Waasihun Takileetiin
Adduyaan kun buburreedha, kaan simattee miidhagsitee milkaa’inaan boonsiti, kaanimmoo cunqursitee sakaallaa hiyyummaatiin gaaditee gidirsiti. Kan milkaa’e; kan dhidhiitatee warraaqee, sakaallaa deegaafi hiyyummaa ciree keessaa baha. Kaan ammoo faallaa kanaatiin guyyaa dhalootasaa abaara.
Kanarraa kan ka’e jireenyiifi milkaa’inni bu’aa qabsoo hadhaa’aa guyyaa dhalannerraa kaasnee shaakalluufi yoo cimnee hojjenne kan itti boonnu, yoommoo ofirra ciisne kan itti boonyu taati. Yeroo tokko hayyuun kalaqaa ‘Kaarl Maarkis’ waa’ee iccitii milkaa’inaarratti hawaasa walitti qabee barsiisaa ture jedhama.
Dargaggeessi tokko erga barnootasaa xumuree booda Maarkis bira deemuun milkaa’uun barbaadaa adaraa nagorsi jedhaan. Maarkisis har’a boru jechaa bira darbuuf yaalus dargaggeessichi cichee kadhachuun gorfamee milkaa’inaatti ba’uuf kutateera. Gaaf tokko qarqara galaanaatti akka isa eegu beellamee walargan.
Maarkis akkuma isa argeen jireenya kee keessatti jijjiirama ykn mikaa’ina barbaaddaa? Jedheen. Dargaggeessichis sardamee eeyyee jedhee deebiseef. Sanbooda akkanni uffatasaa baafatu ajaje. Dargaggeessichis Maarkisis baafatan. Waytuma sana harkasaa qabatee gara galaanichaatti seene.
Akkuma galaanichatti siqaa deeman bishaan mogoleerra darbee mudhii geenyaan dargaggeessichi nahee eessa nageessita jedhee gaafateen. Maarkisis bakka milkaa’inni jirun sigeessakaa milkaa’inan fedha jette mitii? Jedhee. Dargaggeessichis tole jedhee harka Maarkis qabatee imaluu ittifufe. Imala muraasa booda gaafa bishaan mormasaa ga’u dargaggeessichi garmalee sodaatee na ajjeesuufii adaraa nadeebisi? jedheen.
Maarkis imala milkaa’inaa eegalleerra deebi’uu hindandeenyu jedhee osoo adeemsarra jiruu bishaan isaan liqimsuu eegale. Sana booda dargaggeessichi mudhii Maarkisitti maramee natti haa hafu nadeebisi jedhee iyye, Maarkisis takka kabalee obsi milkaahina bira geenyeerra jennaan afuura naasuufi hawwii keessa seenee callise.
Wayituma sana Maarkis Dargaggeessa kana ofirraa kaachisee bishaan gadi fagoo sana keessatti gadi xilliksee biraa baqate. Dargaggeessichis harkasaafi miilasaa olii gadi raasaa wajaabbaree lubbuusaa baafachuuf osoo carraaquu futuk jedhee wayita boquusaa bishaan keessaa baafatu Maarkis itti siqee harkasaa qabe.
Miira naasuutiin itti maramee ijasaa keessa ilaale. Maarkisis deebisee wayitan gara galaana gadi fagootti sidarbadhu maaf harkaafi miila facaasta, maal barbaadda? Jedheen.
Dargaggeessichis osoon harkaafi miila facaasuu baadhee silaa afuurri nacita, qilleensas hinargadhu bishaan dhugeen du’an ture jedhee deebiseefi. Bishaan gadi fagoo keessa qilleensi jiraa kan barbaaddu? jennaan, eeyyee gaafan wixxifadhee boquukoo bishaan keessaa baasu qilleensan argadha jedhee itti hime.
Egaa anis kanan sigorsu bishaan keessatti wixxifattee akkuma qilleensa argatte sana, milkaa’inni qabsoo hadhaahaa, obsa fixachiisaafi kutannoon argama. Kana booda hojii kamuu cimii hojjedhu ni milkooftaa jedhee gorse. Dargaggeessichis taatee kanarraa barachuun hojii hojjetee nama guddaa ta’e jedhama.
