Ergaa gocha juuntichaa ilaalchisuun darban keessaa

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad haala yeroorratti ibsa kennan, “Yaada Ummata Tigraayiif qabnu; hawaasa addunyaatiif iddoo qabnu yeroo dhumaatiif agarsiifneerra.” jedhan. Walitti bu’iinsa hammeessuurra waqtii Qonna haala mijeessuu akkasumas dhiyeessiin deeggarsaa rakkoo tokko malee akka raawwatuuf labsii dhukaasa dhaabuu gamtokkee labsineerra jedhan.

Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalees, gareen shororkeessaa TPLF murtoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu dhuunfaa fudhachuuf amallisaa hineeyyamuuf jedhan.

Garicha yeroo hunda amala walitti bu’iinsaafi qoccollaatiin jiraachuu qaba. Yeroo ammaa daa’immaniifi maanguddoota waraanarratti hirmaachisaa jira jedhan. Fedhii gareen TPLF Itoophiyaa bittinneessuuf taasisaa jiru akka hinmilkoofne mirkanneessuufi agarsiisuun dirqama ta’uus eeran.

Hojiin loltummaa loltootan malee aktiiviistootaan kan raawwatamu miti, eessaafi tarsiimoo akkamiitiin garicha awwaaluun akka danda’amu ni beekna jedhan.

Ummanni Itoophiyaa Raayyaa Ittisa Biyyaatiif deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru. Wareegama barbaachisu kamuu kaffaluun is Itoophiyaa ittifufsiisuuf hojjetaa jirra jedhan.

Garichi ololaan ummata naannichaa burjaajessaa jiraachuu eeranii, lolli amma gaggeeffamu kaayyoo gareen ABUT Itoophiyaa bittinneessuuf qabatee ka’e gufachiisuun Itoophiyaa akka biyyatti ittifufsiisuufi daangaa biyyattii kabachiisuuf gaggeeffamu ta’uu himaniiru. Awwaalcha garichaa mirkaneessuufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeran.  

Shororkeessaa ABUT daa’imman waraanaaf calalaa jiru, hawaasni biyyoolessaa “Deeggarsa ummataa” jechuun yakkicha balaaleffachuun dhiisee leellisaa jiraachuunis ibsameera.

Seeraa biyyoolessaatiin daa’imman waraanaaf fayyadamuun yakka ta’uun otoo beekamuu daa’imman umriinsaanii barumsaaf malee waraanaaf hingeenye baala sammuu adoochuun adoochee waraanaaf hiriirsisaa jira.

Subqunnamtiiwwan biyyoolessaas gabaasasaa keessatti dhimma kana balaaleffachuun alatti deeggarsa ummataa fakkeessuun gabaasaa jiru.

Mootummaan namootaafi dhaabbilee biyya alaa taa’uun olola ABUT faarsaniifi maqaa Itoophiyaa xureessaniif obsa akka hinqabne Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Ministir De’eetaan ministeerichaa Ambaassaadar Reedwaan Huseen haala wayitawaa Itoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, namoonniifi dhaabbileen tokko tokko sababa deeggarsa walitti qabuutiin olola ABUT faarsuufi maqaa Itoophiyaa xureessuurratti xiyyeeffatanii socho’aa jiru jedhan.

Mootummaan dhimma kanaratti ilaalchisee qaamolee gocha kana gaggeessaan kan akeekkachiise yoo ta’u, dhaabbilee biroo keessa deebiin sakatta’uu akka qabuufi kaan ammoo biyya keessaa baasuu akka qabu murteesseera jedhan.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanis ta’e qaamoleen Itoophiyaa deeggaruu barbaadan xiyyeeffannoonsaanii deeggarsa namummaa kennuu qofa akka ta’e mootummaan ni akeekkachiisa jedhaniiru.

Qormaanni amma Itoophiyaa mudate qormaatawwan seenaa Itoophiyaa keessatti mudatan keessaa isa tokko ta’uus ambaassaadarichi himanii, qaamoleen ammas biyyattii diiguu barbaadan hinmilkaa’an jedhan.

Filannoo bara 1997tti Dursituu Garee Taajabdoota Gamtaa Awurooppaa kan turan Aanaa Goomeez ammaas Itoophiyaa cinaa akka dhaabatan himan.

Aanaa Gomeez Taajjabdummaan filannoo bara 1997rratti hirmaachuusaanii himuun ammaas taanaan Itoophiyaa biraa akka dhaabatan himaniiru.

Gareen ABUT shororkeessaa ta’uusaas karaa fuula tiwitariisaanii ibsaniiru.

Erga dabarsaniinis “Namoota nageenya dimokraasiifi misooma Itoophiyaaf yaadda’an biras nan dhaabbadha” jedhan.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 10/2013

Recommended For You