Jiini tokko tokko taatewwaniin kan guutameedha. Wantooti ji’a sana keessatti raawwatan gariin kan seenaa qofaaf galmaa’anii kuufamanii miti. Kan hanguma giingoon yeroo naann’e dhufu yaadatamaniifi qalbii namaatti dhufaniidha. Jiini Waxabajii anaaf amala kana qaba. Keessattuu eddii artiistii beekamaa Haacaaluu Hundeessaa harka diinaatiin ajjeefame asi.
Torbeedhuma kana keessa, miidiyaa tokko dhaggeeffachaa turre; akkuma maatiitti manduree as, gola keessa teenyee. Miidiyichi dhimma ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa irratti xiyyeefatee dubbataa jidduu jidduun sirbasaa dhageessisa. Hundi keenyaa qalbiin walbira nu hinturre. Yaada dhuunfaa keenyaa, garuu kan walirraa hinfagaanne keessa turre. Yoo akka tasaa sagalee dhageenyee yaada keessaa damaqnuu mucaan keenya ishii xiqqoon hudhamaa jirti. Kan hudhe midhaanii miti. Imimmaantu hudhee boqooshiirra jiga. Maal taate? jennee hingaafanne- nutis imimmaan hindhangalaasne malee yaaduma walfakkaatu keessa turre. Imimmaan mucaa keenya xiqqoo kan Oromummaan boochisu sana ilaallee caalatti gaddine.
Kanumarraa ka’een waggaa tokko duubatti deebi’ee yaaduu eegale. Daangaa waggaa tokkoos taree mil’adhe. Waxabajjii bara 2011! Waxabajjii bara 2010! Kan baranaas hindaganne. Waxabajjii baroota jijjiramaa kan taatee guguddaan itti baayyate.
Ji’a kana keessa, bara jijjiramaa 2010 as, taateen badaa ta’an akka baay’atan namni qalbisee laata? Waggaa sadeen keessattu taatee guguddaatu biyya kana keessatti raawwate. Bakkan jalqabuu na dhiba. Asii achi, dhihoo irraa gara fagootti deemee yaada koo dhangalaasu moo? Achii asi, fagoorraa gara dhihootti seenessuu wayya laata? jedhee of gaafadhe. Asii achi jalqabuun filadhe. Kanumaana itti fufa.
Waxabajjii 14/2013.Torbee kanaadha. Taatee guddaatu ta’e; wanta akka biyyaatti seena qabeessa ta’e. Filannoon 6fan biyya Xoobbiyaatti adeemsisameera. Filannoon mallattoofi ibsituu mirga dimokiraasii keessaa isa tokkoodha. Filannichi ciminaafi hanqina qabatee adeemsisamuunsaa waan tokkoodha. Kan deggaramuu qabusi. Dimokiraataawaadha moo miti jechuuf ragaa guutuu barbaachisa. Hirmaachisaadha moo miti jechuuf qo’annootu deebii kenna. Eenyutu hirmaate? Eenyutu hinhirmaanne? Maaliif? Ummanni maal jedhe? Warri siyaasaa maal dubbatan? Ollaan dhihoofi fagoo maal jedhan? Hayyoonni siyaasaa deebii itti kennu jedheen yaada. Filannichi hanga ammatti naga qabeessa. Kanumaan akka fulla’u abdiin qaba. Wanti nagaa caalu waan hinjireefi.
Waxabajjii 21/2012! Guyyaa Wixaata. Galgala keessaa sa’aatii sadii. Kan mucaa koo qofa osoo hinta’in ummata Oromoo mara imimmaan cuunfe, gaddisiise taatee guyyaa kana. Sa’aatii jedhametti raawwateedha. Waxabajjii 21/2011 Oromoon nama dhabe. Nama guddaa tokko tasa of maddii dhabe. Wareegamni weellisaa Haacaaluu Hundeessaa guyyaa hamtuu kana. Guyyaan wareegamni weellisaa Haacaalu guyyaa gurraacha. Guyyaa gurraacha ummanni kun qaaliisaa itti dhabeedha. Kun seenaa ji’a kana keessatti galmaa’ee kan bara baraan yaadatamudha- dhaloota Oromoo biratti. Akkuma Jeneraal Taaddasaa Birrufi qabsaa’ota mirga Oromoo kaanii.
Wareegamni Haacaaluu isa qofaan hindhaabbanne. Sababa sanaan namoonni hedduun lubbuu dhabaniiru. Qabeenyaa bara dheeraaf horatan dhabanii halkan tokkotti harka qullaatti hafaniiru. Hidhamaniiru. Hunduu waan nama gaddisiisuudha. Waan ta’uu hinmalleedha. Waan biyyi itti gadditeedha. Garuu maal gaodhan? maal jedhu? Maal! Maal! jedhanii yeroo yaadaan dhibmanii? jedhe sirbe beekaan sun. Waaqayyoo hamtuu akkana nutti hindeebisin! Isin gahe jedhee nu haa dhiisu!
Waxabajjii 15! Bara 2011- Waggaa lama duubatti isin haa deebisu. Guyyaa kanas wanta hineegamnetu ta’e. Hoggantoonni Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaaritti walajjeesanii dhiiga walii dhangalaasan. Jeneraalli hamaan sun namootii gameeyyii fixee ofiifis dhabame. Du’aatiin Baahirdaar osoo arrabarraa nama hinbu’iin Finfinneetti wanti biraa dhalate. Jeneraaloti lama ajjeefamuunsaanii gama sooshaal midiyaatiin gabaafame. Hogganaan waraana biyyattii balaa kanaan lubbuunsaanii darbe. Naasuu guddaan akka biyyaatti uumame. Gaddi guddaan dhaqabe. Kunillee akka biyyaatti waan hamaa ture. Akkuma Haacaaluu namoonni guguddoon guyyaa tokkotti biyyoo jala oolan. Du’a akkasiirraa namas, biyyas haa baraaru.
