Biyya kam keessattuu barbaachisummaa mootummaatiif sababoota adda addaa kan kaasan yoo ta’ellee inni tokko hawaasa balaa mudachuu malurraa ittisuu, akka waliisaaniirraan rakkoo hingeenyeefi humni addaa alaa akka hawaasa hinmiine taasisuun isa tokko akka ta’e beekamaadha.
Akka biyya keenyaattis egaa geggeessitootarraa wantoota barbaachisan keessaa yeroof qabxii muraasa ilaaluu yaalla. Filannoo geggeeffameen mootummaa ta’ee namni biyya kana bulchuuf jiru xiyyeeffannoo guddaa kanneen itti kennaman hedduu ta’anillee akka ilaalcha kootti kanneen armaan gadii barbaachisoo natti fakkaatu.
- Dippiloomaasii cimsuu
Dippiloomaasiin biyya tokkoof daran murteessaadha. Akka namoonni hedduun dubbatanitti waraanni kufaatii (milkaa’ina dhabuu) dippiloomaasiiti jedhu. Dippiloomaasiin utuu humna hinfayyadamin taarsiimoo sirriifi namoota sirriitti fayyadamuun diina meeshaafi loliisa malee harka kennisiisuu danda’uudha.
Dippiloomaasiin humna malee namoota of duukaa hiriirsuudha. Dippiloomaasiin nama sirriitti maaliif akka biyya tokkotti ergameefi maal gochuu akka qabu sirnaa hubateen yoo ta’e hariiroo uumuufi firoota horachuu keessatti ga’eensaa guddaadha.
Sababa biyyootni gara garaa dippiloomaatota sirrii qabaniif biyyoota walii wajjin jiraachuu hindanda’amne faan nagaan jiraatu. Kaan ammoo biyyoota gara garaa haqaaquun akka isaan dantaasaanii kabachiisaniif taasisaniiru; taasisaas jiru.
Bara keessa jirru kanatti nama dhugaa qabu utuu hinta’in nama dippiloomaatota sirrii qabutu biyya lafaa kanarratti fudhatamaafi sobnisaanii dhugaa fakkaatee simatamaa jira. Haa ta’u malee dippilomaasiin soba dhugaa fakkeessuu miti.
Biyyootnis ta’an gartuuwwan gara garaa akkasitti hubachaa jiraachuun beekamaadha. Biyyi tokko utuu rakkoo qabduu dunuunfatanii akka rakkoon tokko hinjirretti falmuu jechuus miti.
Tarii rakkoo jiru kana jechoota dippiloomaasiin ibsuu danda’uudha. Biyya dhaqanitti aartii biyyasaanii, gaazexeessitoota, muuziqeessitoota, ministiroota, barreessitootaafi kkf biyya dhaqan keessatti beeksisan, biyyoota gidduutti hariiroo cimaan akka uumamuuf namoota dhama’anii hojjetan bakka bu’oota biyyaa amanamoodha.
Kana booda dippiloomaatotni kanneen addunyaa kana raasan malee keessummoota kan daawwachiisan qofa ta’uu hinqaban. Namoota dubbiin isaanii fudhatama qabu, karaa yaadanirra fuudhanii deemuu danda’an, bara keessa jiran, fedha biyya keessa jiraniifi mootummoota biyya lafaa kanaa sirriitti adda baafatanii beekan, namoota of kennanii biyyaafi sabasaaniif hojjetan.
Kana malees kanneen sagalee hawaasasaanii ta’anii waltajjii addunyaarratti dhageessisan, sagaleensaanii kunis sirriitti dhaga’amu, hariiroo haalotni adda addaa salphaatti hunkutne uuman, namoota turtiin isaanii yeroo raawwachaa dhufu lammummaa biyya itti ergamaniitti jijjiirrachuuf garaan isaan hineeyyamneef ta’uutu irraa eegama. Isa kana ammaa qabanii itti yaaduun murteessaadha.
- Humni Basaasaa Cimaa (Strong Intelligence Agency)
Biyyoota Afrikaa hedduutti odeeffannoo sirrii tarsiimoowwan adda addaatiin funaananii hiikkoo sirrii itti kennuun rakkoo uumamuuf jiru qolachuu ilaalchisee ammayyuu wantootni hedduun akka hafan agarra.
Akka ilaalcha kootti dhaabbatni basaasaa sadarkaa har’a addunyaan irra geesse qabaachuun murteessaadha. Keessumaa akka biyya keenyaatti hojii cimaan gama kanaan jiraatus humna namaan ijaaruu, beekumsa addunyaan kun gama kanaan irra geesseen geessisuun murteessaadha.
