“Ammas ajajni nuu kennamnaan Juuntaa daaraa gochuu dandeenya” -Koloneel Geetaanaa Adaanaa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee:  Wantoota baay’eedhaan addaddummaa qabaachuu malla. Amantii, saba, korniyaa, ilaalcha siyaasaafi kkftiin gargar ta’uu dandeenya; biyya garuu tokkittiidhuma qabna. Kun dhugaa namoota baay’ee irratti waliigalchudha.

Kanaaf agarsiisni immoo taatee tibbana Itoophiyaatti ta’aa jiru ilaaluun ga’aadha. Gaafa biyyoonni dinadgeedhaan guddatan jedhaman dhimma Itoophiyaa keessa seenanii dhiibbaawwan garagaraa taasisuun dhaaba shororkeessaa jedhamee moggaafameef loogan dheekkamsi ummanni agarsiisaa jiru agarsiisa isa olaanaadha.

Biyyoonni kunneen gaafa juuntaan haleellaa garagaraa gaggeess, daa’imman waraanaaf hirmaachisu, namoota jumlaadhaan ajjeesu, deggarsa namoomaa danquufi yakkoota jajjaboo raawwatu harka maratanii ta’aanii, adeemsi seera kabachiisuu mootummaan fudhate garuu “funyaan tuqamnaan iji boosse” isaanitti fakkeesse.

Mootummaan biyyattii yeroonsaa yeroo qonnaa ta’uusaatiin ummanni Tigraay akka hojii qonnaasaa hojjetatuuf yeroo aara galfii kennus humnoonni harcaatuu juuntaa akka waan waraananii mo’atanii lafa dhiituu eegalan; akkuma Oromoon “Qabni qabaa hinguuttu, gadhiisan bakkee guutti” jedhu bakka humni mootummaa isaan bira hinjirretti ololasaaniin biyya burjaajeessuu hojii godhataniiru.

Ummanni Itoophiyaa kun hinliqifamneef garuu mootummaan marsaa lammaffaaf tarkaanfii seera kabachiisuu akka qabu, kanaafis tumsa barbaachisu hunda taasisuuf akkasumas, waan danda’e maraan Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) bira dhaabachuuf waadaa seenaa jira.

Ummanni magaalaa Finfinnees Kamisa darbe kumaatamaan ba’uun deggarsasaa kan mul’ise yoo ta’u, hanga yoonaa deggarsa qarshii biliyoona 1.7 ta’u taasisuusaati Daarektarri Daarektooreetii Qunnamtii Ummataa RIB Koloneel Geetaanaa Adaanaa kan ibsan.

Daarektarichi kana kan ibsan haala wayiti ilaalchisuun kutaalee hawaasaa magaalaa Finfinnee wajjin Roobii darbe marii taasifamerratti. Akkasaan jedhanitti, humni RIB Tigraay gadhiisee kan ba’eef ajaja Ajajaa Waliigalaa Waraanaa Doktar Abiyyi Ahmadiin ta’uu eeranii, kunis dhimmoota ummata naannichaatiif yeroo tasgabbii kennuuf akkasumas, dhimmoonni biyyaalessaa dursi kennamuuf kanneen akka hidha guddichaa waan jiraniif ta’uu ibsu.

Tarkaanfii seera kabachiisuu marsaa duraatiin injifannoo boonsaa galmaa’uu kaasanii, kanaanis RIBn aarsaawwan gurguddaa kanfaluusaa ibsu. “Daa’imman, dubartootaafi abbootii amantii juuntichi qawwee baachisee hiriirsetti dhukaasuu jibba ofiisaanii afaan qawweesaanii gadigaragalchuun aarsaa ta’aaniiru. Kaan ammoo humna yartuu kanaaf harka hinkennu jechuun of ajjeesaniiru. Sababa kanaan loltoonni hedduun du’aniiru; miidhamaniiru” jedhu.

Kun ta’ees RIBn torban sadii keessatti injifannoo boonsaa galmeesisuusaa kan himan Koloneel Geetaanaan, ammas ajajni kennamnaan humna daakuu taatee bittinooftee turteefi akka bofaa biyyoo arraabuun kaate deebisanii daakuu gochuuf qophii ta’uu ibsu. Deggarsi ummataa taasifamaafi jiru onnee kan itti uumu ta’uu kaasanii kanaafis galata dhiyeessaniiru.

Obbo Tasfaayee Abbabaa jiraataa magaalaa Finfinnee yoo ta’an, maanguddoo waggaa 65ti. Isaanis umrii dargaggummaasaanii loltummaadhaan biyyasaanii tajaajiluu eeranii, ammas diina Itoophiyaarratti dhufe qolachuuf RIB faana duuluun hiriiruu akka barbaadan ibsanii, kanaafis mootummaan akka haala isaanii mijeessu gaafataniiru.

Dargaggoo Wandimmaaganyi Qumilaachoos jiraataadhuma magaalattii yoo ta’u, juuntaan diina Itoophiyaa yaadaan mo’amee, afaaniin mo’e ta’uu eeree, humna kana dhabamsiisuuf immoo maallaqa, dandeettiifi humna qabnuun dargaggoota akkasaa hiriirsuun RIB waliin hiriiruuf fedha qabaachuu ibsa.

Jiraattuudhuma Magaalaa Finfinnee kan ta’an Aadde Almaaz Qaammees yaaduma walfakkaatu kan qaban yoo ta’u, “abbootiin keenya tokkommaadhaan diina fagoodhaa dhufe Xaaliyaanii injifatanii, nutimmoo diina keessaafi humnasaa beeknu haala salphaan irra aannee seenaa dhalootaaf dhaalchiifnu qabaachuu qabna. Anis akka dubartiitti adda waraanaas ta’u deemee gootummaa abbootiifi akaakilee koorraa dhaale mul’isuun barbaada” jedhu.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013

Recommended For You