Waasihun Takileetiin
Finfinnee: Rakkoon qaala’insa gabaa Itoophiyaanotatti ba’aa ta’aa jiru kun hudhaa waggoota 15f lafarra gangalachaa dhufeefi ammallee furmaata barbaadu akka ta’e Gorsaan Imaammata Dinagdee Ministira Muummee ibsan.
Gorsaan ministira muummee Obbo Maammoo Miratuu akka ibsanitti, rakkoo kanas keessumaa erga mootummaan haaromsaa gara aangootti dhufee hudhaalee kana furuuf tattaaffiin cimaa taasifamaa turuu kaasaniiru. Kun ta’us warraaqsi dinagdee bayyanachiisuu kun fayyaalessa akka hintaaneef biyyattiin hudhaalee gara garaa keessaa turuusheen qaala’insi gabaa hammaateera jedhu.
Tarkaanfiin dinagdee biyyaa fooyyessuu akkaataa karoorfameen akka hinmilkoofne tatamsa’inni Koviid-19, gatiin shaqaxoota bu’uuraa biyya alaarraa galan dachaan dabaluun, weerara awwaannisaafi lolaan sababa guddaa ta’aa turuu himu.
Haalichi daran yaaddessaa ta’uusaan walqabatee hudhaalee kana furuuf qamadii alaa galu biyya keessatti oomishuuf tattaaffii taasifameen jijjiiramoonni mul’achuusaa eeranii, haaluma kanaan qamadii kuntaala miliyoona kuma 15 ol biyya keessatti oomishuun danda’amuusaa kaasu.
Guddistuun callaa biyya alaarraa gala ture dhibbantaa 30n dabaluusaan walqabatee biyyattiin baasii hinmalleef saaxilamaa turuus hubachiisaniiru.
Kunimmoo damee qonnaa booddeetti kan harkisuufi eeggattummaa kan babal’isu ta’ee waan argameef toorri xiyyeeffannoo akka kennamuufii Obbo Maammoon kaasaniiru.
Yeroo ammaattis sochii gama qonnaan jiru cimsuun alatti dhiyeessiilee shaqaxaa alaa galan tasgabbeessuuf bajanni bara kanaaf raggaassifame qarshiin biliyoonni 561 haala yeroo kaan giddugaleeffate ta’uu ibsaniiru. Isa kana cimsuufis damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennuun dinagdee gaaga’ameefi qaala’insa gabaa hamma tokko fooyyessuun akka danda’amu kaasaniiru.
Komishinara Komishinii Misoomaa kan ta’an Doktar Fitsum Asaffaa gamasaaniin, qamadiin alaa galu hafuunsaa dinagdeen Itoophiyaa akka bayyanatu taasiseera jedhu. Kanamalees qaala’insa gatii gabaa hamma tokko fooyyessuu ibsaniiru.
Gama biraatiin zayitii sharafaan alaa galu hambisuuf tarkaanfiin biyya keessatti omishuu eegalame bu’a qabeessa ta’uunsaa hamma tokko jijjiirama kan agarsiise ta’uus dubbatu.
Dinagdeen Itoophiyaa hudhaalee armaan olitti kaafamaniin liqimfamee bara baajataa 2012tti guddinni dinagdee galmaa’e 6.1 ta’uu eeranii, bara bajataa 2013 kana keessas jijjiirama fiduuf sochii eegalameen fooyya’insi jiraachuufi qaala’insa gatii gabaa furuuf bajanni ramadame jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaalinyis bajanni guddaan bara baajataa 2014f ramadame qaala’insa gatii gabaa furuun alatti imala badhaadhinaa Itoophiyaan qabatte kan dhugoomsudha jedhu.
Hudhaalee weerara awwaannisaa, Koviid-19, rakkoo nageenyaa mudachaa ture dandamachuun omishaafi omishtummaan fooyya’insa agarsiise kutannoo mootummaan jijjiiramaaf qabu kan agarsiise ta’uus ibsaniiru.
Yeroo ammaattis bajanni alana ragga’e kun hudhaalee bu’uuraa Itoophiyaa kanneen akka qaala’insa gabaa fooyyessuurra darbee omishaaleen alaa galan hamma tokko biyya keessatti akka omishaman kallattii kaa’a jedhaniiru.
Tattaaffii amma jalqabame kanaan guyyaan itti Itoophiyaa badhaate argan fagoo miti kan jedhan Dr. Iyyoob qaala’insa gabaa tasgabbeessuufis ta’e Itoophiyaa dinagdeedhaan of dandeesse ijaaruuf sochii mootummaan taasisu cinatti qabsoon hawaasaas murteessaa akka ta’e turtii EBC waliin taasisaniin hubachiisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Adoolessa 3/2013