Sababiinsaa dhaabbatni basaasaa biyya tokkoo sadarkaa addunyaan har’a irra geesse yoo ga’e qofa haalota har’a agarru kana injifachuun kadanda’amu. Akka dhuunfaattis ta’e walootti, biyya keessas ta’e hambaatii akkasumas sadarkaa addunyaatti odeeffannoo jiru funaanuun, xiinxala barbaachisaa itti kennuun nageenya hinraafamne uumuu keessatti ga’ee guddaa kan qabuufi akka biyyaattis ta’e akka hawaasaatti mudannoo hamaan ummatarra ga’uu malu akka qolatamu kan taasisu, odeeffannoon kana jalaa hinmiliqne, bifa dhokataanis ta’e ifatti odeeffannoo hawaasa keessa jiru madaaluun, dhaabbillee adda addaa wajjin hariiroo uumuun rakkoo mudachuu danda’u duraan dursee kan hubatu ta’uu qaba.
Akkasumas, dhaabbanni cimaan fedhiifi deemsa biyyoota har’as ta’e gara fuula duraatti rakkoo uumuu danda’an (current and potential opponent) adda baasuu danda’u, ifatti ta’uu baatus miidhaa haalotni jiran geessisuu malanirratti duraan dursee dhiibbaa geessisuu kan danda’u, miidhaa biyyoota gara garaa biyyasaa irraan geessisuu dandaa’an adda baasee biyyaafi hawaasarraa qolachuu kan danda’u gama kanaan jiraachuun daran barbaachisaadha.
Inni kun meeshaafi qabeenya qofa utuu hinta’in humna namaa keessumaa namoota gama kanaan addunyaa kana irraan dhiibbaa cimaa geessisuu danda’an horachuun murteessaadha.
- Humna waraanaa cimaa
Bara kana keessa akka qorannoowwan gara garaa agarsiisanitti biyyootni akka Chaayinaa, Raashaafan Hindiiffan humna waraanaa cimsachuun humna alaa itti dhufu kamuu qolachuuf qophaa’oo akka ta’an agarsiisa. Ameerikaan loltootashee baajata guddaa kan baaftullee yeroo ammaa Chaayinaan kan hinqixxaanne ta’uunshee beekamaadha.
Egaa akka biyya keenyaatti waan guddaan yeroo si’anaa itti yaadamuu malu keessa tokko humni waraanaa loltoota ajaja itti kenname yeroo xiqqoo keessatti raawwachuu danda’u, haala jiruufi oduun kan hinraafamne, sodaarraa walaba ta’e, meeshaa hammayyaa addunyaan si’ana hidhate gonfate, onnee guutuun biyyaafi hawaasasaa booda jiru irraa humna hamaa kamuu kasaaraa muraasaan qolachuu danda’u horachuun barbaachisaadha.
Kana malees leenjii barichaafi haala jiru salphaatti injifachiisu kan fudhatan, maal akka isaan dura jiru kan beekan namoota mul’ataafi lolanii injifachuuf qophaa’oo kan ta’an, haala addunyaa jijjiiramaa deemuu wajjin kan of qopheessaa deeman, tarsiimoo sirriitti kan waa’ee ba’an, humnaan, seexaafi (moral) tarsiimoo lolaatiin humna diinaa akka lafaa hinkaanetti kan naaffisan, ariitiifi jabinaan humna diinaa kan cabsan walii galatti humna waraanaa gaarii qabnu ammas kallattiilee hedduun irratti hojjechuun murteessaadha.
Gama hidhannootiin sadarkaa har’a taknoloojiin ga’e kan ilaalcha keessa galfate, loojistiksii hammayya’aa kan hordofu, gama xiinsammuutiin seexaa cimaa qabu, jabina kan gonfateefi geggeessitoota tarsiimoo sirrii beekaniin geggeeffaman, sadarkaa xiinxalaatiin haala dirree lolaa walxaxaa ta’an qorachuu, tilmaamuu dandaa’an ijaaruun barbaachisaadha.
Sababiinsaas akka biyyaatti aggaammii jiru salphaatti qolachuuf gama barbaachisuun sirriitti of ijaaruun murteessaadha.
- Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu
Yeroo ammaa jireenya hawaasaa addumaan namoota harka qal’eeyyii kan garmalee dararaa jiru qaala’iinsa jireenyaati. Rakkoon kun kan furamu karaa saayinsaawaafi tarsiimoo sirrii qofani. Addumaan biyya keenyatti akkaataa itti dorgomtootni investimeentii gara garaa irratti hirmaatan baay’isuun harka nama tokkoo ykn namoota muraasaa keessaa baasuun barbaachisaadha.
Omishni barbaachisaan macaaqoo nama dhuunfaa taanaan rakkoon isaa danuudha. Karaa biraas seera kabachiisuu, kufaatii gabaa xiqqeessuu, dhiyeessii akaakuu nyaataa hawaasni itti gargaaramu tokko tokko dhiyeessuu danda’uu, mallaqa to’achuufi kkf irratti hojjechuun hanga tokko qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuu danda’a.
Darbees namni tokko qofti omishota barbaachisoo harka keessa galfachuun akka ummata hindararreef itti yaaduun irratti hojjechuun gaariidha. Inni kun xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu qaba. Sababiinsaa qaala’iinsi jireenyaa keessumaa harka qal’eeyyota miidhuufi daldaltoota muraasa duroomsuun jireenyi akka hunkutaa’u taasisuu danda’a.
Isa tokko gar malee ol kaasee isa kaan ammoo gadi buusa. Hanga namni jiraachuu dadhabutti geessisuu danda’a. Kunis xiyyeeffannoo barbaada.
- Malaammaltummaa Daangessuu
Malaammaltummaan miidhaansaa danuudha. Inni kun addunyaa keenyaaf haaraa miti. Keesumatti ardiin Afriikaa hundumaa irra miidhaasaa dhandhamteetti. Malaammaltummaan misooma quucarsa, dinagdee biyyaa hunkuteessa. hiyyummaa dagaagsa, egeree dhalootaa dimismiseessa, amantaa hawaasni mootummaarratti qabaatu hir’isa, namni jabaatee hojjechuun utuu hinta’in daandii qaxxaamuraan akka duroomu kan taasisuufi namni jabaatee hojjetee akka bakka karoorfate hingeenyee taasisa.
Dinagdeefi adeemsa siyaasa biyya tokkoo kan dimismiseessu walumagalatti malaammaltummaan diina dhalootaati. Diina biyyaafi mootummaati. Diina guddinaati. Malaammaltummaan yeroon utuu itti hinkennamin sadarkaa gadiitii eegalee hundeen fonqolchamee kan galagaluu maluudha. Inni kun qaama tokko qofaan kan ta’u miti. Harka walqabachuun garuu hundee hamaa kana daandii irraa maqsuun nidandaa’ama.
- Nageenya amansiisaa buusuu
Akkuma beekamu nagaa namatu namaaf fida miti; burqaan nagaa keessa ofiiti. Nagaan keessa kan eegalu erga ta’e dubbiin, sochiin alta’umsi, gochiifi ilaalchi namootaa isa kana akka hinmiineef of eeggachuun barbaachisaadha.
Wantootni naannawa keenyaa keessa keenya jijjiiruu dandeenyaan ilaalcha keenya jijjiiruu danda’u. Inni kun naannawa keenyarattis miidhaa qaba. Isa kanarratti hojjechuun inni jalqabaa ga’ee abbaati. Namatu nuuf hojjeta miti.
Karaa biraa ammoo qaamni nagaa irratti hojjechuu malus gama kanaan itti yaaduun barbaachisaadha. Inni guddaan garuu akka abbaan itti yaadu, haala keessa jiru keessaa akka ofiin ba’uu danda’u duraan dursanii gargaaruun barbaachisaadha. Kanaafis mariin hawaasa hirmaachise barbaachisaadha.
Walumaagalatti, rakkoolee armaan olitti maqaa dhoofnes ta’e kanneen hafan kanneen akka hoji dhabdummaafa xiqqeessuu, haala manneen barnootaa keessa jiraniifi waan barattootni barataa jiran itti siqanii ilaaluufi kanneen fooyya’uu qaban fooyyessuu, seera biyyi kun ittiin bulaa jirtu gadi fageenyaan ilaaluufi xiinxaluu, hariiroo biyyoota ollaa wajjin qabnu jabeessuu, biyyoottan murteessoo ta’an addunyaa kanaa michooffachuu irratti hojjechuufi kkf daran murteessaadha.
“DUKKANNI JIRAACHUUN HAMAA MITI. AKKA IFA ARGUUF TATTAAFANNU NUTAASISA!”
Doktar Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013