Oromoon saba guddaa hayyuu baay’ee qabuudha. Hayyoonni Oromoo biyya keessaafi biyyoota addunyaa gara garaa jiranis hedduudha. Hayyoonni kunneen biyya keessaafi alatti hojjechuun ga’umsasaanii agarsiisaniiru. Fakkeenyaaf Jeneraal Taaddasaa Birruu qondaala waraanaa cimaa akka tureefi leenjii waraanaa biyya keessaafi alatti kennaa turuu seenaan ragaa ba’a.
Gaafa Oromoon caalee argamu kan faarsuufi cimsu hinjiru, hamma danda’ametti gadi qabaatu itti hammaata. Ilmaan Oromoo qaaleyyii hedduun sakaallaa sirnoota darbanii dhabamsiifamaniiru. Jaarraa 21fa kana keessa maqaa hayyoota Oromoo ol kaasanii waamuufi waamsisuun dirqama dhaloota har’aati. Tarkaanfiin akkasii seenaan jallatee barreeffame akka sirratuufi ga’umsa hayyoonni Oromoo sadarkaa Itoophiyaa, Afrikaafi addunyaarratti qaban kan calaqqisiisuufi beeksisuudha.
Yaanni kun maaf ka’e jechuun keessan hinoolu, barreeffama kanaan intala Oromoo qabsoo obsa fixachiisaa keessa darbuun Biraazilitti Dippilomaatii biyya guddoo, Ameerikaa ta’uun hojiitti bobbaate tokko wajjin walisin barsiisuu yaadneeti.
Shamarree Hawwii Xilaahun intala Oromoo dacheen Finfinnee biqilchiteedha. Finifnneetti dhalattee umrii ganna sagalitti Ameerikaa, Minisootaa deemuushii himti.
Turtii achitti dabarsiteenis barnootashii sadarkaa 2fa xumurtee yunivarsiitii seenuun barnoota Sayinsii Siyaasaafi Hariiroo Dhimma Alaan (Ijoo Siyaasa Afrikaatiin) eebbifamuu kaasti. Sanbooda digrii jalqabaa kanaan hojii argachuu akka hindandeenye kan eertu Hawwiin, digriishii 2fa barachuuf murteessuushee eerti.
Adeemsuma kanaan yunivarsiitii seentee digrii 2fashii barnoota dippilomaasiin eebbifamuu himti. Turtii biyya hambaa kanatti dabarsiteen sabaafi sablammoota biyyoota gara garaa waliin jiraachaa akka turte kan himte shamarreen kun, fedhiinshii inni jalqabaa barsiistuu ykn hojjettuu dhaabbata mitmootummaa ta’uu akka ture dubbatti.
Hariiroo Hawwiin lammiilee aadaa, duudhaafi afaanot gara garaa qaban hedduu waliin qabdu yeroorraa yerootti dabalaa deemuurraa kan ka’e gara biyyoota birootti qajeeltee dippilomaatummaan tajaajiluuf hawwiin ishee keessa buluu eegaluu himti.
Kanamalees dandeettii isheen aadaa, afaaniifi duudhaa lammiilee gara garaa baruuf qabdu olaanaa ta’uu warreen hubatan hiriyoonnishii fuulleffannoon Hawwii gara dippilomaatummaatti osoo luucca’ee ija akka godhatu ibsaafii turuus kaasteetti.
Kanarraa kan ka’e dhaabbata ‘Reengil Fellowship’ jedhamu (namoota carraa hinarganneef carraa addaa kennuun kan jajjabeessu) akka jiru hiriyaanshii tokko isheetti himuu dubbatti. Isheenis akkuma barnootashii digrii lammaffaa xumurteen carraa kanatti fayyadamuuf galmaa’uushee dubbatti.
Dhaabbatni “Rengil Fellowship” jedhamu kun caalaatti ilmaan godaantotaa, dubartoota, warreen dhiibbaawwan gara garaatiin biyyasaaniitii bahanii xiyyeeffannoo dhaban deggaruun jireenyasaanii utubuuf kan hundaa’eedha jetti.
Haaluma kanaan dargaggoota carraa kana argatan keessaa Hawwiin ishee tokko yoo taatu, sochiifi kutannoo qabdurraa kan ka’e milkaa’ina har’a irra geesse dhandhamuu dandeesseetti.
