“Hojjetaa jireenya qaalii keessa taa’ee jaalala biyyaaf gatii kaffalaa jiruuf kabajni ni mala” -Obbo Namarraa Bulii

 Waasihun Takileetiin

Finfinnee: Hojjettoonni walii gala mootummaa naannoo Oromiyaa lakkoofsisaanii kuma 550 ol yoo ta’u ijaarsa biyyaaf qabeenyasaafi ogummaan deeggaraa turaniiru.

Galii isaan ji’aan argatan hammam gahaa ta’uu baatus jaalala biyyasaaniif qabaniif jecha warraaqsa dinagdee Oromiyaafi biyyaaf waakkii malee arjoomaa turuu Hogganaan Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa beeksisan.

Hogganaa biirichaa kan ta’an Obbo Namarraa Bulii ibsa gaazexaa Bariisaaf addatti kennaniin hojjettoonni naannichaa ijaarsa biyyaarratti waakkii malee hirmaannaa addaa taasisaa turuu kaasaniiru.

Ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa itti fufsiisuuf jecha tokkoo tokkoon hojjetaa miindaasaa yeroo lamaafi sadii ol arjoomaa turuu yoo himan dhiibbaa tokko malee aantummaa qaban agarsiisaniiru jedhu.

Misooma ashaaraa magariisaan walqabatee hojjettoonni biqiltuu maallaqasaaniin bitanii dhaabuun rakkoo jijjiirama haala qilleensaan dhufuu danda’u maqsuuf oolmaa guddaa ooluusaanii dubbataniiru.

Keessumaa tatamsa’ina koronaan walqabatee dinagdeen biyyaa akka hubamneef of eeggannoodhaan hojiisaanii hojjechaa imala warraaqsa dinagdee milkeessuuf humna guutuun hojjetaa turuu dubbatu.

Isa kanaafimmoo biiroonsaanii kabajaafi ulfina guddaa akka qabuufii himanii, hojjettoonni naannichaa ijaarsa hidha haaromsichaa deggaruun cinatti dhiiga arjoomuu, ashaaraa magariisaa lafa qabsiisuu wajjin walqabatee hojiilee jajjaboo hojjechuu himu.

Keessumattuu jaalala biyyaa isaan keessa bulerraa kan ka’e lammiilee harka qalleeyyii,ijaarsa biyyaafi tumsa garagaraaf deeggarsa maallaqaa,ogummaa,dhiigaa taasisaniin alatti aarsaa lubbuullee kan kaffalan akka jiran yaadachiisaniiru.

Akka ibssaaniitti jaalala biyyaaf jecha hojjetaa aarsaa qaalii kaffale kamiifuu kabajni qaban olaanaa yoo ta’u, fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf mootummaan humna guutuun hojjetaa jira.

Rakkoo qaala’insa jireenyaan walqabatee ka’u furuuf yaaliiwwaniifi tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamaa jiraachuu kan himan Obbo Namarraan rakkoo battalaa kana furuuf haalonni gara garaa mijachaa jiraachuu ibsaniiru.

Filannoon marsaa jahaffaa biyyaalessaa bara kana gaggeeffame karaa nagayaan akka xumuramu qooda hojjettoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran bahatan kan jajjabeeffamu ta’uus ibsaniiru.

Fuulduarttis Oromiyaa dirree badhaadhinaatti ceessisuun fayyadamummaa hojjettoota mootummaa gama maraan mirkaneessuuf kutannoon hojjetaa akka jiran ibsaniiru.

Rakkoolee mana jireenyaa, dinagdeefi hawaasummaasaanii qabatamaan furuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhatamaa akka turan yaadachiisanii warreen lafa fudhatanii mana ijaarrachuu dadhabaniifis tajaajilli liqaa akka mijatuufii taasifamuu yaadachiisaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013  

Recommended For You