Kutaa 7fa
Seenaafi guddina barreeffama Afaan Oromoo
Qorannoo seenaafi afaan ummatoota Itoophiyaa keessaa kan dursee qoratamuu eegale afaan Gi’iizii ta’uun beekamaadha. Kunis amantiidhaan walqabatee wiirtuuwwan amantii akka Iyyeruusaalem, Roomaafi Alaksandariyaa keessatti qofa akka tureefi boodas gara biyyoota Awuroopaa lixaatti mul’achaa akka dhufe dubbatama.
Haata’u malee babal’ina sirna kaapitaalizimiitiin walqabatee sochiin biyya haaraafi ummatoota Afrikaa qooddachuu yoo eegalamu, imaltoonniifi daldaltoonni Arabaa akkasumas luboonni amantii babal’isan biyya kana seenuu yeroo eegalan afaan Gi’iizii malee qorannoon afaanonni saboota Itoophiyaa tokko jedhee akka jalqabame dubbatama.
Afaanota qorannoonsaanii eegalame keessaa tokko afaaniifi seenaa Oromooti. Hayyoota qorannoo Afaan Oromoo bifa haaraan eegalan keessa hayyoota Faransaay kan dursu hinjiru. Haaluma kanaan hojii nama dinqisiisu kan hojjate nama ‘Edmen Francois Jomard’, (1839) kan jedhamu barreessaa jalqabaa jaarraa 19fa keessa tureefi Oromoota gara Awurooppaatti gurguramanirraa Afaan Oromoo qorachuun mataduree “Notice surles Oromoo de Limou” jedhuun barruun bara 1839 maxxanfamte ishee duraati.
Waggoota muraasa booda barreessaan biyya Jarman ‘Karl Tuscher’ kan jedhamu Oromoota hedduu gara Awurooppaatti gurguramanirra akka qorate ibsuun galmee jechoota Afaan Oromoo “The dictionary of Oromoo language” jedhu galmee jechoota barreeffaman keessaa isa duraati.
Kan biraa barreessaan biyyaa Faransaay ‘W. Newmans’ jedhamus Afaan Oromoorratti barruulee “Review articles notes on the Oromo verb and pronunciation: 1847” maxxansaniin seenaa jalqaba qorannoo Afaan Oromoo keessatti isaan beekamaniidha.
Jechootaafi haala dubbii (seerluga) afaan Oromoorratti hojii gaarii kan hojjate tokko ‘France Praetorius’ jedhaman yoo ta’an, Oromoo “Grammer Zur Grammatika der Oromo sprache” kan jedhu (Berlin 1893) keessa kan maxxansaniidha.
Walakkeessa jaarraa 19fafi jalqaba jaarraa 20fa keessa gara qorannoo geggeeffamaniitti yoo deebinu, Afaan Oromorratti qofa otoo hinta’in seenaafi amantii Oromoon wlaqabatee waa hedduu kan hojjate ‘Antanine d’Abbadie fi obboleessa isaa Antoine Mika’e’ namoota beekamoo barruulee ‘D’Abbaadii’ duraa qopheessan keessaa “On the Oromo; Great African Nation” jedhu bara 1890 maxxanfame seenaa Sirna Gadaa kan hammateefi hagam Gadaa Sirna demokratawaa akka ta’e kan ibsuudha. Hojiin isaa inni duraanii kun hayyoota biyya Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Inglizii akka qormataaf isaan kakase dubbatama.
Seenaa Sirna Gadaa Oromoota Guduruutti aansee ‘Antonie D’Abbaadiin’ kan hojjate seenaa Oromoo shanan Gibee (Limmuu) Saqqaafi kan mootii Abbaa Bagibooti. Barreeffama teessoo lafaafi Ji’ograafii Oromiyaa lixaa ilaalchisee ‘A. D’Abbaadiin’ kitaaba “Geographie de I’Ethiopie: 1890” maxxansiise keessatti qabiyyee lafa Oromoorrattiifi ogummaa ummanni qabu bal’inaan kan ibseedha.
‘A.D’Abbaadien’ Sirna Gadaa tokkummaa Oromoo eeguu keessatti gahee inni qabu ibsuu bira dabree ummata isaa “Basque” jedhamu kan ‘Splniifi Faransaay’ keessatti faca’an tokko gochuuf tooftaa Sirna Gadaafi mala demokraasii Oromoo akka itti gargaramuu qabu barsiisaa ture. “Akkuma torban Guduruu tokko ta’e” “Ziz piak bat” (seven are one) jechuun ‘Basquetal’ iddoo torba jiraatan tokko gochuuf yaada qabu ibseera.
