Natsaannat Taaddasaatiin
Sirnoota darban keessa qonnaan bultoonni Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee sababa babal’ina magaalaafi invastimantiitiin lafasaaniirraa buqqa’aafi dhiibamaa turaniiru.
Haallitti magaalaan Finfinnee babal’attes sirna qonnaan bultoota buqqa’an deebisanii dhaabuu kan hinhordofne ture. Ammaan booda qonnaan bultoota buqqisuufi dhiibuun kan dhaabate ta’uufi kanneen kanaan dura lafasaaniirraa buqqa’anii rakkoolee hawaasummaa gara garaatiif saaxilaman deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu godinichi ibseera.
Bulchaan godinichaa Obbo Girmaa Hayiluu Tolaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, godinichi giddugaleessa biyyaa, handhuura Oromiyaa, akkasumas wiirtuu siyaasaa, dinagdeefi daldalaafi waan ta’ee otoo misoomuuf carraa guddaa qabuu sababoota adda addaatiin sadarkaa guddachuu qaburra hingeenye.
Sirnoota darban keessa Finfinneen qonnaan bultoota buqqisuun babal’achaa akka turtes himanii, mootummaa jijjiiramaatii as garuu qonnaan bultoota buqqisuun hafee kanneen buqqa’anillee deebisanii dhaabuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhu.
Akka Obbo Girmaan jedhanitti, godinichatti hojii waggoota sadan darban qonnaan bultoota sirnoota darban keessa sababa babal’ina magaalaafi invasimantiitiin lafasaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf raawwatamaa tureen qonnaan bultoonni kuma ja’a magaalota godinichaa ja’a keessatti lafa mana jireenyaa akka argatan taasifameera.
Hojidhabdummaa godinichatti babal’atee ture furuuf hojiilee raawwatamaa jiraniin bara darbe qofa dargaggoota kuma 17 carraa hojii uumeera kan jedhan bulchaan godinichaa, waggoota sadan darbanii as qonnaan bultoonni kuma sadii gara invasimantiitti akka galan taasifameera. Kana malees tajaajilli liqii mijaa’eefii lafasaaniirratti hojiilee invasimantii gara garaa akka hojjetan taasifamuus himaniiru.
Bara bajataa kana qofa godinichatti pirojektonni adda addaa fayyadamummaa ummatichaa mirkaneessan 105 ol baasii qarshii biiliyoona 1.2 ta’uun hojjetamanii tajaajilaaf oolaniiru kan jedhan Obbo Girmaan, bu’uuraaleen misoomaa hojjetamaa jiran gaaffiilee misoomaa jiraattonni barootaaf dhiyeessaa turan deebisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessan ta’uu eeraniiru.
Godinichatti barana hojii misooma jallisiitiin lafti heektaara sagalii ol omisha qamadiin uwwifamuu kan himan Obbo Girmaan, lafa heektaara tokkorraa omishni qamadii kuntaala kuntaala 60 hanga 103tti argameera. Qonnaan bulaan waggaa tokko keessatti yeroo lamaa ol qotuudhaan jiruufi jireenyasaa akka jijjiiruuf hojii misooma jallisiirratti xiyyeeffatanii hojjechaa kan jiran ta’uus dubbataniiru.
Godinichi bajata mootummaan ramaduun hojiilee misoomaa hojjechaa jiru cinaatti ‘Pirojektii Qindaa’aan Gumaata Caffee Tumaa’ hundeessuudhaan abbootii qabeenyaa, dhaabbileen gara garaafi hoggansi mootummaa bal’inaan irratti hirmaachisuun hojiilee guguddoon fayyadamummaa ummata godinichaa mirkaneessan hedduu jiraachuu himanii, pirojektichaan manneen barnootaa moodela ta’an ja’a baasii qarshii miliyoona 82n ijaaramaniiru. Manneen barnootaa biroo ja’a ijaaruuf ammoo caalbaasiin ba’uu himaniiru.
Kanaan barana dubartoota harka qal’eeyyii qoraan gurguranii jiraatan kuma lama adda baasuudhaan dubartoota 400f tokko tokkoonsaaniitiif loowwan aannanii qarshii kuma 55 hanga 60n bitaman kennameeraaf kan jedhan Obbo Girmaan, loon tokko guyyaatti aannan liitirii 15 hanga 20 kan kennan ta’uufi dhiyeenyatti ammoo dubartoota 800f kan kennan ta’uu himaniiru.
