Injifannoo Itoophiyaa Olompikii ammayyaarratti

Tashoomaa Qadidaatiin

Finfinnee: Dur otoo taphni olompikii akka har’aa hinammayyoomiin sirnisaa Giriikitti waaqeeffannaa wajjiin walqabatee kabajamaa ture.

Sirnichi erga bifa ammaayyatiin adeemsifamuu jalqabee garuu haala faayidaa hawaasa addunyaarratti  xiyyeeffateen falaasama ispoortii ammayyaa kanneen akka kubbaa miilaa, atileetiksii,  biskileetii, buunyaafi kkf of keessatti qabachuun sochiinsaa eegalameera.

Falaasamni kun lammii naamusaan badhaadhe, qaaman jabaate, sammuudhaan bilchaate, akkasumas aadaasaatiif quuqamuufi  cimsu agarsiisuurratti kan bu’uureeffateedha.

Seenaa olompikii yoo kaafnu jalqabarratti Peeyeer D Kubartii yaadanna. Peeyeer D Kubartii lammii Faransaay yoo ta’u, taphni olompikii ammaayyaa addunyaarratti bal’inaan akka adeemsifamu nama yeroo baay’eef hawwaa turedha.

Hawwiin isaa kan dhugoome gumii olompikii ALA bara 1896 magaalaa guddoo Faransaay, Paarisitti adeemsifameeni. Haaluma kanaan olompikiin ammayyaa inni jalqabaa ALA bara 1896 magaalaa guddoo Giriik, Ateensitti akka adeemsifamu Giriik waan gaafatteef koreen olompikii biyyooleessaa akka olompikicha qopheessitu eeyyameef.

Hawwiin Peeyeer kan dhugoomes olompikiin jalqabaa kun kan adeemsifamee biyyoota falaasama olompikii duraan dursanii beekan jiddutti ALA  Hagayya 5-15 bara 1896 yoo ta’u tapha kanarraa Ameerikaan meedaaliyaawwan warqii 11, meetii jahaafi nahaasa lamaan shaampiyoonaa taateetti.

Akkasumas, qopheessituun olompikichaa Giriik meedaaliyaa warqii  10n meetii 12fi nahaasa13n, Jarman ammoo meedaaliyaa warqii torba, meetii shaniifi nahaasa sadiin sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa qabachuun seenaa olompikii ammayyaa wayita sanaa keessatti biyyoota duraa ta’aniiru.

Erga olompikiin ammayyaa kun jalqabamee waggoota 125 kan lakkoofsise yoo ta’u, waggoottan kanneen keessatti al 31 biyyoota miseensoota koree olompikii biyyooleessaa adda addaatti waggaa afur, afuriin qophaa’eera.

Haata’u malee taphni  kun sababa waraana addunyaa tokkoffaafi lammaaffaatiin ALA bara 1916, 1940fi 1944 otoo hinadeemsifamiin  hafeera.

Itoophiyaan yeroo jalqabaaf olompikii Meelboorni, Awustiraaliyaatti ALA bara 1952 hirmaachuun kan eegalte yoo ta’u, walumaagalatti taphawwan 13 qofarratti qooda fudhachuun hanga ammaatti meedaaliyaawwan  54 argateetti.

Meedaaliyaawwan kanneenis kan argamsiisan  30 dhiiroota, 24 ammoo shamarrani. Kunneenis kan argaman akaakuwwan ispoortii atileetiksii fiigicha maaraatoonitii hanga meetira kuma tokkoofi 500tti.  

Haaluma kanaan Maaraatoonii dhiiraan meedaaliyaa warqii jaha dubaran lama, meetii tokkofi nahaasni sadii (tokko dubaraan) dimshaashumatti meedaaliyaawwan kudhan argatteetti.  Fiigicha meetira kuma 10tiin dhiiraan meedaaliyaawwan 13 kan argaman yoo ta’u, isaan keessaa warqiin shan, meetiifi nahaasni afur, afur  ta’uun hubatameera. Dubartootaan ammoo warqiin jaha meetiin tokkoofi nahaasni shani.

Fiigicha meetira kuma shanii dhiiraan warqiin, meetifi nahaasni sadii, sadii walumaagalatti meedaaliyaawwan sagal kan argaman yoo ta’u, dubaraan ammoo warqiifi nahaasni sadi, sadiifi  meetiin ammoo tokko argameera. Fiigicha meetira kuma sadii dubaraan meetiin tokko, kuma tokkoofi 500n dubaraan nahaasni tokko argameera.

Itoophiyaan seenaa olompikii ammayyaa kana keessatti fiigicha maaraatooniitiin dhiiraan meedaaliyaa warqii afur, meetii tokkoofi nahaasa lama, dubaraan ammoo warqii lama  argachuudhaan biyya duraati. Yeroo sadiif walitti aansite mo’achusheetti galmee olompikii keessatti maqaan ishee warqiidhaan barreeffame kabajaan kaa’ameera. Olompikiin kun baranas yeroo 32faf magaalaa guddoo Jaappaan Tokiyootti jalqabamuf guyyoota muraasatu isa hafa. Itoophiyaanis garasitti imaluuf qophii olaanaa taasisaa turteetti.

Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013

Recommended For You