Bayyanaa Ibraahimiin
Finfinnee: Duudhaalee Oromummaa isa ganamaatti deebi’uu, kallattii maraan dorgomaa ta’uu, halkaniif guyyaa hojjatanii rakkoo hiyyummaa keessaa bahuu, qulqullina hojii hunda keessatti mirkaneessaa adeemuufi hojiilee raawwataman hunda keessatti miira waltumsuufi waliin hojjachuu cimsachaa adeemuu akka qajeeltoowwan bu’uraatti fudhatamanii gara hojiitti galame.
Hojii kanaaf immoo namoota fakkeenya gaarii ta’aniif dursa kennuudhaan hawaasni bal’aan hojii hoggantoota kanaa ilaalee waan isarraa eegamu akka bahatuuf karoorfamee hojitti galame. Kanaanis yeroo jalqabaatiif namootni muummee aangoo biyyattiirra taa’anii biyyaan deeman konkolaattota babbareedoo keessaa bu’anii miilaan akka adeeman itti murtaa’ee hojittis milkaa’e.
Jarri aangoo olaanaa biyyattii irra taa’anii gabaasa hojiilee isaaniif dhihaatu qofa qorachaa ture yeroo jalqabaatiif ‘baareellaa’ baatee hojii tola ooltummaatiif of laate.
Kanarraa ka’uudhaan immoo hojiiwwan tanaan dura raawwatamuudhaaf bajata mootummaa qofa eeggachaa turan hojii tola ooltummaa kanaan raawwatamuudhaan daandii haaraa agarsiisan.
kan damee barnootaa qofa yommuu ilaallu bara darbeen hojii tola ooltummaatiin kan raawwatame qarshii biliyoona 5.2 tti kan shallagamu ta’uu Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ni ibsu.
Hojiilee tola ooltummaa barana hojjatamuuf karoorfaman irratti miiidiyaaf tibbana ibsa kan kennan hogganichi, walii galatti bara kanaaf hojii qarshii biliyoona 25tti shallagamu damee barnootaa irratti hojjachuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, barana hojii tola ooltummaatiin hojiilee gurguddoo 11 ta’an raawwachuudhaaf akka karooraatti qabameera. Isaan keessaa immoo, mana barnootaa sadarkaa duraa (Bu’ura Borii) kuma sadii, ijaarsa manneen jireenyaa Barsiisota naannawaa horsiisee bulaa kuma 15, daree dabalataa kuma 11, mana fincaanii 703, ibsaa manneen barnootaa kuma sadiifi 673 akkasumas, bishaan immoo manneen barnootaa kuma sadiifi 31 ta’aniif galchuuf qabameera.
Kanaan alattimmoo daa’imman maatii harka qaleeyyii akka barnoota addaan hinkunne gochuuf haalli ittiin deggaraman kan adda bahe yemmuu ta’u, bara barnootaa ittaanutti daa’imman harka qalleeyyii ta’an kuma 10 ta’an gargaaruuf karoorfameera.
Manneen barnootaa hundi magariisummaa akka gonfataniif immoo hojiin ashaaraa magariisaas xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu kan eeran Doktar Tolaan, hojiilee akka karooraatti qabaman kanneen raawwachuuf immoo ammumarraa eegalee qaamootni garagaraa fedhii agarsiisaa jiraachuusaaniis ibsaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013