Mootummaan naannichaas bu’aa qabeessummaa pirojektichaatti amanee qarshii miliyoona 50 kan ramadeef ta’uu himanii, dhaabbileen misoomaa biroonis pirojekticha deggeraa jiraachuufi hojiileen pirojektichaan raawwatamaa jiran eessattuu kan hinbaratamneefi moodeela ta’uu himaniiru. Pirojektii waggaa sadii kanaaf qarshii biliyoona sadii kan barbaachisu ta’uus himaniiru.
Magaalotni godinichaa ammaan booda bakka qonnaan bultoonni irraa buqqa’aniifi irraa dhiibaman osoo hintaane bakkasaan qabeenya itti horataniifi keessa jiraatan taasisuuf hojiilee gurguddoon raawwatamaa jiraachuu himanii, hojiileen fayyadamummaa ummata magaalaafi baadiyyaa mirkaneessuuf raawwatamaa jiran cimanii kan ittifufan ta’uu eeraniiru.
Magaalaan Finfinnee akka kanaan duraa godinicha dhiibuun utuu hintaane, sirna waliinii misoomuu, guddachuufi fayyadamuu hordofaa jirti kan jedhan Obbo Girmaan, bulchiinsi gudinichaa, Oromiyaafi Finfinnee dhimma kanarratti waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee barattoota godinichaa maatiinsaanii harka qalleessa ta’an kuma 162f nyaata, meeshaalee barnootaafi yunifoormii dhiyeessaa jiraachuu himanii, hojiin kun qulqullina barnootaa mirkaneessuufi harcaatii barattootaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhu.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee pirojektota bishaanii 13 ta’an hojjechuun bishaan bishaan dhugaatii qulqulluu qonnaan bultoota godinichaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, Finfinnee godinicharraa bishaan dhugaatii qulqulluu fudhatee balfa guggogaafi dhangala’aa godinichatti gatuunis hafaa jira. Rakkoo gama kanaan jiran qorannoofi teknolojiin deggeramuun furuuf hojiilee guguddoon raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi godinichaa boordiifi koree waliinii ijaaruudhaan hojiilee misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan waliin hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Girmaan, ummatni godinichaafi Finfinnee akkuma aadaa, seenaafi jireenyaan walitti hidhame bu’uuraalee misoomaa, carraa hojiifi gabaadhaan walitti hidhuuf hojiilee guguddoon raawwatamaa jiraachuus dubbataniiru.
Ummatni godinichaa hojiilee misoomaa mootummaan raawwachaa jirurratti bal’naan hirmaachaa jiraachuu himanii, hojiilee ashaaraa magariisaa, qonnaa, misooma jal’isii, barnootaa, fayyaa, hawaasummaafi tola ooltummaarrattis bal’inaan hirmaachaa jira. Qonnaan bulaan keenya hogganaa haqaan isa geggeessu argannaan waan hojjedhu jedhameen hunda ni raawwata jedhu.
Godinichatti hojiileen gama hawaasummaafi dinagdeetiin raawwatamaa jiran fayyadamummaa ummataa magaalaafi baadiyyaa mirkaneessaa kan jiran ta’uu himanii, hoggantoonni mootummaa naannichaafi godinichaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoolee mul’atan furuurratti kutannoo cimaadhaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Bara bajataa 2013 hojiilee gurguddoon fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduutu godinichatti kan raawwataman ta’uu himanii, bara bajataa dhufu kanattis hojiilee badhaadhummaa maatii mirkaneessan keessumaa hojii qonnaafi misooma jallisiirratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’a. Dargaggoota hojii ashaaraa magariisaafi tola ooltummaarratti bal’inaan hirmaachisuun hojii cimee itti fufu ta’uus eeraniiru.
Hojii tola ooltummaa ganna kanaatiin manneen harka qalleeyyii 50 kan ijaaraman ta’uu himanii, hojiin kun qarshii miliyoona 2.2tti tilmaamama. Hojii ashaaraa magariisaa milkeessuuf ammoo biqiltuuwwan miliyoona 97 dhaabbiif kan qophaa’an ta’uu ibsaniiru.
Hojii tola ooltummaatiin daree dabalataafi oolmaa daa’immanii 78 hirmaannaa ummataatiin hojjechuuf karoorfameera kan jedhan Obbo Girmaan, ijaarsa pirojektotaa yeroo qabameef keessatti xumuruuf hojiin deggersaafi hordoffii hoggansaa, ogeessaafi hirmaannaa ummataa cimee kan ittifufu ta’uus eeraniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013