Natsaannat Taaddasaatiin
Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa erga hundaa’ee beekamtii argatee waggaa tokko ta’eera. Waldichi hiyyummaa hir’isuu, carraa hojii dargaggootaaf uumuu, dargaggoota dinagdeen aangessuu, omishaalee qonnaa gabaaf dhiyeessuun qaala’ina gatii tasgabbeessuu, guddistuu callaafi farra aramaa qonnaan bultootaaf dhiyeessuufi rakkoo mana jireenyaa miseensotasaa furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Waldichi dargaggoota godinaalee Oromiyaafi kutaalee magaalaa Finfinnee keessaa baba’aniin kan hundaa’e yoo ta’u, qonnaan bultoota waliinis hariiroo gaarii uumee hojjechaa jira.
Waldichi waggaa tokko keessatti hojiilee guguddoo raawwateera; raawwataas jira. Magaalaa Finfinnee iddoowwan gara garaatti kuduraaleefi fuduraalee akkasumas midhaan akaakuuwwan gara garaa dhiyeessuudhaan qaala’ina gatii tasgabbeessuu keessatti gumaacha irraa eegamu bahachaa jira. Gama kanaan dargaggoota hedduufi carraa hojii uumeera.
Waldichi torban darbe koreewwan caasaaleesaa godinaalee Oromiyaafi kutaalee magaalaa Finfinnee keessaa baba’aniif leenjii kan kenne yoo ta’u, hoggantoonni waldichaafi caasaaleesaa, mootummaa, baankiiwwan garagaraa, abbootiin seeraafi abbootiin qabeenyaa leenjicharratti argamaniiru.
Pirezdaantiin waldichaa Dargaggoo Sanyii Idashuu leenjicharatti akka jedhetti, waldichi erga hundaa’ee waggaa tokko keessatti hojiilee fayyadamummaa miseensotasaafi hawaasaa mirkaneessan hedduu hojjechaa jiraachuufi omishaalee qonnaa kanneen akka kuduraaleefi fuduraalee akkasumas midhaan akaakuu gara garaa qonnaan bultootarraa bitee gabaa Finfinneetiif dhiyeessuudhaan qaala’ina gatii gabaa tasgabbeessuuf hojjechaa jira. Waggaa haaraa as adeemuufis omishaalee qonnaa baay’inaafi qulqullinaan dhiyeessuudhaan qaala’ina gatii ayyaana waggaatiin walqabatee mul’achuu malu tasgabbeessuuf qophii gahaan taasifameera jedha.
Waldichi yeroosaa harka caalu hojiirratti dabarsaa jira kan jedhan pirezidaantichi, waldichi waggaa tokko keessatti hojiilee waldaleen gara garaa erga hundaa’anii waggaa afur keessatti hojjetan dachaa afuriin kan caalu raawwachuusaafi gara fuulduraattis mul’ata waldichaa dhugoomsuuf kutannoo cimaan hojjechaa jira. Waldichi hundeeffamasaa waggaa tokkoffaa sababeeffachuun konfiraansii guddaa qopheessaa kan jiru ta’uus himeera.
Waldichi qonnaan bultoota waliin hariiroo cimaa uumee hojjechaa jiraachuu himanii, omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa guddisuufis guddistuu callaa, farra aramaa kan dhiyeessuuf ta’uufi daldaltoota seeraan alaa qonnaan bultoota saamaa turanis gabaa keessaa baasuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa waldaa mirkaneessaa jiru ta’uu dubbateera.
Rakkoo mana jireenyaa miseensotasaa furuunis karoora waldichaa keessaa isa ijoo ta’uu eeree, karooraafi mul’ata waldichaa milkeessuuf miseensonni waldichaa sheerii qarshii kuma 10 kaffalachuu akka qaban yaadachiiseera.
Miseensonni waldichaa sheerii qarshii kuma 10 kaffalanii ammoo Roobii darberraa eegalanii nagahee dhiheeffachuun waraqaa raga abbaa sharii ta’uusaanii mirkaneessu waldicharraa fudhachuu kan danda’an ta’uufi miseensonni waldichaa biroonis dafanii sheeriisaanii kaffalanii akka xumuran yaadachiiseera.
Miseensota sheerii qarshii kuma 10 kaffalanii xumuraniifi waraqaa ragaa abbaa sheerii ta’uusaanii mirkaneessu argatan bu’aa waggaatti argamerraa %70 kan argatan ta’uu kan himan pirezidaantichi, %30 hafe ammoo hojii waldichaa geggeessuuf kan oolu ta’uu himeera.
Sheeriin utuu hinbitamin hafe waggaa afur keessatti miseensota waldichaa kanneen duraan turaniifi haaraa galmaa’anitti kan gurguramu ta’uu himee, kaappitaala waldichaa guddisuufi karoorasaa milkeessuuf miseensonni sheeriisaanii dafanii akka bitatan yaadachiiseera.
