Goonni Atileetiksii umrii 105, Ashaaraa Magariisaasaanii kaa’an

Tashoomaa Qadiidaatiin

Fifinnee: Shaalaqaa Baashaa Waamii Birraatuu Jedhamu manguddoo umrii 105 ti.Seenaa ispoortii atileetiksii Itoophiyaa keessatti dorgommii meetira kumaa 1fi 500,kan meetira kuma shaniifi kuma kudhanii, akkasumas dorgommii tarkaanfiifi fiigicha Maraatoniitiin balbala atileetiksii saaquudhaan beekamu.

Atileetii hangafti kun quxisuuwwan isaa gootota olompikii Irreessaa Abbabaa Biqilaafi Maammoo Waldee dursuudhaan mo’achusaa malee atileetota Itoophiyaa damee kanaan kunuunsee guddisuudhaan seenaa olaanaa kan galmeessisaniidha.

Shaalaqaa Baashaa Waamii Birraatu.ALA bara 1953 dorgommii biyyooleessaa magaalaa Jaappaan, Muunikitti gaggeeffamerratti yeroo jalqabaaf Irreessaa Abbabaa Biqilaa wajjin Itoophiyaa bakka bu’uudhaan miila duwwaa fiiguudhaan atileetota biyyoota biroo osoo of jidduu hingalchiin walitti aananii Abbabaan tokkoffaa isaan ammoo lammaffaa bahuudhaan seenaa hin dagatamne hojjeetaniiru.

Injifannoonsaanii kun umrii waaggaa 60 kan lakkoofsise yoo ta’u guyyaa injifannoosaanii kana sababeeffachuudhaan Ambaasaadara Jaappaan wajjin kaleessa masaraa mootummaa Itoophiyaa duritti biqiltuu dhaabaniiru.

Shaalaqaa Baashaa Waamii Birraatuu ibsa nuuf kennaniin ,guyyaa har’aa kana gammachuu guddaatu natti dhagahama jedhu. Waaggaa 60n baranaa Jaappaanitti mo’annee wayita deebinu Mootii Hayila sillaaseetiin asitti muudamaafi badhaasa argadhe jedhanii himu. Har’ammoo umrii 105tti dallaa kana keessatti maqaa kiyyaan biqiltuu dhaabuuf carraa argachuu kiyyatti  gammachuu dachaatu natti dhagaham jechuun ibsaniiru.

 Mootummaan Jaappaanis waggoota 60n injifannoo keenyaa of duuba debi’ee nu yaadachiiseera jedhanii  har’a Ambaasaaddara isaanii wajjin biqiltuu dhaabuun hariiroo biyyoota lameenii caalaatti kan cimsu waan ta’eef nan galateeffadhas jedhaniiru.

Olompikiin Tokiyoo 2021 Jaappaanitti ji’a tokko boddee waan gaggeeffamuuf atileetonni keenyas seenaa kanaan dura injifannoodhaan hojjenne sana irra deebiidhaan  dabalanii Ummata Itoophiyaa akka gammachiisan abdiin qaba jedhaniiru.

Jaappaanooni yomiyyuu nu  hin irraanfatani kan jedhan Shaalaqaa Baashaa Waamiin,dorgommii kiiloo meetira 42:195  Muunkeenitti taasifamerratti  qilleensa akka abiddaa nama waxalu keessa miila duwwaa fiiguudhaan faanni Keenya qunca’eera jedhu.,

Dafqa adii duguuggachuun dhiiga  Keenya dhangalaafneerra foon miila keenyaas   achitti citee waan hafeef seena qabeessadha jedhaniiru

Ambaasaadarri Jaappaan Itoo  Takaakoo gamasaniitiin akka jedhanitti,Shaalaqaa Baashaa Waamii Birraatuu wayita Jaappaan dhufuudhaan Muunkeenitti dorgoman reefu dhalatu.Kuni ta’us har’a nawajjin dhaabatanii biqiltuu dhaabuusaaniitti isaan osoo hin ta’iin anatu milkaa’en jedha jechuudhaan ibsaniiru.

Itoophiyaan biyyaa atileetota ciccimoo horachuudhaan beekamtuudha, kanaaf ragaa kan ta’u maanguddoon umri 105 kun anaaf ragaadha jedhaniiru.

Atileet Shaalaqaa Baashaa Waamii Birraatuu gurraafi ijisaanii dadhabus akka kaleessaa ala bahanii fiiguu baatanis dallaa isaanii keessatti sochii qaamaa gochaa kan jiran yoo ta’an moodela atileetota keenyaa ta’uu tajaajilaa jiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You