Galma yaadannoo ‘Antoine D’Abbadie bara 1860-1870tti’ Faransaay keessatti ijaarame miidhagina Aadaa Oromoo kan gonfateefi kora Caffee Oromoo kan mul’isuudha. Galmi kun ammas akka Faransaay keessa jiru beekamaadha. Kunis jaalala barreessaafi qorataan saayinsii hawaasaa jalaala ummata Oromootiif qabu kan mul’isuudha.
Qorataafi imaltuun Xaaliyaanii ‘Antonio Cece’i jedhamu kitaabasaa jldii 3fa bara 1881 barreesse keessatti “Grammer and vocabulary of Oromo” yeroo baay’ee irra deddeebi’ee kan maxxaffameedha. Kan biraas “Grammaticae dizionario della lingua Oromoninya (millano 1892)’’, keessa nama barreesseedha.
Baroota kanneen hayyootaafi imaltoonni Xaaliyaanii baay’inaan kan Afaan Oromoorratti hojjatan yoo ta’u, isaan keessaas kan akka, ‘Luigi Robecehi, Bricche E.’ matadureewwan ‘vocabularies and grammatical detals of Somali, Orormo and Harari’ jedhamuufi afaanota shaniin kan hiikame ture. Dabalataanis “Bollettion della societa Geograpafia Italiane 1890 volume III, Vocabulary della lingua Oromo 1881-1892” irratti guddina afaan Oromoorratti hojjatamaa kan tureedha.
Imaltoota Jarmaniif qorataan ‘Phillip paaltishke’ jedhmu immo afaanoota Hararii, Oromoofi Sumaalee iddoo tokkotti walitti fiduuf kan qorate yoo ta’u, maddoota afaan kanaa (ethnological) isaanirratti kan xiyyaffate ture. Kitaabni kun “Und Anthropologia der Oromo and Harari (Leipzinj 1888)” keessaa kan ifa ta’eedha.
Kana booda dhalato Itoopiyaa (Oromoo) kan ta’eefi lammumma Siwiidiini kan fudhate hiikaan (Onosmous Nesib) afaan Oromoorratti “an Oromo primer, The [Oromo] Spelling book (mankull, 1894) barreessuun qorannoo gaggeeffamaa tureen seenaa keessatti iddoo gudda kan qabuudha. Hojii Abbaa Gammachiis kana keessatti gargaaraan isaa Asteer Gannoo gahee gudda akka qabdu beekamaadha. Kanas fuula itti fufuu keessatti bal’inaan ta’uu baatus hubachiisuuf yaalla.
Afaanoota Itoophiyaa keessa jiran kamiyyuu dura seerluga barreeffamaan Awurooppaa keessatti kan maxanffame Galmee jechoota Afaan Oromoo “Jalqaba Barsiisa” jechuun luba Onosmos Nasiibuufi Asteer Gannoon waliin ta’anii hojjatan akka ture beekamaadha. Kunis bara (1886) kan Afaan Oromootiin maxxanfameedha.
Hayyoonni lamaan kun maatii isaanirra yeroo adda addaa fudhatamanii yeroo baay’ee irra deddeebi’amee namoota bay’eetti erga gurguramanii booda gara buufata doonii Maswaatti Qonsila Faransaay ture ta’e ‘Warner Muzengerti’ yeroo dhumaaf gurguramanii akka walaba ta’aniifi baruumsaaf gara (Siwiidiintti bara 1862) Ergamuun boodas amantaa Kiristinna fuudhachuun akka cuuphaman dubbatama.
Namni Onosmoos jiraatti walaba baase kun boodas dubartii Asteer Gannoo jedhamtus akka walaba taatu bituun iddoo Onosmoos ergametti deemtee baruumsa ishee akka itti fuftu godhe.
Jarreen lamaan achitti walgargaaruun kitaaba jalqabaa Barsiisaafi Afoola Oromoo jedhu akka waliin barreessan dubbatama. Hojii afoola Oromo Abbaan Gamachiis barreesan keessatti miiltoon isaanii Asteer Gannoo bu’aa guddaa akka qabdu kan hubatamu yoo ta’u, bilchinni isheen Aadaa Oromoo keessatti qabdu qooda gudda akka qabaachaa ture kan nama dinqisiisuudha.