Waxabajjii bara 2010. Gaafa guyyaa 16fa. Yeroon kun yeroo gammachuuti. Aanga’oonni wayyaanee dhiiga namaa xuuxaa turan aangorraa ari’atamniiru. Qeerroon mataa guduruufi qarreen mataa marsaa gammachuu keessa jiru. Qabsoon isaan dhiiga itti dhangalaasaniifi adda durummaan gaggeessan injifannoo cululuqaa argamsiisteetti. Obbo Hayilamaariyaam Dassaalany aangoo gadi lakkisanii Abiyyi Ahimad ( PhD) aangotti dhufaniiru. Murni Lammaa Magarsaa kan ‘Tiim Lammaa’ jedhamuun beekamu fudhatama guddaa argateera. Jaalalaan biyya raasaa jira. Yeeroo Oromoon “ijoolleen Abbaa Gadaa” aangoo qabatte jedhee Waaqasaa galateeffachuu jalqabe.
Guyyaa kana, waxabajjii 16, Finfinneen of hinbeektu turte, gammachuun machooftee. Deggersa Ministira Muummichaa Abiyyi Ahimadiifi murnasaatii namni gamaagamasii walwaamee Addababa’ii Ummataatti walgahe. Namni waan manatti hafe hinfakkaatu. Anillee qaama hiriira kanaan ture. Akkuma lammii kamiiyyu gammachuun na keessa turte. Bakka wanti gaariin jiruu yaraanis hindhabamu. Gammachuu sana keessatti boombiin dhoote, naannoo ministra muummichifi aanga’oonni taa’anitti. Gammachuun naasutti deebite. Booda namni du’uuf madaa’uu dhageenye. Bubbullee waan biraas dhageenye. Waaqayyo aanga’oota keenyaasa, ummatas baraare. Garuu dubbitiin karaa hundaanuu hamtuu turte.
Taatewwan hunduu, kan filannoon baranaan alaa, waan walfakkaatan of keessaa qabu. Yakkaafi yakkamaatu keessa jira. Ajjeechaan artistii beekamaa kun yakkadha. Yakka nama tokko qofarratti raawwatee miti. Yakka maatii Haacaaluurratti dalagameedha. Yakka hawaasa Oromoorratti raawwateedha. Mucaa qaalii ummataatu itti yaadameefi karoorfamee galaafatame. Artistii ijaafi gurra ummataatu ajjeefame. Yakki lubbuu namaa baasuu caala hamaa ta’e waan jiru natti hinfakkaatu.
Ajjeechaan Baahirdaaris ta’e kan Finfinneetti Jeneraalota galaafate yakkaadha. Kunis yakka namoota dhuunfaa qofarratti raawwatamee miti. Yakka biyyarratti raawwateedha. Hoggantoota sana dhabuun biyya guddaa miidha. Gochi gaafa hiriira deggersa ministira muummichaa raawwates yakkadha. Yakka jijjirama sana gufachiisuuf yaadameedha jedheen itti amana. Yakka hoggantoota jijjiramaarratti raawwateedha.Yakka ummata hiriira baherratti raawwatedha. Waaqayyo cancalasaatiin qabe malee osoo ministira muummichaa ykn aanga’oota sana keessaa namni tokko waa ta’e maaltu dhufuu danda’a? jedhanii yaaduun gaariidha.
Yakkawwan kunniin sirritti abbaan itti godhamee hawaasniiifi dhaloonni akka irraa baratu waan ta’e natti hinfakkaatu. Dhugaan weellisaa Haacaaluu hanga ammaa hinbaane. Eenyutu ajjeese? Kaayyoo maaliif ajjeese? Eessatti ajjeese? Eenyutu harka keessaa qaba? gaaffiiwwan deebii barbaadaniidha. Gaafii kanneen kan gaafatu maatii qofaa miti; ummatatu gaafataa jira. Deebiisaas abdii osoo hinkutatin eegaa jira. Haqni bubbulte haqa haalamte jedhu warri seeraa. “Justice delayed is justice denied!. kana akka ta’u qaamni yaadu hinjiru. Yakkamaan adda bahuu qaba. akka seeraattis adabamuu qaba. Hawaasnis irraa brachuu qaba.
Dhaloonni kun waan tokko hubachuu qaba. Kan Haacaaluu dhumateera. Haacaaluun wareegameera. Kaayyoo maaliif wareegame? jedhee gaafachuu qaba. Kaayyoo dhuunfatiifi? Miti. Haacaaluun dhimma ummataaf aarsaa kanfale. Dhimma ummata Oromootiif diinni itti duulte. Kabajama mirga Oromootiif sodaa malee waan qabsaa’eef shirri irratti raawwatame. Walqixxummaa sabaafi sablammiitiif dhugaa dubbateeti dharaan ajjeefame. Inni seenaa ofiisaa hojjatee darbeera. Dhaloonni jiru akkumasaa seenaa mataa isaa hojjechuu qaba. Walqixxummaafi, kabaja mirgoota namummaaf, misoomaaf, nageenyaaf hojjechuu qaba. Maalumaafuu jireenyi ciigoodha. Sookoofi soorgoo qabdi.
Torban gaarii!
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013