Miirri ofitti amanamummaa daran akka ishee keessa bulu dabalataan kan ishee kakaasemmoo kanaan duras tattaaffii taasisteen ‘USA’ bakka bu’uun biyya Taaylaanditti Kutaa Siyaasaa Imbaasii Ameerikaa keessatti ramadamtee ji’oota afuriif hojjetaa turteetti.
Yeroo ammaattis ga’umsa qabduun filatamtee bakka hin yaadamnerraa kaatee tarree qondaaltotaa gameeyyii taa’uu kan dandeesse yoo ta’u, dargaggootaaf fakkeenya gaarii ta’uurra dabartee Oromoofi Itoophiyaa maqaa waamsisteetti.
Hawwiin carraa kana argachuun biyya guddatte Ameerikaa bakka bu’uun Biraazilitti dippilomaatii ‘USA’ taatee tajaajiluun dura Afaansaanii (Afaan Poorchugaal) barachaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaatti dippilomaatummaan ‘USA’ bakka buutee Biraazilitti tajaajilaa jirti.
Hawwiin milkaahinashee ilaalchisuun ibsa tibbana ‘VOA’ Sagantaa Afaan Oromoof’ kenniteen, inni guddaan Waaqayyodha, lammeessoonimmoo miira kutannoo nidanda’ama jedhu of keessa bulchuufi carraaqqii taasifteen sadarkaa kanarra gah’uu dandeesseetti.
Kun tasumaa ta’a jettee akka hinyaanne kan himte Hawwiin har’a bu’aa bahii hedduu keessa dabartee Biraazilitti dippilomaatii biyya guddoo kanaa taatee wayita tajaajiltu dargaggoota biroofillee fakkeenyummaan kan kaatudha.
Shamarree Hawwiin ogummaa dippilomaatummaa kanaan waggoota lamaaf Biraazilitti biyya ‘USA’ ramadamtee hojjetaa kan jirtu yoo ta’u, jijjiiramaaf kutannoo kan qabdu biyya bakka buuteefis Itoophiyaafis miidhagina taatee mul’atti.
Turtii dippilomaatummaa waggoota lamaaf ‘USA’ bakka bu’uun Biraazilitti dabarsituunis muuxannoowwan gaggaarii biyya jijjiiruu danda’an gudunfattee iddoo guddaa ga’uuf hojjetaa jirti.
Shamarree Hawwiin handhuura Oromiyaa Finfinnerraa kaatee bu’aa ba’ii baay’ee dabarsitee har’a ‘USA’ bakka bu’uun dippilomaatummaan biyya Biraazilitti tajaajilaa kan jirtu yoo ta’u, dargaggoonni bakka hawwiisaanii ga’uuf cimanii hojjechuu akka qabaniidha kan kaastu.
Kanamalees dargaggoonniifi shamarran ga’umsa osoo qabanii haalota ilaaluun of daangessanii taa’uun gaarii miti kan jettu bHawwiin, jettee kutannoon jiraannaan milkaa’inni fagoo akka hintaaneedha kan dhaamtu.
Hawwiin ijollummaashee umrii ganna sagaliitti gara biyya Amreerikaa deemtee yeroo dheeraaf achitti dabarsitus aadaa, duudhaa, safuufi eenummaashii ganamaa hindaganne jechuun ni danda’ama. Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaa haalaan dubbachuurra dabartee dabalataan ammoo hojii dippilomaatummaa amma itti jirtu kana ga’umsaan ba’achuuf Afaan Poorchugaal barattee biyya Biraazilitti ‘USA’ bakka buutee dippilomaatummaan tajaajilaa jirti.
Walumaagalatti, dargaggummaan bara itti fiiganii hojjetan, boriif waa olkeewwatan, bara biqiltuu bor irraa nyaataniifi itti fayyadaman itti dhaabaniidha. “Biiftuu jirtu suksuku” akkuma jedhamu yeroo qabanaitti fayyadamanii cimanii hojjennaan dirree badhaadhinaafi milkaa’inaatti ba’uun hinoolu.
Kanaafuu yeroo hojjechuu qabnutti haalaan fayyadamuu dhabuun ammoo hirkattummaafi eeggattummaa babal’isuun abdii jireenyaa kan nama harkaa balleessu waan ta’eef siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaan caallee argamuufi abdii biyyaa ta’uuf akkasumas hawwii ofii milkeeffachuuf fakkeenyummaa Hawwii hordofuun barbaachisaadha.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013