Natsaannat Taaddasaatiin
Finfinnee: Ummatni Itoophiyaa magaalota naannolee biyyattii adda addaatti gocha shororkeessummaa Juntaafi giddugaleessummaa ykn dhiibbaa biyyoonni alaa (Ameerkaafi Awurooppaan) Itoophiyaarraan gahaa jiran balaaleffachuuf, deggersaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf (RIB) qabuufi miira guutiinsa bishaanii marsaa 2fa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatiin itti dhaga’ame ibsachuuf magaalota biyyattii gara garaatti hiriira nagaa bahaa jira.
Hiriirri deggersaa kun kanaan dura magaalota Finfinnee, Hawaasaafi Walaayittaatti kan adeemsifame yoo ta’u, har’arraa eegalee magaalota guguddoo Oromiyaa shan Adaamaa, Shaashamannee, Jimma Asallaafi Roobeetti kan adeemsifamu ta’uu Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Addisuu Araggaa fuula feesbuukiisaaniirratti ibsaniiru.
Ummatni naannichaa gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaatiif dhaadannoo, “Lukkuudhaa hanga lubbuutti” jedhuun deeggersa hunda galeessa taasisuu ittifufeera kan jedhan Obbo Addisuun, galaa qopheessuurraa eegalee dargaggootni gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa cina hiriiranii seenaa gootummaa abbootiisaanii akka irra deebi’aniif eebbisee ergaa jira.
Ummatni hiriiricharratti gocha shororkeessummaa Juntaafi gidduseentummaa humnoota alaatiin Itoophiyaa gahaa jiru kan balaaleffatan ta’uus himaniiru.
Jiraattonni Magaalaa Finfinnee Kibxata darbe deeggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban agarsiisuufi gocha shororkeessummaa Juntaafi dhiibbaa biyyoonni alaa Itoophiyaarraan gahaa jiran balaaleffachuuf Addababayii Masqalaatti ba’aniiru. Hirmaattonni hiriirichaa dhaadannoowwan “Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa keenyaati, ummanni Tigiraay qaama keenya, diinni keenya Juntaadha, Juuntaan kaansarii Itoophiyaati, Imalli keenya gocha shororkeessitootaatiin hingufatu, nuti Raayyaa Ittisaa waliin ni dhaabanna, karri Itoophiyaa nageenya kan barbaadan hundaaf banaadha, nuti birmadummaa biyya keenyaa dabarsinee hinkenninu, hidhi haaromsaa guddichi qaroo keenya” jedhanfaa dhageessisaniiru.
Dargaggoonni hiriiricharratti hirmaatanis nageenya naannawa keenyaa eeguudhaan, dhiiga arjoomuufi humna, qabeenyaafi beekumsa isaaniitiin Raayyaa Ittisaa kan deggeran ta’uufi cina kan hiriiran ta’uu himaniiru.
Dhiibbaa biyyoonni Ameerikaafi Awurooppaa Itoophiyaarraan gahaa jiraniifi gocha shororkeessummaa Juntaas balaaleffataniiru. Nageenyi waa hunda waan dursuuf qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya naannawaafi biyya keenyaa ni mirkaneessinas jedhan.
Kantiibaa Ittaantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee hiriiracharratti ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan rakkoolee ishee mudatan hunda injifannoodhaan keessa darbaa jirti.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6fafi guutiinsi bishaanii marsaa lammaffaa hidha haaromsaa guddichaas injifannoodhaan xumuramaniiru. Karoora gareen Juntaa fashaleessuuf raayyaa ittisaa keenya wajjin ni hiriirra. Itoophiyaan gocha shororkeessummaa Juntaatiin kan hidiigamne bu’uura jabaarra kan dhaabbatteedha jechunis ibsa.
Pirezidaantiin Waldaa dargaggoota Magaalaa Finfinnee Gazzaahany Gabramaariyam akka jedhetti, Juntaan diina hunda keenya waan ta’eef tokkummaadhaan irratti duulaa jirra. Gocha hammeenyaafi shororkeessummaa gareen Juntaa raawwachaa jirus ni balaaleffanna. Mootummaafi raayyaa ittisaa keenya waliin ta’uun humna diinaa kana balleessuufni qabsoofna.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 17/2013