda’u malee rakkoo qofa nama ilaalu ta’uu hinqabnu.
Yeroo tokko tokko ammoo tarii kufaatii jiran sodachuu dandeenya ta’a. Haa ta’u iyyuu malee kufaatii sodaannee gaara ba’uu hindhiisnu; fiixee gaaraa irra yoo geenyeef bu’aa ba’ii keessa dabarre mara ni daganna. Namni kam iyyuu yeroo hundumaa gammaduu dhiisuufi waan nama gaddisiisu isa mudachuu nidanda’a.
Har’a guyyaan nuti keessa jirru hamaafi kan nutti hintolle yoo ta’ellee utuu abdii hinkutatin guyyaa ittaanu abdiin eeguun, bira ga’uuf tattaaffii barbaachisaa gochuun murteessaadha. Guyyootiin hamoon nu mudatan amala keenya qaruun kaayyoo fuula keenya dura jiruuf akka nuqopheessan beekuun gaariidha. Utuu dhiphinaaf harka hin kennin hojii keenya qulqullinaan hojjechuun deemsa keenya itti fufuu mala.
Karaatti nudhaabuu hinqaban. Gaaf tokko of duuba ilaallee cimina irraa baranne ni hubanna. Daangaan akka hin dabarre nu gochaa ture obsa qabnuun hurraa’ee riqicha irra ceenu nuuf ta’a. Kanaaf haalli nuti keessa dabarru baay’ee kan nu gufachiisu yoo nutti fakkaatellee abdii kutannaarraa of eegachuun barbaachisaadha.
Jabaannee dhaabannee qilleensa hamaa kallattii garaa garaan nuraasuuf yaalu dandammannee keessa taruun jabinaafi obsa cimaa nama gaafata; yoo akkas ta’eef isa kanaan duraa caalaa ol kaanee akka mul’annu nutaasisee tara.
Kanaaf rakkooleen numudatan kan rukutanii booda nudeebisan fakkaachuu danda’u. Yoo harka laanne sirriitti isa kana raawwachuus nidanda’u. Gara fuula duraatti deemuu irra boodatti nudeebisa.
Isa kana mo’achuuf kan nudandeessisu yoo jiraate kaayyoo keenyarraa ija utuu buqqifatin gara fuula duraatti deemuu; abjoochuu dhaabuu irraa of qoqqobbachuu; haala nutti tola jennee yaadnu yoo qabaanne illee keessaa ba’uun wantoota numarsan injifachuun nidandaa’ama.
Sababiinsaa bakki itti haala kana mara dhandhamannu bakka itti barannuufi bakka itti jijjiiramnu waan ta’eef booda utuu hindeebi’in; utuu sodaan hinliqimsamin injifachuuf gara fuula duraatti deemuun barbaachisaadha.
Keessumaa akka biyya keenyaatti yeroon amma keessa jirru yeroo ulfaatu fakkaachuun namootni hedduun akka abdii kutatan isaan taasisa. Isa kana namoota tokko tokkorraa dhaga’uu dandeenya.
Wantootni nuti dhageenyuufi agarru kan namatti hintolle fakkaachuu danda’u. Haa ta’u iyyuu malee isaan kun marri akka bishaanii utuu riqicha jala taranii arguun hinoolu. Yeroof malee nidarbu.
Bor guyyaa haaraadha. Jireenyis itti fufa. Wantoota abdii nu kutachiisan kana injifannoon darbuuf ilaalcha sirrii qabaachuun murteessaadha. Wantoota ilaalcha gaarii akka nuti hinqabaanne taasisan irraa fagaachuun bayeessa. Rakkoon kamuu kan nu mudatu booda nu deebisuuf utuu hinta’in caalaatti nu jabeessuuf. Haa ta’u malee si’a tokko tokko sagaleen ati keessa keetii dhageessuyyuu abdii sikutachiisuu akka danda’an hindagatin.
Isa kana dhaggeeffachuu hinqabdu. Wantoonni ati agartu, kan ati dhageessu, guyyootni ati gara fuula duraatti ilaaltu, haalli hawaasni keessa jiru, hojii ati hojjettu, namootni ati waliin ooltu, oduu ati dhageessu, hojii kee keessatti kan si mudataniifi kkf hundi abdii si kutachiisuu danda’u.
Haa ta’u malee rakkooleen jiran yaabbannoo ta’anii ittiin ol ba’us ta’e ittiin gadi bu’uu nidandeessa. Isa kanaaf garuu murteessaan si qofa. Namni tokko nan mo’ama jedhee of amansiisuun mo’amuu nidanda’a. Sammuunsaa mo’amaa akka ta’e amansiiseera waan ta’eef.
Si’a tokko waa’ee loltoota si’a kudhan isaan caalan loluuf deemaanii dubbiseen ture. Loltoonni kun utuma karaa irra jiranii carraa buufatan. Carraan kun yoo mataan bu’e nimoona yoo teellaan bu’e garuu nimo’amna jedhanii buufatan. Isaan booda ajajaan isaanii yeroo buusu carraan sun mataan bu’e.
Loltoonni kunis gammachuudhaan diina dachaa hedduu isaan caalanitti ba’anii mo’anii utuu deebi’anii haasaa keessa ajajaan isaanii carraa inni calqabatti buuse karaa lamaan iyyuu mataa qofa malee waan kan biraa akka of irraa hinqabne itti agarsiise. Isaan garuu kallattii lamaan wantoota addaa addaa lama waan qabu isaanitti fakkaatee ture. Loltoota cimoo isaan mo’achuu dandaa’an akka mo’atan kan isaan taasise amanannaa isaan qaban, ni moona jedhanii sammuu isaanii amansiisanii sababa itti duulaniif ture. Xiin sammuu mo’amaa of keessaa baasuun barbaachisaadha.
“Kan ati mo’amtu yoo yaalii dhaabde malee yeroo yaaltee milkaa’uu dadhabdu miti. Kanaaf, yaalii hindhaabin!”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013