Ibsawwan sababa labsii dhukaasa dhaabuu qeenxeerratti kennaman keessa

Wayinisheet Kaasaatiin

Gareen shororkeessitoota amma yaaddoo keenya waan hintaaneef  Raayyaan Ittisa Biyyaa Naannoo Tigiraayirraa gadhiisee bahuusaa Qindeessaan Ijaarsa Hojiilee Ministeera Raayyaa Ittisaa Biyyaa Letenal Jeneraal Baacaa Dabalee beeksisan.

Akka jeneraalichi jedhanitti, gareen shororkeessaa kun humna waan hinqabneef ummata Tigraayi sanyummaan kakaasuun ummaticha dahoo godhachaa jira. Raayyaan ittisaa ummata wajjin akka walitti hinbuuneefi gareen shororkeessaas waan dadhabeef Maqalee turuun faayidaa loltummaa hinqabu jedhan.

Sababa kanaafis raayyaan ittisaa Maqalee gadhiisee bahuu ibsaniiru. Ammas gareen kun Naannoo Amaaraafi Ertiraa nan waraanaa jechaa akka jiru Jeneraal Baacaan ibsanii, naannawa Humaraafi Raayyaa nan qabadha yoo jedhe kana fashaleessuuf raayyaan ittisaa qophaa’aadha jedhan.

Ministir De’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen gamasaaniin, labsiin waraana dhaabuu naannoo Tigraay sarbama mirga namummaa garee shororkeessaatiin raawwachaa jiruuf sababa akka hintaaneefi waqtin qonnaa akka hindabarre yaadameetu jedhan.

Kanaaf kana booda rakkoolee naannicha qunnamuuf ittigafatamaan garee shororkeessaa ABUT ta’uu ambaasaaddarichi himaniiru.

Itoophiyaan labsii dhukaasa dhabuu Tigraayi labsuusheetti biyyoonni akka Faransaayii, Kanaadaa, Ruusiyaa, Ameerikaafi kkf akkasumas, Dhaabbileen Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaan Afrikaafi kanneen biroon deeggaruusaanii beeksisaniiru. Labsichi kan deeggaramuufi tarkaanfii jijjiramaa isa tokko ta’uus himaniiru. Hojiirra oolmaasaatiif qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi gaheesaanii bahachuu qabu jedhan.

Gama biraatiin ammoo mootummaan labsii dhukaasa dhaabuu qeenxee Tigraayi erga labseefi raayyaan ittisaa guutummaatti bahee booda biyyoonniifi dhaabbileen biyyoolessaa kanneen akka Gamtaa Afrikaa, Ingiliz, Ameerikaa, Chaayinaa, Kanadaa, Ruusiyaa, Araba Immireetootaafi kkf faayidaasaa caqasuun labsicha akka deeggaran ibaniiru. ‘AMNESTY International’ garuu lammiilee nagaa Tigraayirratti haleellaan raawwatamuu danda’a sodaa jedhu akka qabu beeksiseera.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You