Tokkummaan keenya humna keenya kan jedhe Sanyiin, hoggantoota caasaalee waldichaa waliin kutannoon hojjechuudhaan milkaa’aa akka jiraniifi deggersa mootummaafi baankonni gara garaa isaaniif taasisaa jiraniif galateeffateera.
Nuti miseensonni waldichaa humna, beekumsa, qabeenyaafi yeroo keenya qindeessinee diina keenya himmuurratti duullee injifachuu qabna kan jedhe pirezidaantichi, hojii daldalaa keenyas ammayyeessuufi galii agannurraa qusachuudhaan gara invatimantii gurguddaatti ce’uuf cimnee hojjechuun akka barbaachisu eera.
Waldichi ofiisaa qofa guddachuu utuu hintaane fayyadamummaa ummataas mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan jedhan Obbo Sanyiin, waldichi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuufi qaala’ina gatii tasgabbeessuuf hojii omishaalee qonnaa gatii madaala’aadhaan dhiyeessuu cimsee kan itti fufu ta’a. Irree gamtoomeefi miira nan danda’aatiin hojjennaan eessayyuu ga’uu ni dandeenya jedha.
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaarraa kan dhufan Obbo Kennaa Dheeressaa akka jedhanitti, sheeriin karaa ittiin kaappitaala horatan ykn qarshii hojii ittiin walitti qabataniidha. Kaappitaalli hinjiru taanaan hojii hojjechuun kan hindanda’amne ta’uu himaniiru.
Waldichi guddachaa deemuu kan danda’u yoo kaappitaallisaa guddachaa deemeedha kan jedhan Obbo Kennaan, karoora waldichaa milkeessuufi kaappitaalasaa guddisuuf miseensonni sheeriisaanii dafanii bitachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Kongoon biyya qabeenya uumamaa guddaa qabdu taatee hiyyeettiidha kan jedhan Obbo Kennaan, Jaappaan ammoo biyya qabeenya uumamaa hinqabne taatee sooromtuuta. Jaappaan kan sooromte dura sammuu namaarratti waan hojjetteefi. Kanaafuu waldichis dura sammuu miseensotasaarratti hojjechuun milkaa’ina karoorasaaf kan gargaaru ta’uu himu.
Waldaan Hojii Gamtaa rakkoo walii waliinj furuuf, qusatanii jijjiiramuufi rakkoo hoji dhabdummaa furuuf kan gargaaru ta’uu himanii, waldaa hojii gamtaa keessatti hundumtuu waliin guddachaa deema.
Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Finfinneetti, Daariktarri Bittaa Aadde Dabirituu La’aalam akka jedhanitti, waldichi hiyyummaa hir’isuufi carraa hojii gama uumuutiin qabatamaan hojii jajjabeessaa raawwachaa jira. Jalqabbiin hojii waldichaa gaarii ta’uufi xumurrisaas akka bareeduuf waldichi jabaatee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Waldichi karrawwan shanan Finfinneerratti bakka omisha itti gurguru akka argatuuf hojjechaa jiraachuufi hangasitti iddoowwan omishaalee itti gurguru bakka gara garaatii akka argatu ta’eera kan jedhan Aadde Dabirituun, waldicha waliin ta’uun hawaasa tajaajiluu kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Ejensichi bara 2014 karrawwan magaalaa Finfinnee shanan irratti bakkawwan gurgurtaa ijaaruuf karoorfachuusaa himanii, waldichis karrawan shanan irratti bakka gurgurtaa kan argatu ta’a. Ejensiichi gara fuulduraattis waldicha waliin kan hojjetu ta’uu himaniiru.
Waldichi sadarkaa guddaarra ga’uufi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf Ejensii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa waliinis hariiroo uumee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru. Leenjitoonnis leenjii kennameef akka galaatti ittifayyadamuun mul’ata waldichaa milkeessuuf cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Waldichi humna dargaggoota baratanii gahaa waan qabuuf hundumtuu kaayyoo waldichaa milkeessuuf ittigaafatamummaafi tokkummaa cimaadhaan hojjechuu akka qaban kan yaadachiisan Aadde Dabirituun, Ejensiin Waldaa Hojii Gamtaa Finfinnee gara fuulduraattis waldicha waliin kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Leenjii kennamerraa hubannoo gaarii arganneerra kan jedhan hirmaattonni leenjichaa, leenjichi akka galaatti kan isaan gargaaru, dhalootas jijjiiruu kan danda’u waan ta’eef hubannoo argatan miseensota waldichaa biroof kan qoodan ta’uu himaniiru.
Waldichi gaaddisa hiyyummaa cabsee duumessa soorummaa kan fide ta’uu himanii, dargaggoota dinagdeen ga’oomsuuf waldaa kutannoon hojjechaa jiru waan ta’eef mul’ata waldichaa milkeessuuf hundumtuu irree gamtoomeen hojjechuu qabna jedhaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013