Kana malees Onosmoos Nasiib kitaaba “Oromo Spelling Book” jedhamu akka galmee jechootaatti kan qopheessan yoo ta’u, kunis kitaaba afoola biyya kanaa isa duraa akka ta’uu danda’u tilmaamama. Abbaa Gammachiis nama kitaaba qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikeedha. Jalqabiin Afaan Oromoo sadarkaa barreefamatti guddachuu kun garuu bifa eegalameen itti fufuu hindandeenye.
Barreesitootaafi namoota guddina afaaniifi seenaa Oromorratti baroota jalqaba jaarraa 20fa keessatti hojjatan keessaa inni duraa
‘Conti Rossinini’ nama jedhamuudha. Nami kun akkuma namoota isaan duraa qorannoo afaaniifi seenaa Oromoofi ummattoota Itoophiyaa hedduu erga qoratee booda bara weerara Xaaliyaanii biyya kana keesssatti iddoo olaanaafi nama siyaasaa kan tureedha.
Hojiisaa keessaa tokko “The Falk literature of the [Oromo] of Southern Ethiopia. (Cambridge, mass…1922) yoo ta’u, barreessaan Xaaliyaanii kan biraa ‘Mario- Moreno’ kan jedhamu afaaniifi durdurii qoosaafi afoola Oromoorratti kan waan dansaa hojjateedha. (Roma 1935) “An Oromo Grammatica teoretica-Practica della lingua [Oromo] (milaano 1939) kan jedhamu barreesse.
Hojii hayyootaa kana booda faayida qabeessummaa afaan Oromoo erga hubatamee booda qorattoonniifi hayyoonni Biriteen (Ingiliz) waltajiitti dhufu qaban. Isaan kana keessaa tokko ‘Edwen.C.footp’ kan jedhamuufi saayinsii lafaa (geography) kan hordofu Galmee jechootaa heddu kan maxxansiiseedha. Kana keessaa tokko ‘Oromoo-English’fi ‘English Oromo dictionary’ (combridge 1913) keessa kan maxxafameedha.
Lubni Faransay beekamaan bara 1922 ‘Andre. Jarosseos’ Galmee jechootaafi seerluga Afaan Oromoo “Nations Grammatical Sur la Lamgue Oromo’’ Dirre Dawa 1922) kan maxxansiisan yoo ta’u, ammas qorataan Biritaaniyaa kan akka ‘Arnold Weinholt, Hadson fi Croven Howell Wolker iddo. Tokkotti “Elementary and practical Grammer of Oromo language (London 1922) kan barreessaniifi jara kanatti aansuun immoo hayyuun Faransaay galmee jechoota “Oromo and Amharic, vocabulary, Franchi Oromo, Abyssinia (Dirre Dawaa 1925) maxxanfamaniiru.
Baroota Xaaliyaanaiin Itoophiyaafi Sumaalee akkasumas “Eritira dhuunfate keessa yeroo kamiyyuu caalaa afaanoota kaaba bahaan Afriikarratti kitaabni heddu kan barreefameedha; namoonni kunis kan akka ‘Pietro Gerardo Jansen’s’ fi ‘Andre jarousseaws’ kan kana fakkaatan yoo ta’an galmee jechoota Oromoo, afaan Oromoofi seerlugarratti kan hojjatan yoo ta’u, kunis (Harar 1939) kan dubbistoota heddu harka ga’eedha. Isaan kana malee ‘Father Marinofi Father Cidiani Father Irenio d’Arenzane’ seerluga Afaan Oromoorratti kan barreessan yoo ta’u, maxxansi isaanii kunis ALA bara 1940 keessatti kan raawwatame ture.
Guddinniifi dagaaginni Afaan Oromoorratti ture kun baroota 1941-1970 keessa hojiin qo’annoo Afaan Oromoorratti godhamu gonkumaa addaan citeera jechuun nidanda’ama. Yeroon kun immoo baroota mootummaan Hayilasillaasee cimaa tureefi Ameerikaan biyya kana keessatti aangoofi ittigaafatamumma gudda qabdu ture. Haata’u malee yeroo kana antiroopoloogistoonni Jarmanii muraasni kan akka ‘A.E.jensen’ kitaaba Antiropolojoii tokko (Stuttgart 1954) keessatti kan maxxansiisan qofa ture.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013