Bayyanaa Ibraahimiin
Itayya: Wiirtuu dugdaa misooma qonnaa Oromiyaafi biyyaa, naannawa mankuusaa qamadiifi garbuu kan qonnaan bulaan tiraaktaraan qotee kombaayinaraan itti hammatu dachee ruufaa qe’ee quufaa Arsii.
Haala qilleensa omisha sanyiiwwan midhaanota garagaraatiif ta’u teessuma lafaa qonnaaf mijataa, qonnaan bulaa hojjatee hinifanneefi milkii xixiqqoon hinsobamne hammattee abdii biyyaa taati.
Qamadiifi garbuu sadarkaa Oromiyaatti omishamu qofa osoo hintaane kan akka biyyaatti omishamuuf gumaacha sadarkaa duraa kan qabu Godinni Arsii, qonnaan bulaa godinichaa deeggaruun immoo dinagdee biyyaa deeggaruu akka ta’e Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ni dubbatu.
Sagantaa facaasaa kilaastara qonna gannaa akka naannootti Godina Arsii, Aanaa Heexosaatti dheengadda adeemsifame kan jalqabsiisan Obbo Geetuun, qonna gannaa qofaan lafa hektaara miiliyoona 3.4 ta’u kilaastaraan uwwisuuf karoorfamuu ibsu.
Qonni Oromiyaa kan naannicha qofa sooru osoo hintaane kan biyyattii sooru waan ta’eef galtee qonnaa guutuu fayyadamuun kaayyoo kana galmaan gahuuf hojjatamaa jiraachuus kaasaniiru.
Qonnaan bulaan Godina Arsii baay’inaan omishuu qofa osoo hintaane teknolojiiwwan haaraa fudhachuurrattis fakkeenyummaan kan eeramu ta’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.
Guyyichattis lafti hektaara 230 ta’uufi miseensota waldaa qonnaan bulaa 81 of jalaa qabuun qamadii kilaastaraan kan facaafaman ta’uu kan himan immoo Ittigafatamaa Waajjira Qonna Godina Arsii Obbo Gannaa Mahaammad, qamadiin lafa kanarratti faca’us kan nyaataaf oolu osoo hintaane sanyiidhaaf kan oolu ta’uu dubbatu.
Rakkoolee yeroo ammaa qonnaan bulaa godinichaa mudataa jiru keessaa inni guddaan hanqina sanyii filatamaa ta’uu kan eeran Obbo Gannaan, sanyii filatamaa kana baasii olaanaadhaan alaa galchuurra achumtti omishuun akka kallattiitti taa’ee hojitti galamuus ni ibsu.
Kanarra ka’uunis lafa barana akka godinichaatti gonna gannaatiin qotamu keessaa hektaarri 500 omisha sanyii qofaaf qophaa’uu eeraniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 26/2013