Sinqinash Alamuutiin
Finfinnee: Duudhaa walgargaaruufi walijaaruu cimsuun hanga hiyyummaa seenaa taasisnutti tattaaffii eegalan cimsanii kan itti fufan ta’uu Kantiibaa Ittaantuun Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Aadde Adaanach Abeebee kutaa Bulchiinsa Qirqoositti sagantaa wiirtuu soorata Tasfaa Birihaan 5fa wayita hojii jalqabsiisanitti, wiirtuuwwaan soorataa yeroo muraasa keessatti xumuramuun hojiittii galuunsaanii ibsituu dudhaa Itoophiyanotaa waan ta’eef hanga hiyyummaa keessaa baanuutti tattaaffii eegalan cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbataniiru.
Hanga hiyyuummaa kessaa baanuuttii dadhabneerrafi takka haaboqannuu jechuun hafee, hiyyuummaa seenaa taasissuuf hunduu tattaafachuu akka qabus ibsaniiru.
wiirtuuwwaan soorataa kunneen yeroo gabaabaa keessattii hojiitti galuu danda’uunsaa immoo dudhaa walgargaarsaa Itoophiyaanoonni qaban kan agarsiisuu ta’uu beeksiisaniiru.
Gara fuula duraafis walgargaaruun dudhaa Itoophiyummaa Adduunyaaf ibsuun kan danda’amu ta’uus eeraniiru. Akka ibsasaaniitti;Filannoon gaggeeffame kophaasaatti galma waan hin taaneef hojiiwwaan dhaabbiin raawwataman ciiminaan itti fufu qabu.
Nuti Itoophiyaanoonni tokkummaa keenyaa yoo cimsine seenaa hojjenna. Tokkummaafi walgargaarsi hojiilee misoomaa biroo keessattii cimee ittifufuu qaba.
Tokkummaan keenya kunis wantoota adduunyaattii nu beekasiisan keessaa isa tokkoofi isa murteessaa ta’eedha.
Qaamooleen hedduun “nutu siiniif beeka” jechuun nu dubbisuufi sochoosuu kan barbaadan sababa jireenya hiyyuummaa gaggeesinuuf waan ta’eef, lammiilee keenya gargaaruuf namummaafi walii yaaduu qofatu barbaachisa.
Itoophiyaanoonni tokko ta’uun , walgargaarruun, walkabajuuniifi waldhagahuun, tokkummaa keeny guyyaa filannoo irradeebiin Adduunyaaf agarsiisuu qabna.
Waxabajjii 16 hojiisaa ifattii kan eegalee Wiirtuun Soorataa Tasfa Birihaa, Korporeeshinii hojilee Konistiraakshinii Itoophiyaatiin kan ijaaramee yemmuu ta’u, dhaabbilen adda addaa immoo deeggarsa qarshii miliyoona 1.5 taasisaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013