Qophii garee olompikii Itoophiyaa

Tashoomaa Qadiidaatiin

Finfinnee: Boqonnaawwan sadiitti qodhamee gaggeeffamaa kan jiru qophiin garee biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa olompikii Tokiyoof ammaan tana qophii xumuraa godhachaa jira. Haata’u malee atileetonni beekamoon tokko tokko garichatti makamanii leenji’aa akka hinjirre ibsamaa jira.

Gaazexaan Bariisaas dimma kanaafi kanneen biroorratti leenjisaa fiigicha meetira kuma 10fi shanii garee atileetiksii biyyaaleessaa Suppar Inteendanti Husseen Shaboo haasofsiiseera.

Akka isaan jedhanitti, atileetonni beekamoon agrichatti makamuu dhabuun hanqina waan uumuuf haalichi furmaata argachuu qaba. Ta’uu baannaan gara fuula duraatti ispoortii atileetiksii Itoophiyaarratti rakkina guddaa uumuu mala.

Olompikii Tokiyoof Sadaasa darberraa eegalee qophiin boqonnaawwan adda addaatiin Laga Xaafoofi Finfinneetti taasifamaa jiraachuus eeranii, walumaagalatti haalli amma jiru qaamaanis ta’u sammuudhaan gaarii ta’uu dubbatu.

Atileetonni gulaala olompikii marsaa tokkoffaafi lammaffaa, akkasumas shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaafi Olompikii Tokiyootiin sa’aatii gaarii qabaniifi akaakuuwwan dorgommii adda addaatiif atileetota sadiifi eeggataa tokko ittidabaluun qophiin maahessaa taasifamaa jiraachuu himu.

Qophii taasifamaa jiruun sadarkaan atileetonni keenya irratti argaman dorgommiiwwan dhiheenya kana Heengilootti adeemsifamanirraati qabxiin galmeessisan ragaa ta’uus eeraniiru.

Vaayirasiin koronaa qophiisaaniirratti dhiibbaa uumuu kan eeran lenjisichi, waldhabiinsi Koree Olompikiifi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa jidduu tures sochiisaaniirratti rakkoo ta’ee turuu himaniiru.

Atileetonni Itoophiyaa kopha kophaa leenji’uurra otoo gareedhaan leenji’anii bu’aaqabeeyyii ta’u kan jedhan leenjisaa Huseen, atileetonni baay’eenis haaluma kanaan hoteela galanii iddoo tokkotti shaakalaa jiraachuu beeksisaniiru. Kanneen dhuunfaadhaan leenji’anis baay’aachaa jiraachuu dubbataniiru.

Leenjistoonni atileetii tokko qofa qabanii hojjechaa akka jiran, tokko tokko ammoo atileetota lamaafi sanii ol leenjisaa akka jiru jedhanii, isaan wajjin atileetonni garee biyyaalessaa 28 qofti leenji’aa akka jiran himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You